{"id":4410,"date":"2024-07-03T12:30:47","date_gmt":"2024-07-03T12:30:47","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4410"},"modified":"2024-07-03T12:30:47","modified_gmt":"2024-07-03T12:30:47","slug":"waancaa-awurooppaa-baranaa-eenyuutu-moata","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/03\/waancaa-awurooppaa-baranaa-eenyuutu-moata\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0 Waancaa Awurooppaa Baranaa Eenyuutu Mo\u2019ata?"},"content":{"rendered":"<p>Waancaa Awurooppaa waggaa afur dura A.L.Atti bara\u00a0 2020 gaggeeffameen garee Ingilaandiifi Xaaliyaaniitu waancaaf qaqqabe. Gareen biyyoota lamaanii taphaan wal mo\u2019achuu dadhabanii rukuttaa penaaliitii kennameen carraan\u00a0 Xaaliyaaniif tolte. Gareen Biyyaalessaa Ingilaand adabbii penaaliitiidhaan adabamanii dirree Isteediyeemii Wembileeyitti waancaa dabarsanii kennaniiru. Yeroo sanatti waancaa waggaa 55&#8217;f barbaadan argatu jedhamee tilmaamamus, Ingilaandi rukuttaa penaaliitii kanaan keessaa galte. EURO 2024 baranaa kanarrattis carraadhuma bara sanaatu Ingilaandiin mudaataa laata? \u00a0&#8216;Ta\u2019uu dhiisuu mala. Akka Optaa\u2019n dursee tilmaama EURO 2024 kennetti, garee biyyaalessaa Ingilaandiif carraan injifachuu ni jira.<\/p>\n<p>Wal morkii kubbaa miilaa idil-addunyaarratti &#8216;Ingilaandi olaantummaan xumurti tilmaamni!&#8217; jedhu yeroo baay\u2019ee hin mul\u2019atu. Kaampaaniin Biriiten daataa ispoortii xiinxalu, Optaan, &#8220;gareen Gaariz Saawuzgeetiin leenji\u2019u waancaa injifachuuf carraa dhibbantaa\u00a0 19.9 qaba&#8221; jedheera. Moodeelli Optaa qabxii tapha tokko tokkoon tilmaame. Abbaa mo\u2019atu, qixa bahuufi mo\u2019amu. Kunis waan lamarratti hundaa\u2019uuni. Tapha kubbaa miilaa irratti Optaan yoo xiinxalli isaa kaa&#8217;u, sadarkaa kubbaa miilaa biyyoota seen-duubeefi ga\u2019umsa isaanii dhihoorratti hundaa\u2019uuni. Moodeelli Optaa cimina morkataa, qabxiin taphaa maal ta\u2019uu mala, akkasumas biyyoota ramaddii sana keessa jiran irratti hundaa\u2019uun tilmaama.<\/p>\n<p>Akka tilmaamichatti kan injifatu Faransaayidha. Gareen Faransaay Waancaa Addunyaa 2022 irratti garee Ingilaandiin morkiirraa baasee turuun ni yaadatama. Gareen Diidiyer Deeshoon leenji&#8217;u waancaa kana fudhachuuf carraan dhibbantaa 19.1 kennameeraaf. Akka tilmaama kennametti taanaan, \u00a0gareewwan lamaan jechuunis Ingilaandiifi Faransaay waancaaf walitti dhufuu malu. Tilmaami Optaan qopheessituun Waancaa Awurooppaa 2024, Jarman, sadarkaa sadaffaan xumuruu malti jedheera.\u00a0 Ispeen, Porchugaal, Nezerlaand, Xaaliyaaniifi Beljiyeem tooraan tilmaama itti aanu argataniiru. Ingilaandi, Faransaay, Jarman, Ispeeniifi Porchugaal biyyoonni shan nuusa xumura gahuuf carraa dhibbantaa 50 ykn isaan ol qabu jedhamanidha. Waancaan Awurooppaa waxabajji 14\u00a0 eegalee ji&#8217;a tokko booda Adoolessa 14 xumurama jedhamee eegama. Maddi: BBCdha<\/p>\n<p><em>Guddinaa Asaffaatiin<\/em><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Waancaa Awurooppaa waggaa afur dura A.L.Atti bara\u00a0 2020 gaggeeffameen garee Ingilaandiifi Xaaliyaaniitu waancaaf qaqqabe. Gareen biyyoota lamaanii taphaan wal mo\u2019achuu dadhabanii rukuttaa penaaliitii kennameen carraan\u00a0 Xaaliyaaniif tolte. Gareen Biyyaalessaa Ingilaand adabbii penaaliitiidhaan adabamanii dirree Isteediyeemii Wembileeyitti waancaa dabarsanii kennaniiru. Yeroo sanatti waancaa waggaa 55&#8217;f barbaadan argatu jedhamee tilmaamamus, Ingilaandi rukuttaa penaaliitii kanaan keessaa galte. EURO [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4391,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4410"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4410"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4410\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4411,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4410\/revisions\/4411"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4391"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4410"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4410"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4410"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}