{"id":4400,"date":"2024-07-03T12:17:58","date_gmt":"2024-07-03T12:17:58","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4400"},"modified":"2024-07-03T12:17:58","modified_gmt":"2024-07-03T12:17:58","slug":"oomisha-midhaanii-kuntaalaa-miliyoona-tokko-ol-argachuuf-hojjechaa-jiraachuu-qajeelchi-qonnaa-bulchiinsa-sab-lammii-oromoo-beeksise","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/03\/oomisha-midhaanii-kuntaalaa-miliyoona-tokko-ol-argachuuf-hojjechaa-jiraachuu-qajeelchi-qonnaa-bulchiinsa-sab-lammii-oromoo-beeksise\/","title":{"rendered":"Oomisha Midhaanii Kuntaalaa Miliyoona Tokko Ol Argachuuf\u00a0 Hojjechaa Jiraachuu\u00a0 Qajeelchi Qonnaa Bulchiinsa Sab-Lammii\u00a0 Oromoo Beeksise"},"content":{"rendered":"<p>Dinagdeen Itoophiyaa harka caalu qonna irratti kan hundaa&#8217;eedha. Jireenyi uummata biyyattiis\u00a0 harka caalu qonna irratti kan bu&#8217;uureeffatedha jechuudha. Qonnaan bultootni bulchiinsa sablammii Oromoo hojjetanii jireenya isaanii jijjiruufi wabii midhaan nyaataa isaanii mirkaneessuuf rooba gannaa fayyadamuun ooyiru isaanii\u00a0 gosoota sanyii garaagaraan uwwisaa jiru.<\/p>\n<p>Bulchiinsa Sablammichaatti\u00a0 bara oomishaa 2016\/17 qonna gannaatiin, \u00a0lafa heektaara kuma 58 ol gosoota sanyii garaagaraan uwwisuun, midhaan kuntaalaa miliyoona 1 tuqaa 6\u00a0 ol sassaabuuf karoorfame hojjetamaa akka jiru ragaan qajeelcha qonnaa bulchiinsa sablammiichaa irraa argame ni mul&#8217;isa. Bulchiinsa sablammichaatti rooba gannaa fayyadamuun\u00a0 lafa\u00a0 qonnaaf mijataa ta&#8217;e hunda sanyii midhaaniin uwwisuun,\u00a0 wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf\u00a0 yaadame,\u00a0 gara hojiitti galamuu isaa qajeelchich beeksiseera.<\/p>\n<p>Jiraataa bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Jillee dhummugaa Ganda Luugoo Burqaa Bunaa, obbo Aliyyii\u00a0 Ahimad,\u00a0\u00a0 lafa isaanii\u00a0 qotatanii gosoota sanyii midhaanii, garaagaraan\u00a0 uwwisaa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Oomisha bara darbe sababa hongeefi ilbisoota farra midhaaniin dhabame bakka busuuf,\u00a0\u00a0\u00a0 bara kana humna guutuun\u00a0 gara hojiitti galuun,\u00a0 xiqiin hojjechaa akka jiranis himaniiru. Mootummaan\u00a0 bara kana xaa&#8217;oofi sanyii filatamaa haala addaan qonnaan bultootaaf dhiyeesuu isaas himaniiru.\u00a0 Qonnaan bulaan rooba jiru sirritti fayyadamuun oomisha isaa guddisuu akka danda&#8217;u hojiin hubannoo uumuu\u00a0 ogeessoota qonnaan kennamuus eeraniiru.<\/p>\n<p>Waajjira qonnaa aanaa Jillee Dhummugaatti, ogeessa misooma miidhaanii, obbo Abdallaa Musaa gama isaaniin,\u00a0 qonna gannaa waliin walqabatee, qonnaan bulaan,\u00a0 oomishaafi oomishitummaa isaa akka guddisuuf deeggarsa\u00a0 ogummaa taasisaa akka jiran dubbataniiru.\u00a0\u00a0 Sanyii filatamaa\u00a0 qonnaan bulaan tuteeffamaan akka facaasu taasisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamu kaasaniiru. Ogeessi kuni fayyadama xaa&#8217;oo nam-tolcheefi uumamaa ilaalchisee qonnaan bulaan hubannoo akka argatu taasisuun danda&#8217;amuu ibsaniiru.\u00a0 Qonnaan bulaan oomisha isaa yeroodhaan akka aramuu ogeessi yeroo yeroodhaan deeggarsa taasisa jiraachuu isaatis kaasaniiru.<\/p>\n<p>Itti aanaan itti gaafatamaa qajeelcha qonnaa bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Hasan Sayid,\u00a0 bara kana akka bulchiinsa sablammichaatti lafa heekataara kuma 58 fi 800 sanyii garaagaraan uwwisuuf karoorfamee, \u00a0gara hojiitti galamuu dubbataniiru. Hanga ammaattis lafa heektaara kuma 31 ol qotamuun sanyii garaagaraan haguugamuu himaniiru. Lafti hafee kan heektaara 27 ta&#8217;u immoo qotamee qophaa&#8217;uu eeraniiru.\u00a0 Bara darbees lafa heektaara kuma 58fi 600 ta&#8217;u sanyiin uwwisuuf\u00a0 karoorfamee\u00a0 guutummaan guutuutti sanyiin uwwisuun danda&#8217;amu yaadataniiru. Haata&#8217;uu malee\u00a0 fuulbaana irratti\u00a0 hanqinni roobaa muudateen, bulchiinsi sablammichaa midhaan\u00a0 kuntaala kuma 600 ol ta&#8217;u dhabuu himaniiru.\u00a0 Kanaanis lammiileen hedduu hanqina nyaataaf akka saaxilaman taasiseera jedhaniiru.<\/p>\n<p>Oomisha sababa hongeefi ilbisoota farra midhaaniin dhabame bakka busuuf,\u00a0 bara kana qonna gannaatiin, midhaan kuntaalaa miliyoona 1 tuqaa 6 sassaabuuf karoorfame hojjetamaa jiraachuu obbo Hasan ibsaniiru. Karoora kana milkeessuufi kutannoon gara hojiitti galamuu dubbataniiru. Galtee qonnaa waliin wal qabatee bara darbe rakkoon guddaa akka ture kan kaasaan itti aanaan itti gaafatamtichi, bara oomisha kanatti garuu\u00a0 xaa&#8217;oon haala addaan gara bulchiinsa sablammichaatti galuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Bara oomisha darbetti xaa&#8217; oo kuntaalaa\u00a0 kuma kudhan qofa bulchiinsa sablammichaaf, qonna gannaatiif kan ramadamee ture yoo ta&#8217;u, bara kana garuu,\u00a0 xaa&#8217;oon kuntaalaa kuma 31ol ramadamuu himaniiru.\u00a0 Xaa&#8217;oon kuntaalaa kuma 27ol kan ta&#8217;uu immoo qonnaan bultoota bulchiinsa sablammichaaf raabsamuu obbo Hasan eeraniiru.\u00a0 Xaa\u2019oon uumamaa kuntaala kuma 900 ol qonnaan bultootaan qophaa&#8217;uun gara ooyiruutti guramee faayidaarra oolera jedhaniiru. Qonnaan bulaan yeroo ammaa lafa isaa qopheesse sanyii boqqolloofi mishingaan\u00a0 uwwisaa jiraachuu obbo Hasan dubbataniiru. Haala nageenya waliin walqabatee gandoonni aanoota Jillee Dhummugaafi Arxummaa Fursii godina Shawaa Kaabaa jiranitti sodaan rakkoo nageenyaa waan jiruuf,\u00a0 lafti hanga ammaatii hin qotamne ni jira\u2019\u2019 kan jedhan obbo Hasan, rakkoo kana hiikuudhaafis godinota ollaa waliin mariin taasifame\u00a0 qonnaan bultootni ooyiruu isaanii akka misoomsan taasifamaa jiraachuu\u00a0 eeraniiru.<\/p>\n<p>Qonnaan bulaan ooyiruu isaa qotuufi omishuun filannoo isa dhumaa akka ta&#8217;ee hubatee, hojii qonnaa\u00a0 isaa cimse akka hojjetuuf hojiin hubannoo uumuu ogeessoota qonnaatiin\u00a0 sadarkaa godina irraa kaasee hanga gandatti kennamuu addeessaniiru.\u00a0 Bu&#8217;uuruma kanaanis\u00a0 qonnaan bultoota kuma 91\u00a0 ta&#8217;aaniif hojiin hubannoo uumuu kennamu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Hojii qonnaa ammayyessuufis qonnaan bulaan\u00a0 liqii\u00a0 baankii irraa akka argatu haala mijataa uumuun, tiraaktara dhunfaa akka bitu taasisuun danda&#8217;amu obbo Hasan himaniiru. Bara darbeerraa kaasee tiraaktarootni 17 \u00a0gara bulchiinsa sablammiichaatti seenuu eeraniiru. Hanga ammaattis lafti heektaara kuma 14 ol ta&#8217;u mekaanaayizeeshiniin qotamu eeranii qonna mekaanayizeeshinii\u00a0 caalaatti babal&#8217;isuufi qonnaan bultoota fayyadamaa taasisuuf bulchiinsi sablammichaa yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Qonnaan bultootnis rooba gannaa argame sirritti\u00a0 fayyadamuun\u00a0 ooyiruu isaanii sanyiin uwwisuuf kutannoon hojjechuun akka isaaniirraa eegamu obbo Hasan hubachiisaniiru. Simbirroon girrisaafi ilbisootni farra midhaanii\u00a0 qilleensa mijataa yoo argatan, muudachuu waan danda&#8217;aniif,\u00a0 qonnaan bulaan gamanumaan qophii akka taasisu hubannoon kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bulaan hubannoo gahaa qabaate eegumsa midhaanii akka taasisuu ogeessotni deeggarsa taasisaa jiraachuus eeraniiru.<\/p>\n<p>Aanotni\u00a0 kanneen akka Jillee Dhummugaa, Arxummaa Fursii,\u00a0 Dawwee Harawaafi Baateen\u00a0 hongeef saaxilamoo akka turan kaasanii,\u00a0 rakkoo kanaa hiikuufis rooba gannaa fayyadamuun\u00a0 hojiileen jidhiinsa kusuu hojjechuuf\u00a0 karoorfamee gara hojiitti galamaa jiraachuu itti aanaan itti gaafatamichi himaniiru.<\/p>\n<p><em>Alamuu Balaayiin<\/em><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dinagdeen Itoophiyaa harka caalu qonna irratti kan hundaa&#8217;eedha. Jireenyi uummata biyyattiis\u00a0 harka caalu qonna irratti kan bu&#8217;uureeffatedha jechuudha. Qonnaan bultootni bulchiinsa sablammii Oromoo hojjetanii jireenya isaanii jijjiruufi wabii midhaan nyaataa isaanii mirkaneessuuf rooba gannaa fayyadamuun ooyiru isaanii\u00a0 gosoota sanyii garaagaraan uwwisaa jiru. Bulchiinsa Sablammichaatti\u00a0 bara oomishaa 2016\/17 qonna gannaatiin, \u00a0lafa heektaara kuma 58 ol gosoota [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4389,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4400"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4400"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4400\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4401,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4400\/revisions\/4401"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4389"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4400"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4400"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4400"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}