{"id":4408,"date":"2024-07-03T12:28:47","date_gmt":"2024-07-03T12:28:47","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4408"},"modified":"2024-07-03T12:28:47","modified_gmt":"2024-07-03T12:28:47","slug":"safuu-barmaata-dagaaguu-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/03\/safuu-barmaata-dagaaguu-qabu\/","title":{"rendered":"Safuu: Barmaata Dagaaguu Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Yeroo durii hawaasa gidduutti haala addaatiin beekamuu irra darbuun jiruuf jireenya namootaa guyyuun taasifamu keessatti shoora olaanaa taphachaa turee jira, wal dhabdeen yaadaa namoota lamaafi isaa ol gidduutti mudate yeroo hedduu irra deddeebiin \u201cadaraa seeraa; seeraa sodaadhu \u201c jechi jedhu hafuu hin danda\u2019u. Dhimmi kunis kutaalee biyyatti bakkeewwan gara jaraatti afaan adda addaan haa dubbatamu malee garuu kaayyoofi galmi isaa wal fakkaataadha.<\/p>\n<p>Taaddasa Mitikkuun, Yuunivarsiitii Baahir Daaritti barataa Muummee seeraa waggaa 4ffaati. Adaraa seeraa yookiin ammoo safuu seeraa kan jedhamu hiika isaa beekuuf dursa safuun maal akka tahe beekuun dhimmi ijoodha jechuun yaada isaa nuuf qoodeera. Baratichi yaada isaatiin \u201csafuu jechuun akka walii galaatti hiikni dhaabbataa ta\u2019e kennamuufi baatus hawaasa tokko biratti waan fudhatama hin qabne, aadaa hawaasaan ala kan ta\u2019e, ittiin bulmaata biyyaa, safuufi duudhaa hawaasaa keessatti heyyamaafi beekamtii kan hin argatin, dhimmi safeeffatamudha\u201d jedheera. Barataa Taaddasaan akka jedheetti adaraa seeraa yookiin ammoo safuu seeraa kan jedhamu hawaasa biratti kabajni inni qabu haalaan guddaadha. Kaayyoon isaas badiis haa tahu waan kan biraa dalagamaa jiru, seeraan ala tahuu isaafi akka inni dhaabatatuu gochuuf kan gargaaru dha jedha. Dura abbootii , Akaakilee fi abaabilee keenya biratti akka gaariitti itti dhimmi turan jechuunis kan dubbatu barataa Taaddeen, sababni safeeffachuu fi sodaachuu isaaniis dhimmi aadaaf duudhaa hawaasan wal qabatuuf akka ta\u2019e yaada isaa nuuf qoodeera.<\/p>\n<p>Barattuu Beeteliheem Takluu Yuunivarsiitii Baahir Daaritti barattuu Muummee seeraa waggaa 3ffaati. Aadaa jabaan bifa afoolaan dhaloota irraa dhalootatti daddarbaa dhufe \u201cadaraa seeraa yookiin ammoo safuu seeraa\u201d jedhamu kun seera mootummaa barreeffamee jiruun olitti hawaasatti kan dhihaatuufi jiruuf jireenya hawaasaa waliin waan heddumminaan walitti dhihaatuuf baay\u2019ee kabajamaa jedhuun dubbatteetti. Akka yaada barattuu Beeteliheemittis \u201cheerri mootummaa biyyi keenya ittiin bultu kan tumame callisee miti; aadaan, duudhaan, jiruuf jireenyi akka walii galatti hawaasni sun maal fakkaata jedhamee erga ilaalame booda tumamuun raggaasifama\u201d jetteetti. Akka fakkeenyaattis, dargageessi tokko obboleettii isaa fuudhuun hawaasa keessatti hin danda\u2019amu sababni isaa safuu hawaasa sanaa waan cabsuuf aadmaleedha, akkasumas akka seera biyyatiitti obboleessi obboleetti isaa fuudhuu\u00a0 akka hin dandeenye seerri jira jetteetti. Kun kan argisiisu seerri mataan isaa safuu hawaasa bu\u2019uura gochuun, aadaaf duudhaa hawaasaa irraa ni waraabbama jechuudha. Seerri nuti amma barannus safuu hawaasaa irraa adda miti jechuun nuuf himuun seerri hariiroo hawaasaa safuu hawaasaa osoo hin sharafiniifi hin cabsin akka raggaasifamu barattuun Beeteliheem nutti himtee jirti.<\/p>\n<p>Obbo Alii Mahaammad, Pirezidaantii mana murtii olaanaa Bulchiinsa sab-lammii Oromoo yoo ta\u2019an, safuun ooda jedhamuun kan waamamuu danda\u2019uufii sammuu namaa keessatti yeroo gara yerootti guddachaa dhimmi deemudha jedhaniiru. Safuun kunis bifa barreeffamaan kan katabamee taa\u2019e osoo hin taane sammuu namaa keessatti qofa kan qalbeeffatamu ta\u2019ee akka seera mootummaatti hawaasa keessatti kan kabajamu ta\u2019uu eeraniiru. Safuun hawaasaa kunis seeraaf madda ta\u2019uun kan tajaajilu ta\u2019uufi namni safuu hawaasa tokko hin kabajne ija gaariin ilaalamuu dhabuu dandaa\u2019a jedhaniiru. \u00a0Gama hojii ogummaa irratti bobbaa\u2019aniifi akka walii galaa qabatamaan mullatutti madaaluun yaadni yeroo duriifi yeroo ammaa gidduu kabajni adaraa seeraaf kennamu gadi bu\u2019eer kan jedhan pireezdaantichi sababni isaas teekinooloojiin gama adda addaan dhiibbaa uumuu isaatiin akka ta\u2019e tuqaniiru. Hubannoo uumuun wal qabatees hanqinni bal\u2019aan jiraachuu isaatis kaasaniiru.<\/p>\n<p>Hawaasni seera kabajuu akka qabuu dhaamuun mootummaanis hanqina hubannoo gama seeraan jiru furuuf tattaafachuu qaba jechuun keessummootni turtii nu waliin taasisan dhaamsa isaanii dabarfataniiru.<\/p>\n<p><em>Suurraa Iddoosaatiin<\/em><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Yeroo durii hawaasa gidduutti haala addaatiin beekamuu irra darbuun jiruuf jireenya namootaa guyyuun taasifamu keessatti shoora olaanaa taphachaa turee jira, wal dhabdeen yaadaa namoota lamaafi isaa ol gidduutti mudate yeroo hedduu irra deddeebiin \u201cadaraa seeraa; seeraa sodaadhu \u201c jechi jedhu hafuu hin danda\u2019u. Dhimmi kunis kutaalee biyyatti bakkeewwan gara jaraatti afaan adda addaan haa dubbatamu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4387,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4408"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4408"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4408\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4409,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4408\/revisions\/4409"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4387"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4408"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4408"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4408"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}