{"id":4385,"date":"2024-07-03T11:46:46","date_gmt":"2024-07-03T11:46:46","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4385"},"modified":"2024-07-03T11:46:46","modified_gmt":"2024-07-03T11:46:46","slug":"waltajjiin-nageenyaa-uummata-hirmaachiise-bulchiinsa-sab-lammii-oromootti-gaggeeffame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/03\/waltajjiin-nageenyaa-uummata-hirmaachiise-bulchiinsa-sab-lammii-oromootti-gaggeeffame\/","title":{"rendered":"Waltajjiin Nageenyaa Uummata Hirmaachiise Bulchiinsa Sab-Lammii Oromootti Gaggeeffame"},"content":{"rendered":"<p>Naannoon Amaaraa walitti bu&#8217;iinsa keessa erga seenee ji&#8217;oottan hedduu lakkoosiseera. Walitti bu&#8217;iinsicha hordofee naannichi komaandipoostiin buluu erga jalqabee ji&#8217;oottan kudhanii ol ta&#8217;eera. Walitti bu&#8217;iinsi uumame kun naannichatti miidhaa hedduu dhaqqabsiiseera. Sochiin uummataa bakka irraa bakkatti taasisuu akka daangeffamu taasiseera.\u00a0 Qabeenyaafi namooma irrattis miidhaan hedduu dhaqqabeera.<\/p>\n<p>Qaala&#8217;insi jireenyas akka dabaluus dhiibbaa guddaa taasiseera. Barattootni hedduun barnoota alaan akka ta&#8217;aan taasiseera. Fayyaa haadholiifi daa&#8217;imman\u00a0 irrattis akkasuma. Miidhaa kana hunda hambisuuf, walitti bu&#8217;iinsootni mariidhaan akka hiikaman tattaaffiin taasifamuus bu&#8217;aa barbaadamu argamsiisu hin dandeenye.\u00a0 Rakkicha furuuf mariin filannoo isa jalqaba akka ta&#8217;ee mootummaan hubachuun\u00a0 bakkeewwan garaagaraatti marii uummataa adeemsisaa jira.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraa bulchiinsa sab-lammii Oromootti rakkoolee uumaman mariin hiikuuf kaayyeeffate konfiraansiin nageenyaa bakka hoggantootni olaanoo raayyaa ittisa biyyaafi kutaalee hawaasa dhiibbaa uuman argamanitti gaggeeffameera.\u00a0\u00a0 Bulchiinsichi\u00a0 gara nageenya waaraafi nageenya guutuutti deebisuuf marii konfiraansi nageenyaa taasifame irratti abbootii amantaa,\u00a0 jaarsooliin biyyaafi\u00a0 dargaggoota dabalate kutaaleen hawaasa aanota adda addaa irraa walitti babbahan hirmaataniiru. Qaamoleen gaaffii qabna jedhan rakkoolee jiran mariin akka hiikaman fedhii akka qaban jiraattootni marii dhimma nageenyaa irratti hirmaatan ibsaniiru. &#8220;Jiraattootni kunneen rakkoolee kamuu qabsoo hidhannootiin osoo hin taane, mariitiin furuun nagaafi misoomaan biyya keenya waliin misoomsuu qabna&#8221;jedhaniiru. Kana gochuuf kutaaleen Hawaasa hundu gahee isaniirraa eegamu bahachuu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan dhimma maallaqaafi Hojii raawwachiiftu Raayyaa Ittisa Biyyaa, Birgaadeer Jeneraal Alemseggid Wandasan, Hawaasni abbaa nagaa waan ta&#8217;eef, qaamolee hidhatanii seeraan alaa socho&#8217;an,\u00a0 gara marii nagaatti akka dhufan taasisuun gahee isaa akka bahatu gaafataniiru. Konfiransii nageenyaa guyyaa lamaaf ture kun ibsa ejjannoo\u00a0 qabxii torba qabu baasuun xumurameera.\u00a0 Ibsa ejjannoo isaaniinis, gaaffilee dhimma bulchiinsa gaarii,\u00a0 hawaasummaa, siyaasaafi dhimma nageenyaa irratti kaasan,\u00a0\u00a0 sadarkaa sadarkaadhaan mootummaa naannichaafi federaalaaf akka dhiyaatan walii galuu isaanii himaniiru.<\/p>\n<p>Hirmaattootni Konfiraasichaa gaaffilee misooma naannichatti jiran nageenya malee hojjetamuu waan hin dandeenyeef,\u00a0 gaaffileen kammiyyuu naannoofi bulchiinsa sab-lammichaatti jiran karaa nagaan akka hiikaman gahee isaaniirraa eegamu akka bahatan mirkaneessaniiru.\u00a0 Dhaabbileen sabqunnamtiifi ogeessootni miidiyaa rakkoo naannichi keessa jiru gabaasuun, uummatni gara nageeenyaatti akka deebi&#8217;uufi uummatni naannicha obbolaa isaanii biroo waliin\u00a0 jaalalaafi tokkummaan wal deeggaruun socha&#8217;anii akka hojjetan gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru. Walitti bu&#8217;iinsootni waggoottan darban mul&#8217;atan,\u00a0 miidhaa namoomaafi qabeenya olaanaa geessisuu hirmattootni konfiraansichaa ibsaniiru.\u00a0 Nageenya naannawaa kabachiisuuf gahee isaanii akka bahaatan hirmaattootni yaada isaanii AMECOf kennan dubbataniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Naannoon Amaaraa walitti bu&#8217;iinsa keessa erga seenee ji&#8217;oottan hedduu lakkoosiseera. Walitti bu&#8217;iinsicha hordofee naannichi komaandipoostiin buluu erga jalqabee ji&#8217;oottan kudhanii ol ta&#8217;eera. Walitti bu&#8217;iinsi uumame kun naannichatti miidhaa hedduu dhaqqabsiiseera. Sochiin uummataa bakka irraa bakkatti taasisuu akka daangeffamu taasiseera.\u00a0 Qabeenyaafi namooma irrattis miidhaan hedduu dhaqqabeera. Qaala&#8217;insi jireenyas akka dabaluus dhiibbaa guddaa taasiseera. Barattootni hedduun barnoota [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4388,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4385"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4385"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4385\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4392,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4385\/revisions\/4392"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4388"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4385"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4385"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4385"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}