{"id":4440,"date":"2024-07-08T12:05:43","date_gmt":"2024-07-08T12:05:43","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4440"},"modified":"2024-07-08T12:05:43","modified_gmt":"2024-07-08T12:05:43","slug":"nageenya-isaanii-mirkaneeffachuun-hojii-isaanii-arifachiisaa-akka-jiran-jiraatoonni-aanaa-dawwee-haarawaa-dubbatan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/08\/nageenya-isaanii-mirkaneeffachuun-hojii-isaanii-arifachiisaa-akka-jiran-jiraatoonni-aanaa-dawwee-haarawaa-dubbatan\/","title":{"rendered":"Nageenya Isaanii Mirkaneeffachuun Hojii Isaanii Arifachiisaa Akka Jiran Jiraatoonni Aanaa Dawwee Haarawaa Dubbatan"},"content":{"rendered":"<p>Ilmi namaa\u00a0 hojjetee fedhii isaa guuttachuufi jireenya gammachuun guutame\u00a0 jiraachuu barbaada.\u00a0 Kaayyoo ofii galmaan ga\u2019uufis nageenyi jiraachuun dirqama ta&#8217;a. Nageenyi bu&#8217;uura waan hundumaa waan ta\u2019eef jechuudha. Hojjetanii jiraachuun, daldalanii bufachuun, dhalanii guddisuuniifi ilmi namaa jireenya barbaaduufi hawwuu jiraachuu kan danda&#8217;u yoo nageenyi jiraateedha.<\/p>\n<p>Bulchiinsa Sablammii Oromoo aanaa Dawwee Haaraawaatti hojiin nageenya irratti hawaasa hirmaachisuun hojjatameen, aanichatti nageenya waaraa fiduun danda&#8217;amu itti gaafatamaan waajiira poolisii aanichaa gargaaraa inspeektara Sayid Mahaammad himaniiru. Itti gaafatamaan kun nageenya jechuun uummatni naannoo tokko keessa yeroo jiraatu,\u00a0 jiruufi jireenya isaa yakkootaafi sodaawwan garaagaraa irraa bilisa ta&#8217;een yoo jiraachuu danda&#8217;edha jechuun nageenyaaf hiika itti laataniiru.<\/p>\n<p>Nageenya kabachiisuufi eegsisuun kan danda&#8217;amu\u00a0 immoo qaamoleen nageenya garaagaraa hawaasa waliin yoo qindoominaan hojjetan ta&#8217;uu hubachiisaniiru. \u2018\u2019Qaamolee nageenyaa qofaan nageenya fiduun hin danda&#8217;amu\u2019\u2019 \u00a0kan jedhan gargaaraan inspeektara Sayid, kanaafis hawaasni nageenya fiduu keessatti gahee bakka bu&#8217;ummaa hin qabne qabaachuu akka qabu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Jiraattonni aanaa Dawwee Haarawaa, \u00a0qaamolee callisaa waliin qindoomuun hojjechuu isaaniitiin,\u00a0 nageenyi aanichaa mirkaneessuun danda&#8217;amuu himaniiru. Namoota badii raawwatan saaxiluuniifi qaamolee callisaaf dabarsanii kennuun uummatni aanichaa\u00a0 mirkanaa&#8217;uu nageenyaaf gumaacha olaanaa taasisera\u00a0 jedhaniiru. Hawaasichi sadarkaa sadarkaan caasaa garaagaraatiin gurmaa&#8217;ee nageenya isaa halkaniifi guyyaa eegaa jiraachuu eeraniiru. \u2018\u2019Nageenyi kan hundaa waan ta&#8217;eef hundaan mirkanaa&#8217;a\u2019\u2019 kan jedhan gargaaraan inspeektar kun,\u00a0 kana gochuudhaaf immoo jalqaba dargaggoota, dubartoota, abbootii amantaa,\u00a0 jaarsoolii biyyaafi caasaa mootummaa waliin qindoomuun, \u00a0hojiin sabqunnamtii hojjetamu akka qabu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Qonnaan bulaan lafa isaa qotatee oomishuu kan danda&#8217;uu yoo nageenyi jiraatedha, kanaafuu hawaasni\u00a0 dhimma nageenyarratti hubannoo akka qabaatu taasisuun, nageenya isaa cimee akka eeggatuu taasisa jedhaniiru. Hojii hubannoo uumuu cimaan hojjatameen,\u00a0\u00a0 Uummatni aanaa Dawwee Haarawaa\u00a0 gama hundaan mootummaa cinaa dhaabbatte nageenya isaa akka\u00a0 tikfatuu\u00a0 taasifamuu himaniiru.\u00a0 Kanaafis aanichi,\u00a0\u00a0 aanota bulchiinsa sablammii \u00a0\u00a0\u00a0 Oromoo keessatti argaman biroofis kan fakkeenya gaarii ta&#8217;uudha jedhaniiru.&#8221;Rakkooleen yeroo garaagaraatti nu mudatanis, caasaan mootummaa tokkommaa isaa cimsuuniifi uummata hirmaachiisuun injifata taaneera&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Bulchaan aanaa Dawwee Haraawaa\u00a0 obbo Ahmad Huseen, aanaan Dawwee Haarawaa aanota biraa irraa kan adda ishee taasisuu qaamoleen callisaafi hawaasni waliin qindoomuun akkasumas aanota ollaa waliin hojii hojjetameen rakkoo tokko malee\u00a0 nageenya ishee kabachiisuu danda&#8217;uu isheeti jedhaniiru. Aanichi karaa Bahaatiin,\u00a0 aanota naannoo Affaar sadii waliin kan wal daangeessuu yoo ta&#8217;uu, kallattii Kaabaatiin immoo saba Argobbaa waliin kan\u00a0 wal daangeessuudha. Kallattii Kibbaafi Lixaatiin aanaa Arxummaa Fursiifi Dawaa Caffaa waliin wal daangeessa. Rakkoolee sababa walitti bu&#8217;insaaf sababa ta&#8217;an adda baasuun, gaggeessaan sadarkaan jiru dhimmoota adda bahan irratti akka mari&#8217;atuufi furmaata akka kennu taasisuun aanichatti nageenya waaraa mirkaneessuu dandeenyarra jedhaniiru. Hirmaannaan abbootiin amantaafi jaarsooliin biyyaas nageenya fiduu keessatti gahee olaanaa qabaachuu bulchaan olaanaa aanichaa kun hubachiisaniiru. Obbo Ahmad, uummatni aanichaa tokkummaa isaa cimsuun\u00a0 nageenyaaf waardiyaa dhaabbachuu isaatiin nageenyi waaraan argamuu danda&#8217;u dubbataniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjatamen\u00a0 uummatni aanichaa, harka tokkon misooma isaa finiinsaa harka tokkon immoo nageenya isaa kabachiisaa jira jedhaniiru.<\/p>\n<p>Yeroo ammaan aanota ollaa waliin rakkoo tokko malee\u00a0 jaalalaafi tokkummaan akka waliin jiraachaa\u00a0 jiran obbo Ahmad ibsaniiru. \u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Bulchaan olaanaa kun akka jedhaniitti, hawaasa yakka balaaleeffatuu uumuuf pooliisii hawaasummaa gandota garaagaraatti ramaduun, hawaasni ittisa yakkaa irratti hubannoo akka argatu tasisuuf hojiin guddaa hojjetameera. Kanaanis uummatni wantoota yakka ta&#8217;aniifi hin taane adda baasuun, namoota yakka hojjetan qaama seeraatti dabarsee kennaa jiraachuu eeraniiru. &#8220;Uummatni keenya yakka waan balaaleeffatuuf, aadaa \u2018yakkamtoota dhoksuu hin danda&#8217;u\u2019\u00a0 jedhu ni qabu\u2019\u2019 jechuun amantaa uummata\u00a0 isaaniitti qaban ibsaniiru.\u00a0 Yakkamaa dabarsanii kennuun, hawaasni biroon nagaan akka jiraatuu kan taasisuudha jedhaniiru. Yeroo ammaa aanichatti hojii nageenya irratti xiyyeeffate hojjetamuu isaatiin, nageenyi amansiisaan jirachuus eeraniiru.<\/p>\n<p>Obbo Siraaj Mohaammad, jiraataa ganda Madinee yoo ta&#8217;an, isaaniis\u00a0 yaada obbo Ahmad kaasan kan cimsuu dubbataniiru.\u00a0 Uummatni Affariifi uummatni aanaa Dawwee Haarawaa,\u00a0 uummata jaalalaan waliin jiraachaa jiruudha jedhaniiru. Uummatni Aanaa Waddaraagee kan naannoo Affaaritti argamtuufi uummatni\u00a0 aanaa Dawwee Haarawaa\u00a0 walitti dhufeenyaa cimaa kan\u00a0 qabaniifi fudhaafi heerumaan kan walitti hidhaman,\u00a0 uummata obbolaa ta&#8217;uu himaniiru. Yeroo gaddaafi gammachuus uummata wal bira dhaabbatuudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Yeroo rakkoon uumamuus uummatni kun waliin ta&#8217;aanii mariidhaan akka hiikan addeessaniiru.\u00a0 Kanaanis nageenya waaraa naannawichaatti fiduun danda&#8217;amuu obbo Siraaj ragaa bahaniiru.\u00a0 Yeroo ammaas naannawichaatti nageenyi itti fufinsaan waan jiruuf misooma isaanii saffisisaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaan bulchaa olaanaafi itti gaafatamaan dhimma nageenyaa bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Alii Mahaammad,\u00a0 waltajjiin\u00a0 marii nageenyaa aanota ollaa waliin\u00a0 magaalaa Kamiseetti taasifame irratti yaada kaasaniin,\u00a0 uummatni Affaariifi uummatni aanaa Dawwee Haarawaa, uummata baroota dheeraaf jaalalaafi tokkummaan waliin\u00a0 jiraate,\u00a0 uummata obbolaadha jedhaniiru. Uummootni lamaan kunneen, hawaasummaa, diinagdeefi, waliin jireenya walfakkaataa kan qaban hawaasa maatii tokkoti jechuun ibsaniiru. Hariiroo uummattoota kanneen cimsuufis caalmaan hojjetamaa jiraachuu obbo Aliin eeraniiru.<\/p>\n<p><strong>Alamuu Balaayiin<\/strong><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ilmi namaa\u00a0 hojjetee fedhii isaa guuttachuufi jireenya gammachuun guutame\u00a0 jiraachuu barbaada.\u00a0 Kaayyoo ofii galmaan ga\u2019uufis nageenyi jiraachuun dirqama ta&#8217;a. Nageenyi bu&#8217;uura waan hundumaa waan ta\u2019eef jechuudha. Hojjetanii jiraachuun, daldalanii bufachuun, dhalanii guddisuuniifi ilmi namaa jireenya barbaaduufi hawwuu jiraachuu kan danda&#8217;u yoo nageenyi jiraateedha. Bulchiinsa Sablammii Oromoo aanaa Dawwee Haaraawaatti hojiin nageenya irratti hawaasa hirmaachisuun hojjatameen, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4441,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4440"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4440"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4440\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4442,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4440\/revisions\/4442"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4441"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4440"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4440"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4440"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}