{"id":4393,"date":"2024-07-03T11:52:10","date_gmt":"2024-07-03T11:52:10","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4393"},"modified":"2024-07-03T11:52:10","modified_gmt":"2024-07-03T11:52:10","slug":"daaimmanif-kunuunsi-barbaachisaa-akka-taasifamuuf-gaafatame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/03\/daaimmanif-kunuunsi-barbaachisaa-akka-taasifamuuf-gaafatame\/","title":{"rendered":"Daa\u2019immanif Kunuunsi Barbaachisaa Akka Taasifamuuf Gaafatame"},"content":{"rendered":"<p>Guyyaan Ayyaana Daa&#8217;immanii Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti Kabajameera. Guyyaan ayyaana daa&#8217;immanii sadarkaa addunyaalessaafi biyyaalessatti kabajuu eegaluun baroota lakkoofsiseera. Ayyaanni daa&#8217;immanii bara kana akka Afrikaatti yeroo 34 ffaa sadarkaa biyyaalessaatti ammoo marsaa 33 ffaaf kabajameera. Haaluma kanaan, ayyaanichi sadarkaa bulchiinsa magaalaa Kamiseetti sirnaan ayyaaneffameera. Ayyaanicharratti daa\u2019imman dabalatee,\u00a0 gaggeessitoonni olaanoo bulchiinsichaa argamaniiru.<\/p>\n<p>Ayyaanichi bulchiinsichatti, mata duree &#8220;qulqullinaafi hirmaannaa barnootaa guddisuun yeroon isaa amma&#8221; jedhuun kan kabajamedha. Itti gaafatamtuu qajeelcha Dhimma Dubartootaa, Daa\u2019immaniifi Hawaasummaa bulchiinsa sab-lammii Oromoo,\u00a0 aadde Xooyibaa Mahaammad, biyya ijaaruuf dhaloota qaroome horachuun barbaachisaa waan ta\u2019eef daa\u2019immaniif qaamonni hundi xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta&#8217;uu dubbataniiru. Sababni ijoon ayyaanni daa&#8217;imman kabajamuuf daa&#8217;imman afaan dhaloota isaaniin barnoota argachuuf mormii kaasaniif kan deebii itti argatan yaadachuuf kan kabajamu ta&#8217;uu eeraniiru. Ayyaanichi caasaa gandarraa kaasee amma godinaatti kabajamaa akka dhufe aadde Xooyibaan himaniiru.<\/p>\n<p>Ayyaana kana yommuu kabjnu paarlaamaa daa&#8217;immanii cimsaafi haaressaa kan itti dhufnedha jedhaniiru. Paarlaamaan daa&#8217;immanii daa&#8217;imman bifa gurmaa&#8217;een gaaffii qaban bifa qindaa&#8217;aafi seera qabeessa ta&#8217;een dhiheeffachuuf kan gumaachu ta&#8217;uu addeessaniiru. &#8220;Wantootni isaaniif barbaachisu karaa kana kan darbuufi hoj-maata sirriis achi keessatti kan shaakalaa deemanidha&#8221; jedhaniiru. Daa\u2019imman naamusa gaariin akka guddataniif qaamoleen dhimmi ilaalu marti gahee isarraa eegamu bahachuun murteessaa ta&#8217;uudha kan himan. Guddina biyyattii mirkaneessuufi boru gaggeessitoonni biyyaa daa&#8217;imman waan taheef\u00a0 sirnaan irratti hojjechuun barbaachisaa ta&#8217;uus kaasaniiru.<\/p>\n<p>Bulchaa olaanaa bulchiinsa sab-lammii Oromoo, obbo Ahimad Alii, daa&#8217;imman gaaffii afaan ofiin barachuu gaafachuu isaaniif qofa wareegama guddaa kaffalaniiru jedhaniiru. Ayyaanni kunis guyyaa wareegamaa sana yaadachuuf jecha sagantaa eegalame ta&#8217;uu mirkaneessaniiru. &#8220;Guyyaan kun guyyaa qabsoo daa&#8217;imman Afrikaa mirga afaan ofiin barachuuf taasisan kan itti yaadannuufi abdiin egeree biyyaa daa&#8217;imman waan ta&#8217;eef mirgaafi dirqama isaanii akka baraniif kallattii qabsiisaa deemuuf kan gargaaruudha&#8221; jedhaniiru. Boru hooggansaafi ogummaan biyya kan nu harkaa fuudhaniifi haadhaafi abbaa ta&#8217;anii biyyattii kan ceesisan isaan waan taheef daa&#8217;imman ijaaraa deemuun barbaachisaadha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Qajeelfamoonni seera biyyattiin mirga daa&#8217;immanii ilaalchisanii raggaasifaman sirnaan hojiirra akka oolaniifis ayyaanichi barbaachisaa ta&#8217;uu himaniiru. Obbo Ahimad, gurmii daa&#8217;immanii keessatti aadaafi duudhaa hawaasaa daa&#8217;imman sirnaan barsiisaa deemuun barbaachisaa akka ta&#8217;e dubbataniiru. &#8220;Barnoonni ogummaafi hoggansaan dhaloota aangomsa; garaagarummaan biyyoota addunyaa giddu jiru barnootadha. Kanaaf, daa&#8217;imman barnootaan ijaaruu qabna&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p><strong><em>Guddinaa Asaffaatiin<\/em><\/strong><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Guyyaan Ayyaana Daa&#8217;immanii Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti Kabajameera. Guyyaan ayyaana daa&#8217;immanii sadarkaa addunyaalessaafi biyyaalessatti kabajuu eegaluun baroota lakkoofsiseera. Ayyaanni daa&#8217;immanii bara kana akka Afrikaatti yeroo 34 ffaa sadarkaa biyyaalessaatti ammoo marsaa 33 ffaaf kabajameera. Haaluma kanaan, ayyaanichi sadarkaa bulchiinsa magaalaa Kamiseetti sirnaan ayyaaneffameera. Ayyaanicharratti daa\u2019imman dabalatee,\u00a0 gaggeessitoonni olaanoo bulchiinsichaa argamaniiru. Ayyaanichi bulchiinsichatti, mata duree &#8220;qulqullinaafi hirmaannaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4394,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4393"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4393"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4393\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4395,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4393\/revisions\/4395"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4394"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4393"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4393"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4393"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}