{"id":4455,"date":"2024-07-08T12:26:46","date_gmt":"2024-07-08T12:26:46","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4455"},"modified":"2024-07-08T12:26:46","modified_gmt":"2024-07-08T12:26:46","slug":"meeqoo-tapha-ijoollee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/08\/meeqoo-tapha-ijoollee\/","title":{"rendered":"Meeqoo: Tapha Ijoollee"},"content":{"rendered":"<p>Afoolli faayidaalee hedduu qaba. Afoola Oromoo keessaa taphni ijoollee isa tokkodha. Taphni ijoollee haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo dhaloota irraa dhalootatti ergaa bifa tapha fakkaatuun akka darbuuf mala dha\u2019amedha. Haala tapha kanaa keessatti ijoolleen yeroo umrii ijoollummaasaanii keessatti dhimmoota \u00a0hawaasummaa, dandeettii waa xiinxaluufi jaalala biyyaas ta\u2019e kan walii isaaniis akka dagaagfataniif gargaara. Kana qofas osoo hin taane, akkaataa umrii isaaniitti safuu, seenaa, haala uumamaa, mirgaafi dirqamasaaniis ta\u2019e kan kanneen umriin isaan caalanii akka baraniif isaan gargaara.<\/p>\n<p>Taphni ijoollee bifa gaaffiifi deebiitiin akkasumas karaalee biroo adda addaatii ijoollee lamaafi lamaa ol ta`uudhaan taphatama. Afoola keessaa tokko kan ta`e\u00a0 taphni ijoollee kun karaa ijoolleen barnoota itti qabatan keessaa tokko ta`uu dhimma kana irratti kan qorannoo taasise, ogeessi fookiloorii Abbabbaa Maammoon ni hubachiisa. \u00a0Fakkeenyaaf tapha bifa gaaffiifi deebiitiin ijoolleen wal gaafachaa taphatan kana akka fakkeenyaattis kaa`eera:<\/p>\n<p><strong>\u201cTokko maali?<\/strong><\/p>\n<p><strong>Tokkeen tokkittuma,<\/strong><\/p>\n<p><strong>\u00a0Lama maali? <\/strong><\/p>\n<p><strong>Lamaan mucha re`ee <\/strong><\/p>\n<p><strong>Takkeen tokkittuma <\/strong><\/p>\n<p><strong>Sadii maali? <\/strong><\/p>\n<p><strong>Sada sumsummani <\/strong><\/p>\n<p><strong>Lamaan mucha re`ee <\/strong><\/p>\n<p>Takkeen tokkittuma ,\u00a0jechuun\u00a0hanga\u00a0lakkoofsa\u00a0kudhaniifi sanaa ol waamaa taphatu. \u00a0Kana\u00a0irraa\u00a0ijoolleen\u00a0osoo\u00a0mana\u00a0baruumsaa\u00a0hin dhaqinis\u00a0ta\u2019ee\u00a0erga\u00a0mana\u00a0barumsaa\u00a0dhaqanii\u00a0lakkoofsa\u00a0lakkaa\u2019uu\u00a0sirriitti\u00a0akka baratan ogeessi kun caqasaniiru. \u00a0Obbo Abbabaan akka jedhaniitti yeroo\u00a0baay\u2019ee taphoota ijoolee kana ijoolleen bifa faaruutiin waan taphataniif nuffii\u00a0malee\u00a0irraa baratu;\u00a0akkasumas salphaatti ni qabatu. Gama birootiin taphni ijoollee, kan ijoolleen taphachuun ittiin bashannananiidha. Ijoolleen\u00a0kamiyyuu tapha\u00a0adda addaa\u00a0hawaasa\u00a0keessaa argatan tokko isa biroo barsiisaa, walirraa barachaa\u00a0 akaakuu afoolaa daddarbee har`a irra gaheedha.<\/p>\n<p>Barreessaan Boonsaamoon jedhamu barreeffama dhimma kana irratti barreesseen taphoonni ijoollee gosa garaagaraa hundi seera ittiin taphatamaniifi faayidaa mataa isaanii akka qaban caqaseera. Kanaanis akka fakkeenyaatti mul\u2019isuuf, gosa tapha ijoollee kaa\u2019e keessaa tokko\u00a0\u201c<strong>Meeqoo<\/strong>\u201d\u00a0kan\u00a0jedhamudha. Ibsi tapha kanaaf kenname ganaa keessa cirracha ykn saddeeqa dhokfachuun kun meeqa jedhanii gaafatu; inni deebisus tokkee, lamee sadee, loonoo jechuun deebisa. Loonoo kan jedhamu yoo baay\u2019inni cirrachaa sadii ol ta`e dha. Meeqoon tapha ijoollee yommuu ta\u2019uu caalmaan tapha naannoo Oromiyaa keessatti baratamedha.<\/p>\n<p>Haala kanaan taphni taphatamu kun ijoolleen salphumatti lakkoofsa akka addaan baafatan, dandeettii waa tilmaamuu isaanii gabbifachaa akka deemaniifi akka bashannanan kan dandeesisu ta`uu kaa`a. \u00a0Gama birootiin faayidaan tapha ijoollee, dandeettii afaanii akka cimsatan ni gargaara, beekumsa isaanii akka bal`ifatan ni taasisa, seera afaanii akka \u00a0hubatan kan dandeesisudha jedha. Yaada kana irraayyis kan hubachuun danda`amu taphni ijoollee ga`ee dandeettii afaanii keessatti qabudha.<\/p>\n<p>Dabalataan \u00a0gosootni tapha ijoollee qabiyyee isaanii bu`uura gochuun gosa\u00a0 garaagaraatti qoodamuu akka danda`an ogeessi fookiloorii obbo Abbabaan, barreessaa dhimma kana irratti barreeffama qabu Zawudee jedhamu wabeeffatanii bakka afuritti qooduun kaa`aniiru. Isaanis: Tapha ijoollee kan gaaffiifi deebiin taphatamu, tapha ijoollee gareen taphatamu, tapha ijoollee lakkoofsa irratti bu`uureeffamuun taphatamuufi tapha ijoollee kan gochaafi jechaan taphatamu ykn hurrubamudha. Haalli\u00a0kun\u00a0kan\u00a0nama\u00a0hubachiisu\u00a0taphoonni\u00a0ijoolleen taphataman gosaafi faayidaa adda addaa qabaachuu isaati.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Tapha ijoollee miidiyaalee adda addaa irraa akkuma arginuufi dhageenyuutti\u00a0 afoolawwan adda addaa kanneen akka oduu durii, baacoo, sirba, hiibboo, faaruufi kan kana fakkataniin ijoollee bashannanisiisaa\u00a0ni barsiisu.<\/p>\n<p>Armaan gaditti immoo taphoota ijoollee obbo Abbabaan fakkeenyummaan eere keessaa kan haala gaaffiifi deebiitii taphataman tokko ilaalun barreeffama keenya goolabna. Taphichi haala gaaffiifi deebiitiin kan qophaa`e dha.<\/p>\n<p><strong><u>Gaafataa:<\/u><\/strong>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 <strong><u>Deebisaa:<\/u><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>Ijoollee\u00a0gamaa\u00a0hoo!\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0Ookoo\u00a0<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>Koottu\u00a0hora\u00a0buuna\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Dhiyaana\u00a0hin nyaanne<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>Maaliif\u00a0nyaachuu\u00a0didde?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0\u00a0 Warratu\u00a0na\u00a0dhoowwate<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Maaf\u00a0hin dhaanne?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Dhaaneera<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Eessa,\u00a0eessa\u00a0dhaante?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0Harma,\u00a0harma\u00a0jala<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Harmi\u00a0maal\u00a0sii\u00a0buuse?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0\u00a0\u00a0\u00a0Amartii<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Amartii\u00a0maal\u00a0goote?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Hiriyaafan\u00a0kenne<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Hiriyaan\u00a0maal\u00a0sii\u00a0goote?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0Ulee\u00a0qallayyoo\u00a0naaf\u00a0kennite.<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Ulee\u00a0maal\u00a0goote?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Samiittin\u00a0aarse<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Aarri\u00a0eessa\u00a0dhaqe?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Samii\u00a0seene<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Samii irraa maaltu bu`a?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Rooba\/ Bokkaa<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Roobni\u00a0maal\u00a0biqilcha?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Marga<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Marga\u00a0maaltu\u00a0dheeda?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Loon\u00a0aayyoo\u00a0kiyyaa<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Loon\u00a0maalitti\u00a0elman?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Okolee\u00a0sibilaa<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Maalitti\u00a0fannisan?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Xaaxessaa<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>Xaaxessaa\u00a0maltu\u00a0mura?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Qottoo<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Qottoo\u00a0eenyutu\u00a0tuma?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Ogeessa<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Ogeessi\u00a0kun\u00a0eenyu?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Kan\u00a0dandeettii\u00a0qabu<\/em><\/strong><\/p>\n<p><strong><em>\u00a0Dandeettii\u00a0maaltu\u00a0fida?\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0Jireenyaafi\u00a0barnoota<\/em><\/strong>, jechaa baratu<\/p>\n<p><strong>\u00a0<\/strong>Tapha ijoollee armaan olitti dhiyaaterraa ijoolleen waa\u2019ee \u00a0bakkaa,\u00a0qaamaa, sibiilaa,\u00a0mukaa,\u00a0meeshaa, dandeettii\u00a0ogeessaa, adeemsa wal dhaggeeffannaa, bu`aa hiriyyaan waliif oolu, roobni samii irraa akka bu`uufi margas biqilchu, loon immoo marga akka dheedan, loon hora dhuganii aannan akka kennanfaa irraa barachuu\u00a0danda\u2019u.<\/p>\n<p><em>\u00a0Milkeessaa Dheeressaatiin<\/em><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Afoolli faayidaalee hedduu qaba. Afoola Oromoo keessaa taphni ijoollee isa tokkodha. Taphni ijoollee haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo dhaloota irraa dhalootatti ergaa bifa tapha fakkaatuun akka darbuuf mala dha\u2019amedha. Haala tapha kanaa keessatti ijoolleen yeroo umrii ijoollummaasaanii keessatti dhimmoota \u00a0hawaasummaa, dandeettii waa xiinxaluufi jaalala biyyaas ta\u2019e kan walii isaaniis akka dagaagfataniif gargaara. Kana qofas osoo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":6,"featured_media":4456,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4455"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/6"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4455"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4455\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4457,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4455\/revisions\/4457"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4456"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4455"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4455"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4455"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}