{"id":4452,"date":"2024-07-08T12:23:26","date_gmt":"2024-07-08T12:23:26","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4452"},"modified":"2024-07-08T12:23:26","modified_gmt":"2024-07-08T12:23:26","slug":"daangaan-hoj-maata-mootummaafi-paartii-hanga-maaliittidha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/08\/daangaan-hoj-maata-mootummaafi-paartii-hanga-maaliittidha\/","title":{"rendered":"Daangaan Hoj-Maata Mootummaafi Paartii Hanga Maaliittidha?"},"content":{"rendered":"<p>Mootummaafi paartii siyaasaa gidduutti garaagarummaa guddaatu jira.\u00a0 Gaheen hojii isaanis gargaridha. \u00a0Mootummaan karaa dimookiraatawaa ta&#8217;een kan uummataan filamudha.\u00a0 Paartiin filannoon filatamee mootummaa ta&#8217;e immoo itti gaafatamummaan isaa kan uummataati.\u00a0 Paartiin garuu namoota yaada walfakkaataa qabaniin kan hundeeffamudha.\u00a0 Itti gaafatamummaan isaas miseensota isaaf qofadha.<\/p>\n<p>Mana Maree Federeeshiniitti itti gaafatamaa dhimmoota kominikeeshinii obboTarrafaa Badhaadhaa, namootni yookiin gareewwan yaada walfakkaataa qabaniifi qabsoo karaa nagaa taasisuuf murteessan,\u00a0 fedhii isaaniin walitti dhufanii paartii akka naannoottis ta&#8217;e akka biyyaatti hundeessuu ni danda&#8217;u jedhaniiru.\u00a0 Paartiin isaan hundeessan sun, sagantaafi imaammata guddinaafi misooma biyyaaf ta&#8217;u qabaate akkasumas lammiilee\u00a0 biyyattii karaa haqa qabeessaafi walqixaan kan tajaajilu yoo ta&#8217;e,\u00a0 sirna filannoo uummataan filatamee,\u00a0\u00a0 fudhatama argate paartii irraa gara mootummaatti ni ce&#8217;a jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kanaafuu imaammatni paartiin tokko qopheesse hojiirra ooluu kan danda&#8217;u erga uummataan filatameen boodaafi fudhatama argateen boodadha jedhu. Akka ibsa itti gaafatamaa kanatti Paartiin tokko karaa dimookiraatawaa ta&#8217;een dorgomee erga filatameen booda,\u00a0 imaammata akka paartiitti qabate sun\u00a0 gara imaammata mootummaatti jijjiirama waan ta&#8217;eef,\u00a0 ka&#8217;umsi\u00a0 mootummaa paartiidha.<\/p>\n<p>Obbo Tarrafaan, sagantaa walfakkaataa qabaachuu, tarsiimoo walfakkaataa qabaachuu,\u00a0\u00a0 imaammata walfakkaataa bocuun tokkummaa paartiileen morkattoota qabanidha jedhaniiru.\u00a0 Paartiin morkataa tokko dorgomee ilaalchaafi yaada isaa gabaaf dhiyeessee yoo yaadni isaa uummataan fudhatame carraa mootummaa ta&#8217;uu argata\u00a0 kan jedhan obbo Tarrafaan,\u00a0 erga\u00a0 mootummaa ta&#8217;uun filatames, kan isa deggaranis ta&#8217;e kan isa morman sabaafi sablammoota biyyattii ija wal qixaan keessumeessuufi bifa haqa qabeessa ta&#8217;een tajaajila kennuun, dirqama isaa akka ta&#8217;e ibsaniiru.<\/p>\n<p>Imaammataafi tarsiimoo paartiin tokko baase paarticha sana qofa kan fayyadu yoo ta&#8217;u, tarsiimoofi imaammata mootummaan baase garuu uummata biyyattii hunda kan tajaajilu ta&#8217;uu ibsaniiru.\u00a0 Haata&#8217;uu malee wal makuun aangoo paartii biyya bulchuufi mootummaa gidduu akka jiru irra deddeebiin ni ibsama. Mootummaafi paartii yookiin qaamolee mootummaa keessatti qaamni raawwachiisaafi qaamni seera baasu garaagarummaa gahee hojii akka qaban seeraan daangeffamee akka jiru abukaatoofi gorsaan seeraa obbo Wandimmuu Ibsaan dubbataniiru.<\/p>\n<p>Biyyoota aadaa dimookiraasii gabbataafi\u00a0 sirna bulchiinsa mootummaa gaarii qaban keessatti, hojii wal makaa mootummaafi paartii yeroo filannootti mul&#8217;atuun alatti,\u00a0 mootummaafi paartiin hojii isaanii\u00a0 gargar bahanii haala ittiin hojjetantu jira jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaa dhimma dhaabaa Siyaasaa \u2018EZEMA\u2019 obbo Waasihuun Tasfaayee, biyyoota sirna dimookiraasii shaakalaa jiran keessatti, paartiileen\u00a0 gara aangootti yoo dhufan faayidaafi aangoo isaaniif dursa kennanii waan hojjetaniif hojii mootummaafi paartii wal makanii haala ittiin hojjetantu jira jedhaniiru.\u00a0 Haala amma jiruun paartiifi mootummaa adda baasuun rakkisaa ta&#8217;uu eeraniiru.\u00a0 Qaamni mootummaa ta&#8217;e paartiidha, qaamni paartii ta&#8217;es mootummaadha, qaamni biyya bulchuufi\u00a0 paartiin,\u00a0 qabeenya mootummaa waloon fayyadamu jechuun eeraniiru.\u00a0 Hojmaatni akkanaa kun akka sirratuuf paartiileen morkattootaa hedduun qabsa&#8217;aa turanis, jijjiiramni dhufe garuu kan hin jirre ta&#8217;uu himaniiru.\u00a0\u00a0 Itti fayyadama baajataa waliin wal qabatee, leenjiin sadarkaa paartiitiin kennaman qabeenya mootummaatiin akka ta&#8217;e ragaa qabatamaa arganne bu&#8217;uura gochuun dhaabbanni Abba-gaar dhimmicha akka qulqulleessu iyyata galchineerra jedhaniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Miseensotni paartii biyya bulchu, durgoon mootummaarraa kaffalameef leenjii fudhachaa turuuu mirkaneessineerra\u2019\u2019 kan jedhan obbo Waasihuun,\u00a0 hoggantootni paartii biyya bulchu\u00a0 qaamolee raawwachiisaa gidduu seenuun, qabeenyi mootummaa kanneen akka konkolaataafi manni akkasumas qabeenyi mootummaa kan biroon hojii paartiif akka oolan ni taasisu jedhaniiru.\u00a0 Kanaanis qabeenyi mootummaa waggaa waggaadhaan birrii miiliyoonaan lakkaa&#8217;amuu\u00a0 karaa\u00a0 hin malleen baasii akka ta&#8217;uu obbo Waasihuun himaniiru.\u00a0 Abukaatoofi gorsaan seeraa obbo Wandimmuu Ibsaa,\u00a0 paartiin biyya bulchuuf filatame tokko mirga lama qabaachuu dubbataniiru.\u00a0 Mirgi inni tokkoffaan akka mootummaatti hojjeta kan jedhan yoo ta&#8217;u,\u00a0 akka mootummaatti yeroo hojjetu immoo qabeenya mootummaa hunda fayyadamee guddinaafi misooma biyyaaf hojjechuuf mirga qaba jedhaniiru.\u00a0 Gama biraatiin, qabeenya duraan horate dabalatee, dhimma paartii isaa cimsuu danda&#8217;an irratti hojjechuu ni danda&#8217;a yaada jedhu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Paartiin mootummaa ta&#8217;ee biyya bulchu qabeenya mootummaa fayyadamuu isaa kan agarsiisu ragaan hin jiru jedhaniiru. Paartileen morkattootaa garuu qabeenya mootummaa fayyadamuu kan isaan danda&#8217;an yeroo filannoo qofa akka ta&#8217;e himaniiru.\u00a0 \u2018\u2019Paartileen morkattoota biyya keenyaa,\u00a0 paartii aangoo barbaadu malee paartii nagaa uummataa,\u00a0 guddina uummataafi olaantummaa seeraa kan barbaadan miti jechuunis qeeqaniiru.\u00a0 Gaaffilee gahee paartiifi mootummaa\u00a0 wal maku waliin walqabatan ka&#8217;an\u00a0 irratti ibsa kan kennan obbo Tarrafaan, gaheen hojii paartiifi mootummaa\u00a0 wal makuu akka hin dandeenye seeraan daangeffamee jira jedhaniiru.<\/p>\n<p>Haata&#8217;uu malee yeroo tokko tokko hojii mootummaan hojjetuu hojii paartii fakkeessanii ilaaluun jiraachuu kan himan\u00a0 itti gaafatamaan dhimmoota kominikeeshinii mana maree federeeshinii kun, hojiin mootummaafi paartii wal makuu isaaniitiif ragaan qabatamaa akka hin jirre addeessaniiru. Haata&#8217;uu malee kana waliin walqabatee himannaan darbee darbee akka dhagahamu hubannoo qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru.<\/p>\n<p>Qabatamaan garuu hojii paartiifi mootummaa walmakuu kan agarsiisu ragaan kan hin jirre ta&#8217;uu himaniiru. Mootummaan dhimma nageenyaafi misoomaa irratti\u00a0\u00a0 yeroo uummata walitti qabuun marisiisu hojii paartii taasisanii ilaaluun ni mul&#8217;ata jechuun himaniiru. Ta&#8217;uus dhimma nageenyaafi misoomaa irratti hojjechuun dirqama hojii idilee mootummaa ta&#8217;uu qaamni hundu hubachuu qaba jedhaniiru. Ilaalcha wal makaa akkanaa irraa bahuun barbaachiisa ta&#8217;uus hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Itti fayyadama baajataa waliin walqabatee, paartiin maallaqa deggartootaafi miseensota isaarraa argatuun, paarticha kan bulchu yoo ta&#8217;u, mootummaan immoo akka mootummaatti lammii biyya sanaaf bifa liqaatiinis ta&#8217;e bifa gargaarsaan maallaqa argame uummanni akka itti fayyadaman gochuuf dirqama qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kanaafuu maddi maallaqaafi akkaataan itti fayyadama isaa gargar ta&#8217;uu obbo Tarrafaan himaniiru. Qabatamaadhaan\u00a0 baajata mootummaatiin hojiin paartii hojjetame hanga ammaatti hamiirraa kan darbe\u00a0 kan hin jirre ta&#8217;uu ibsaniiru. Kanaafuu \u2018\u2019hojiin mootummaafi paartiilee wal makeera\u2019\u2019 kan\u00a0 jedhu yaada sirrachuu qabudha kan jedhan obbo Tarrafaa, qabatamaan wal makuu isaa maal ta&#8217;uu agarsiisa? qabatamaan ragaa maaltu jira? eessatti wal make? kan jedhu deebii argachuu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hojiin mootummaafi paartii wal makuu isaa qaamni\u00a0 mirkaneessu jiraannaan,\u00a0 qaama seera kana cabse\u00a0 irratti tarkaanfii fudhachuu kan dandeessisu seeraan tumame waan jiruuf,\u00a0 seeraan gaafachuun barbaachisaa ta&#8217;uu himaniiru. Gaaffii mootummaan miseensota isaa maallaqa mootummaan leenjisaa jira jedhuun ka&#8217;u himannaa bu&#8217;uura seeraa hin qabnedha jedhaniiru. Sababni isaas paartiin kamiyyu miseensa isaa leenjisuu, hubannoo siyaasa isaanii cimsuuf kennuun mirgaafi dirqama akka qabu hubachiisaniiru. Kanaafuu himannaan bu&#8217;uura seeraa hin qabne wal shakkii paartiilee gidduutti uumuu irra kan darbe faayidaa hin qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Haata\u2019u malee wal makuun hojii mootummaafi paartii\u00a0 rakkooleen hedduu biyyattii keessa akka uumaman taasiseera jechuun obbo Waasihuun himaniiru. Isaan keessaa muraasni,\u00a0 wal dorgommiin qixa ta&#8217;e akka hin jiraanne\u00a0 taasisuu,\u00a0 paartiileen morkattoota maallaqa isaaniin biiroo kireeffatan akka hin hojjeenne gufuu ta&#8217;uu,\u00a0 dirreen sirna dimokiraasii akka hin babal&#8217;anne taasisuu,\u00a0 paartileen morkattoota akka laafaa deeman taasisuu,\u00a0 malaanmaltummaan akka babal&#8217;atu, walitti bu&#8217;insi garagaraan\u00a0 akka uumamuu,\u00a0 dinagdeen biyyatti akka laamsha&#8217;u, gareen tokko olaantummaa akka qabaatuufi gareen kaan akka gad-antummaatti akka ilaalamu taasiseera jedhaniiru.<\/p>\n<p>Gareen muraasni qabeenya olaanaa akka horatan, lammiileen biyyattii immoo hiyyummaa keessa akka galan taasisuu eeraniiru. Rakkoo kana keessaa bahuufis kutannoo siyaasaa kan barbaachisuu ta&#8217;uu himaniiru. Rakkoon kun yoo furmaata argachuu baate,\u00a0\u00a0 biyyaafi uummata akka hin fayyadne hubachuun,\u00a0\u00a0 mootummaan kutannoo siyaasaa qabaate sirreesuun isarra jiraata\u00a0 jedhaniiru.\u00a0 Mootummaan filannoon\u00a0 aangoo qabatu, gahee paartiifi mootummaa adda baasuu kan danda&#8217;uu seera itti bulmaata baasuu qaba jedhaniiru. Seerootni ittiin bulmaata muraasni jiranis gahaa waan hin taaneef kanarratti sirriitti hojjetamuu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hayyootaafi qaamolee siyaasarraa bilisa ta&#8217;an\u00a0 hirmaachisuun, dhimmicha irratti akka hojjetan\u00a0 taasisuun barbaachisaa ta&#8217;uu hubachiisaniiru. Hawaasni paartiifi mootummaa adda baasee akka hubatuu hojii hubannoo uumuu hojjetamuu qabas jedhaniiru. Qaamni aangoo qabate jirus olaantummaa seeraa kabachiisuufi banaalee seerota jiran illee sireessuun murteessaa ta&#8217;uu obbo Waasihuun hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Mootummaafi paartii siyaasaa gidduutti garaagarummaa guddaatu jira.\u00a0 Gaheen hojii isaanis gargaridha. \u00a0Mootummaan karaa dimookiraatawaa ta&#8217;een kan uummataan filamudha.\u00a0 Paartiin filannoon filatamee mootummaa ta&#8217;e immoo itti gaafatamummaan isaa kan uummataati.\u00a0 Paartiin garuu namoota yaada walfakkaataa qabaniin kan hundeeffamudha.\u00a0 Itti gaafatamummaan isaas miseensota isaaf qofadha. Mana Maree Federeeshiniitti itti gaafatamaa dhimmoota kominikeeshinii obboTarrafaa Badhaadhaa, namootni yookiin gareewwan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4453,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4452"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4452"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4452\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4454,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4452\/revisions\/4454"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4453"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4452"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4452"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4452"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}