{"id":4383,"date":"2024-07-02T07:52:57","date_gmt":"2024-07-02T07:52:57","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4383"},"modified":"2024-07-02T07:52:57","modified_gmt":"2024-07-02T07:52:57","slug":"haqaafi-bulchiinsa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/02\/haqaafi-bulchiinsa\/","title":{"rendered":"Haqaafi Bulchiinsa"},"content":{"rendered":"<p><strong>Faayidaa Labsii Haaraa Itti Fayyadamaafi Bulchiinsa Lafa Baadiyaa<\/strong><\/p>\n<p>Qonnaan bulaan biyya keenyaa waggoottan darban keessatti lafa isaa qabsiisee dhaabbilee faayinaansii garaagaraa irraa carraa liqii ittin argatu hin qabu ture.\u00a0 Inumayyuu lafti kan mootummaati jedhame, qonnaan bulaan qabiyyee isaa irraa sababa misoomaafi invastimantiitiin qe&#8217;ee isaa irraa\u00a0 buqqaa&#8217;aa tureera.<\/p>\n<p>Rakkoo qonnaan bultoota bara hedduuf ture hiikuu kan dandeessisuu, manni maree bakka bu&#8217;oota uummataa\u00a0 wixinee labsii qonnaan bulaan lafa qabiyyee isaa qabsiisee, baankii irraa liqaa fudhachuu kan dandeessisu,\u00a0 Caamsaa 6 bara 2016 yaa\u2019ii isaa idlee gaggesseen raggaasisera. Mootummaan labsii kana labsuun isaa qonnaan bulaan fayyadamaa akka ta&#8217;uufi oomishaafi oomishtummaan akka dabalu xiyyeeffannaa itti kennee\u00a0 hojjechuu isaa agarsiisa jedhu qonnaan bultootni.<\/p>\n<p>Jiraataa bulchiinsa sablammii Oromoo\u00a0 aanaa Dawaa Caffaa\u00a0 ganda Shaklaa kan ta&#8217;an qonnaan bulaa Mahaammad Amin, qonnaan bulaan qabiyyee lafa isaa qabsisee baankiirraa liqaa akka argatu haalli mijataan uumamuun isaa, rakkoo qannaan bulaa gama faayinaansiin qabu furuun, oomishaafi oomishitummaan akka dabalu ni taasisa jedhaniiru. Kanaan dura lafti sababa hanqina xaa&#8217;oofi hanqina galtee qonnaatiin kan hin misoomiin hafe akka misoomu kan taasisuu ta&#8217;uus himaniiru. &#8220;Carraan akkasi dur waan hin turreef\u00a0 gama hundaan akka duubatti hafnu nu taasiseera&#8221; jedhera. Carraan amma argame kun yoo hojiirra oole qonnaan bulaaf faayidaa guddaa ni kenna jedhera. Qonnaan bulaan kun &#8220;qabiyyee keenya qabsisnee\u00a0 baankii irraa liqii yoo argane,\u00a0 cimne hojjenna; diinagdeen keenyas akka jijjiiramu ni taasisa&#8221; amantaa jedhu qabu.<\/p>\n<p>Waggoota 18 darbaniif labsiin itti fayyadamaafi bulchiinsa lafa baadiyyaa lakkoofsa 456\/1997 hojjiira ture irratti fooyya\u2019insa taasifamu,\u00a0 walitti qabaan koree dhaabbii dhimma qonnaa obbo Salamoon Laalee mana marichaaf ibsaniiru. Fooyya\u2019insoota labsii duraan irratti taasifaman keessaas, qonnaan bultoonni lafa qonnaa isaanii akka wabiitti qabsiisuun dhaabbilee faayinaansii fi baankiiwwan irraa maallaqa liqeeffachuu akka danda\u2019an kan eeyyamuudha.\u00a0 Labsiin itti fayyadamaafi bulchiinsa lafa baadiyaa haaraa bahee kun,\u00a0 abbootiin qabiyyee, lafa isaanii kireessuufi abbootii qabeenyaa waliin, waloon akka misoomsu kan danda&#8217;anis kan eeyyamuudha.\u00a0 Labsiin haaraa bahe kun qonnaan bultootni itti fayyadamummaa qabiyyee lafa baadiyyaa isaanii irratti qaban\u00a0 mirkaneessuuf kan kaayyeeffate ta&#8217;uu obbo Salamoon dubbataniiru.\u00a0 Wixineen labsii haaraan kun\u00a0 qonnaan bultootni qabiyyee lafa isaanii baankiidhaan\u00a0 qabsiisanii,\u00a0 maallaqa kan itti argatan,\u00a0 hanqina diinagdee isaanii kan ittiin hiikaniifi oomishaafi oomishitummaa isaanii akka guddisan\u00a0 carraa guddaa kan kennu ta&#8217;uus himaniiru.<\/p>\n<p>Ogeessa misooma diinagde kan ta&#8217;an obbo Darajjee Dajanee gama isaaniin,\u00a0 diinagdee biyya tokko kan murteessuu danda&#8217;an keessaa tokkofi inni guddaan lafa akka ta&#8217;e kaasaniiru.\u00a0 Biyyi tokko dinagdeen guddatte kan jedhamtu lafa, humna namaafi kaappitaalaa waliin qindeessuun hojiirra yoo oolchiteedha jedhaniiru. Keessattuu oomishaafi oomishitummaa guddisuun kan danda&#8217;amu waantoota sadan kana waliin qindeessuun yoo hojjetame ta&#8217;uu hubachiisaniiru. Kanaafuu wixineen labsii haaraa mana maree bakka bu&#8217;oota uummataan ragga&#8217;ee kun yoo hojiirra oole qonnaan bultootaaf carraa guddaa kan fiduudha jedhaniiru. Hundaa ol garuu labsiin kun\u00a0 qonnaan bulaan abbaa qabiyyee ta&#8217;uu isaa\u00a0 kan mirkaneessuudha jedhaniiru.\u00a0 Gama biraatiin immoo walitti bu&#8217;insa qabiyyee lafaa waliin walqabatanii uumaman, kun kan koodha,\u00a0 kun keenyadha kan jedhu\u00a0 hambisuufi mirga abbaa qabiyyee lafaa kan mirkaneessuu ta&#8217;uu himaniiru.\u00a0 Kanaan dura hanqinni maallaqaa qonnaan bulaan, oomishaafi oomishitummaa isaa haala barbaadamuun akka hin guddisneefi gara qonna ammayyaatti akka hin jijjiramne gufuu guddaa ta&#8217;e ture jedhaniiru.<\/p>\n<p>Labsiin amma bahee garuu rakkoo diinagdee qonnaan bulaa kan hiikuu danda&#8217;uu,\u00a0 oomishaafi oomishtummaa sadarkaa olaanaan dabaluu kan danda&#8217;uufi jireenya qonnaan bulaa daran foyyeessuu kan danda&#8217;uu ta&#8217;uu ogeessi kun ibsaniiru.\u00a0 Hanqinni diinagdee qonnaan bultoota yoo furmaata argate,\u00a0 qonna mala aadaatiin hojjetamaa ture gara ammayyaatti akka jijjiiramu taasisuufis labsiin bahee faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.\u00a0 Dhiyeessin liqaa kun qonnaan bultootni xaa&#8217;oo,\u00a0 keemikaala farra aramaafi farra ilbisoota bituun oomisha isaanii wantoota farra miidhaanii ta&#8217;an irraa akka eegan kan taasisuudha jedhaniiru.\u00a0\u00a0 Dabalataanis tiraaktaraafi maashinoota qonnaa ammayyeessuuf gargaaran akka\u00a0 fayyadaman\u00a0 kan taasisuufi oomishaafi oomishitummaa guddisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru obbo Darajjeen. Akka labsii haaraa kanattis dhaabbanni faayinaansii liqicha liqeesse, lafa baadiyyaa wabiif qabate yoo liqeeffataan\u00a0 maallaqa liqeeffate deebisuu dhabe,\u00a0 lafa sanatti fayyadama malee dabarsee gurguruu akka hin dandenye labsichaan daangeeffameera jedhaniiru.<\/p>\n<p>Liqeessaan yeroon laficha itti fayyadamus waggaa 10 akka hin caallee labsichaan murtaa&#8217;eera.\u00a0 Haata&#8217;uu malee naannoleen ofii isaanii murteessu ni danda&#8217;u\u00a0 garuu inni guddaan waggaa Kudhan caaluu hin qabu\u00a0 jedhamera.\u00a0 Baankiin waggaa kudhaniif liiziidhaan laficha erga fayyadameen booda,\u00a0 abbaa qabiyyee lafa sanaaf yookiin liqeeffataaf kan deebisuu ta&#8217;uu obbo Darajjeen ibsaniiru.\u00a0 Abbootiin qabiyyee lafa isaanii kireessuufi abbootii qabeenyaa waliin, waloon akka misoomsan taasisuun qonnaan bulaan qe&#8217;ee isaa irraa akka hin buqqaaneefi misooma qe&#8217;ee isarra hojjetame irratti qooda akka qabaatu kan taasisuu ta&#8217;uu himaniiru. Qonnaan bultootni qajeelfama kannanii fudhachuutin abbootii qabeenyaa waliin hojjechuun faayidaa waloo akka argatan kan taasisuudha malee akkuma kanaan dura misoomaafi invastmantiidhaan qonnaan bulaa qe&#8217;ee isaa irraa akka buqqaa&#8217;uu kan taasisuu miti jedhaniiru.<\/p>\n<p>Yeroo ABUT biyya bulchaa tureetti, lafti kan mootummaati,\u00a0\u00a0 mootummaan abbaa barbaadeef kenna, abbaa barbaade irraa immoo ni fidhata jechuun qonnaan bulaan qe&#8217;ee ofiirraa akka buqqaa&#8217;uu taasisaa tureera kan jedhan ogeessi kun,\u00a0 labsiin amma bahee garuu qonnaan bultoota fayyadamaa kan taasisuufi oomishaafi oomishtummaan akka dabaluu taasisuun qaala&#8217;insa jireenyaafi guddina biyyaaf gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru. Qabiyyeen isaa misoomaaf yoo barbaadamee illee, misoomicha irraa kan qooddatuudha malee, akkuma duraa qe&#8217;ee isaa irraa akka buqqaa&#8217;uu kan taasisu miti jedhaniiru.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitii Addis Ababaatti barsiisaa seera egumsa naannawaa kan ta&#8217;aan Dr.\u00a0 Mallasa Daamxee, sagalee Raadiyoo Jarman (DW) waliin turtii taasisaniin, jijjiirama qabeenya qilleessaatiin, biyyeen gabbataa hir&#8217;achaa waan dhufeef, qonnaan bulaan\u00a0 ooyiruu isaa irratti haala salphaan oomisha barbaadu argachuu akka hin dandeenye dubbataniiru.\u00a0 Kanaafuu qonnaan bulaan yoo liiqaa argateedha xaa&#8217;oofi teknoloojiiwwaan adda addaa fayyadame, oomishaafi oomishitummaa\u00a0 guddisuu kan danda&#8217;u jedhaniiru.\u00a0 Wixineen labsii mana maree bakka bu&#8217;oota uummataan ragga&#8217;ee kun qonnaan bultoota hedduuf\u00a0 carraa gaarii kan fideedha jedhaniiru. Rakkoo diinagdee qonnaan bulaan qabu furuun, oomishaawwan adda addaa bal&#8217;inaan akka oomishan kan taasisuu ta&#8217;uu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Haata&#8217;uu malee dhaabbileen faayinaansii qabeenya gurguramuufi jijjiiramu hin dandeenye qabatanii,\u00a0 maallaqa liqeessan jechuun baay&#8217;ee ulfaataa ta&#8217;uu kan kaasan Dr. Mallasa,\u00a0 mootummaan dhaabiilee kanneen akka\u00a0 Baankii Daldalaa Itoophiyaafi Baankii misooma Itoophiyaa\u00a0 liqii akka kennan\u00a0 dhiibbaa taasisuu akka danda&#8217;uu ni\u00a0 eegama jedhaniiru. Oomisha qonnaa dhiibbantaa 90 kan ta&#8217;u\u00a0 ooyiruu isaanii irratti kan oomishan qonnaan bultootni, liqii baankootni kennan irraa fagaatanii turaniiru. Wixineeen labsii mana maree bakka bu&#8217;oota uummataan raggaasifame, \u00a0qonnaan bulaa baankoota irraa fayyadamaa liqaa akka ta&#8217;uu eeyyamuus,\u00a0 raawwiin isaa salphaa ta&#8217;uu hin danda&#8217;uu jedhaniiru.\u00a0 Baankiin abbaa qabiyyee lafa 100 ta&#8217;aaniif liqii kenne,\u00a0\u00a0 yoo isaan deebisuu baatan\u00a0 lafa sana kan bulchuu danda&#8217;u Baakichadha.\u00a0\u00a0 Kanaafuu baankiin\u00a0 sirna faayinaansii irraa bahee hojiin isaa lafa bulchuu ta&#8217;aa sodaan jedhu akka jiru Dr.Mallasan himaniiru. Ogeessi diinagdee obbo Darajjee Dajanee gama isaaniin,\u00a0 baakootni liqaa kennan, liqeeffataan yoo birrii deebisuu baate,\u00a0 lafa gurguure birrii koon deebisa jechuu waan danda&#8217;aniif labsiin kun duubatti akka hin deebne kan jedhuu sodaa qaban himaniiru. Mootummaanis rakkoon akkasii akka hin muudanne\u00a0 of eeggannoon hojjechu qaba jedhaniiru. Qonnaan bultootaafis faayidaafi miidhaa liqiin qabu irratti hubannoo kennuun barbaachiisaa ta&#8217;uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Faayidaa Labsii Haaraa Itti Fayyadamaafi Bulchiinsa Lafa Baadiyaa Qonnaan bulaan biyya keenyaa waggoottan darban keessatti lafa isaa qabsiisee dhaabbilee faayinaansii garaagaraa irraa carraa liqii ittin argatu hin qabu ture.\u00a0 Inumayyuu lafti kan mootummaati jedhame, qonnaan bulaan qabiyyee isaa irraa sababa misoomaafi invastimantiitiin qe&#8217;ee isaa irraa\u00a0 buqqaa&#8217;aa tureera. Rakkoo qonnaan bultoota bara hedduuf ture hiikuu kan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4157,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4383"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4383"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4383\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4384,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4383\/revisions\/4384"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4157"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4383"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4383"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4383"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}