{"id":4433,"date":"2024-07-08T11:49:04","date_gmt":"2024-07-08T11:49:04","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4433"},"modified":"2024-07-11T08:10:41","modified_gmt":"2024-07-11T08:10:41","slug":"balaa-lolaa-ittisuuf-hojjetamaa-jiraachuu-bulchiins-sab-lammii-oromoo-beeksise","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/08\/balaa-lolaa-ittisuuf-hojjetamaa-jiraachuu-bulchiins-sab-lammii-oromoo-beeksise\/","title":{"rendered":"Balaa Lolaa\u00a0\u00a0 Ittisuuf\u00a0\u00a0 Hojjetamaa Jiraachuu Bulchiinsi Sab-Lammii Oromoo Beeksise"},"content":{"rendered":"<p>Bulchiinsa sab-lammii Oromootti jirattootni aanaa Dawaa Caffaa ganda Qalloo, sababa namtolcheefi uumamaatiin balaa lolaaf saaxilamaa turuu himaniiru.\u00a0 Kanaanis qabeenyaafi lubbuu namaa irratti miidhaan hedduu dhaqqabaa tureera jedhaniiru. Aanichatti jiraataa ganda Qalloo kan ta&#8217;an obbo Yesuuf Umar, balaa lolaa kanaan dura gandichatti muudateen, lubbuu namaafi qabeenyarratti miidhaa guddaa geessisuu himaniiru.\u00a0 Manneen\u00a0 jiraattotaa hedduu buqqisee barbadeessuu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Jiraataan gandichaa inni biroo Alii Yesuuf Daawud, gandichatti waggaa waggaadhaan\u00a0 balaa lolaa rooba\u00a0 gannaatiin miidhaan hedduu dhaqqaba turuu yaadataniiru. \u00a0Balaan lolaa kun gandota sadiirraa yaa&#8217;uun, ganda Qalloo irratti miidhaa geessisaa tureera jedhaniiru.<\/p>\n<p><strong>Qajeelcha ittisa balaafi wabii midhaan nyaata Bulchiinsa Sab-lammii Oromootti d<\/strong>ursituun hir&#8217;isa\u00a0 ittisa balaafi wabii midhaan nyaataa Bulchiinsa sablammii Oromoo aadde Yashiwarqi Abboomaa, aanaa Dawaa Caffaa gandoota adda addaa balaa lolaaf saaxilamoo ta&#8217;an keessatti,\u00a0 hojiin dursa ittisuu hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.\u00a0 Kanaanis Aanaa Dawaa Caffaa ganda\u00a0 Guur jedhamtu irraa kaasee hanga ganda Tarafiitti\u00a0 hojiin balaa lolaa dursanii ittisuu kiloomeetira tokko hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Ganda Taraf keessatti balaan lolaa irra deddeebiin\u00a0 mudachuun lubbuu namaafi qabeenya hawaasaa irratti miidhaa dhaqqabsiisaa turuus kaasaniiru. Riqicha\u00a0 guddaan Magaalaa kamiseerraa magaalaa Makkooyitti geessu sababa balaa lolaatiin yeroo adda addaatti\u00a0 citee karaan akka cufamu taasisaa turuu kaasanii, rakkoo balaa lolaatiin mul&#8217;atu hambisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Balaan lolaa ganda Qalloo irratti miidhaa geessiisaa ture, yeroo ammaa hojii balaa lolaa dursanii ittisuu hojjetameen gandichi sodaa balaa lolaa irraa bilisa ta&#8217;uu himaniiru. Balaa lolaa ganda Taraf irratti mudachaa jiru guutummaan guutuutti ittisuufis\u00a0 mootummaan naannichaa birrii miiliyoona sadii tuqaa jaha ramadeen hojjechuuf sochiileen adda addaa taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Balaan lolaa dhaqqabsiisuu maal akka ta&#8217;e hawaasni hubannoo waan qabuuf, hawaasichi dursaan hirmaannaa olaanaa taasisaa jira jedhaniiru.<\/p>\n<p>Haala qilleensaa irratti hundaa&#8217;uunis of eeggannoo kan taasisan ta&#8217;uu himaniiru. Balaa lolaa mudatu kana ittisuufis dhaabbata meetirooloojii waliin hojjechaa jiraachuus eeraniiru. &#8220;Dhaabbatichi hawaasichi balaa lolaa irraa akka of eeggatuuf yeroo yeroodhaan leenjiifi odeeffannoo kennuun nu deggaraa jira&#8221; jedhaniiru.\u00a0\u00a0 Hawaasicha irratti balaan lolaa akka hin geenye ujummoolee lolaan keessa darbu qulqulleessuu,\u00a0 biqiltuuwwan adda addaa dhaabuuniifi bo&#8217;oowwan adda addaa baasuun miidhaa lolaan dhaqqabsiisuu ittisuun akka danda&#8217;amu aadde Yashiwarq Abboomaan himaniiru.<\/p>\n<p>Meetirooloojii Itoophiyaatti Ogeessa raagaa haala qilleensaa obbo\u00a0 Haayiluu Naggasaa,\u00a0 Ji&#8217;a Adoolessaafi Hagayya keessatti roobni cimaan\u00a0 idileedhaan ol waan roobuuf balaa lolaa dhaqqabsiisu danda&#8217;a jedhaniiru.\u00a0 Kanaafuu iddooleen duraan balaa lolaaf saaxilamoo ta&#8217;anitti hawaasniifi qaamoleen ilaallatu of eeggannoo taasisuu akka qaban hubachiisaniiru. Naannoo magaalaattis ujummoo keessatti lolaan haalaan akka keessa darbuu qulqulleessuu yookiin karaa saaquun barbaachiisa ta&#8217;uu ibsaniiru.\u00a0 Qonnaan bulaanis bo&#8217;oo lolaan keessa darbu haalaan sirreessuutu irraa eegama jedhaniiru.<\/p>\n<p><strong><em>Alamuu Balaayiin<\/em><\/strong><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Bulchiinsa sab-lammii Oromootti jirattootni aanaa Dawaa Caffaa ganda Qalloo, sababa namtolcheefi uumamaatiin balaa lolaaf saaxilamaa turuu himaniiru.\u00a0 Kanaanis qabeenyaafi lubbuu namaa irratti miidhaan hedduu dhaqqabaa tureera jedhaniiru. Aanichatti jiraataa ganda Qalloo kan ta&#8217;an obbo Yesuuf Umar, balaa lolaa kanaan dura gandichatti muudateen, lubbuu namaafi qabeenyarratti miidhaa guddaa geessisuu himaniiru.\u00a0 Manneen\u00a0 jiraattotaa hedduu buqqisee barbadeessuu dubbataniiru. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4434,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4433"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4433"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4433\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4466,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4433\/revisions\/4466"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4434"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4433"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4433"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4433"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}