{"id":4479,"date":"2024-07-23T08:02:35","date_gmt":"2024-07-23T08:02:35","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4479"},"modified":"2024-07-23T08:02:35","modified_gmt":"2024-07-23T08:02:35","slug":"naannoo-amaaraatti-waamicha-dhihaate-hordofuun-humnoonni-hidhatan-kuma-11-ol-hawaasatti-makaman","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/23\/naannoo-amaaraatti-waamicha-dhihaate-hordofuun-humnoonni-hidhatan-kuma-11-ol-hawaasatti-makaman\/","title":{"rendered":"Naannoo Amaaraatti Waamicha Dhihaate Hordofuun Humnoonni Hidhatan Kuma 11 Ol Hawaasatti Makaman"},"content":{"rendered":"<p>Manni Maree Naannoo Amaaraa raawwii hojii qaamolee raawwachiiftuu bara bajataa 2016 gamaaggamera. Sadarkaa itti aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaa Damee Bulchiinsaafi Ittigaafatamaan Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii, obbo Dassaalany Xaasawu raawwii hojii biroosaanii\u00a0 koree dhaabbiif dhiheessaniiru.<\/p>\n<p>Gabaasa isaaniin karoora waggaa kanaaf karoorfame raawwachuu dhiisanii rakkoo nageenyaa naannichaa foyyeessuuf hojjechuu ibsaniiru. Rakkoon nageenyaa mudate karoora idilee akka hin raawwanneef gufuu ta&#8217;uu isaati kan himan.Rakkoon nageenyaa naannichatti mudate kallattii hedduun naannicha miidhuu dubbataniiru. Rakkichi yeroo tokkotti kan uumame osoo hin taane dhiibbaa alaafi keessoon kan mudate ta\u2019uu obbo Dassaalany addeessaniiru. Rakkoo siyaas-dinagdeefi hawaasummaan alatti waraanni Sudaan keessatti uumame baqattoota biyyattii hedduu gara naannichatti fiduun dhiibbaa uumeera jedhaniiru. Naannolee ollaa waliin miira tokkummaafi obbolummaa cimsuuf karoora qabachuun hojjechuu eegaluu isaaniis yaadachiisaniiru.<\/p>\n<p>Dhiibbaan Sudaaniifi naannolee ollaa rakkoo nageenyaa naannichaaf qormaata guddaa ta\u2019uu addeessaniiru. Naannoon Amaaraa ji&#8217;a Adoolessaa 2015 irraa eegalee rakkoo nageenyaa keessa akka ture yaadachiisaniiru. Rakkoo nageenyaa naannichaa hiikuuf caasaa nageenyaa cimsuu, leenjiifi ramaddii humna nageenyaa gurmeessuu ibsaniiru. Caasaan nageenyaa rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf kan uumame ta\u2019uus himaniiru. Obbo Dassaalany, hoggantoota siyaasaa leenjisuufi irra deebiin gurmeessuus beeksisaniiru. Caasaan nageenyaa, nageenya uummataaf wareegama kaffalaa turuufi jiraachuu ittigaafatamichi dubbataniiru. Akkasumas kanneen faayidaa addaa alatti kaayyoofi waadaa isaanii irratti cichanii hojjetan akka jiran kaasaniiru.<\/p>\n<p>Rakkoon nageenyaa naannichaa yeroodhaa gara yerootti fooyya\u2019aa dhufuu ibsanii shororkeessitoonni manneen barnootaa, bakkeewwan gabaafi namoonni qulqulluun walitti qabamanitti boombii darbachaa akka turan yaadataniiru.\u00a0 Akkasumas, sababa uggurri invastaroota irratti taasifameen invastaroonni hedduun naannicha gadhiisuuf akka dirqaman ibsaniiru. Akkasumas humnoonni walitti bu\u2019iinsa sabaafi amantaa uumuuf bal\u2019inaan hojjechaa turan akka jiran addeessaniiru. Uummanni naannichaa burjaajii jalqabaa keessaa erga bahee booda, nageenya waaressuuf ciminaan hojjechaa akka jirus ibsaniiru. Labsiin yeroo hatattamaa naannichatti kaa&#8217;ame caasaan mootummaa akka jabaatuuf\u00a0 gargaareera jedhaniiru. Humna nageenyaa irra deebiin gurmeessuu bira darbee hojiin seera kabachiisuu hojjetamuus ibsaniiru.<\/p>\n<p><em>Alamuu Balaayiin<\/em><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Manni Maree Naannoo Amaaraa raawwii hojii qaamolee raawwachiiftuu bara bajataa 2016 gamaaggamera. Sadarkaa itti aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Amaaraatti Qindeessaa Damee Bulchiinsaafi Ittigaafatamaan Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii, obbo Dassaalany Xaasawu raawwii hojii biroosaanii\u00a0 koree dhaabbiif dhiheessaniiru. Gabaasa isaaniin karoora waggaa kanaaf karoorfame raawwachuu dhiisanii rakkoo nageenyaa naannichaa foyyeessuuf hojjechuu ibsaniiru. Rakkoon nageenyaa mudate karoora idilee akka [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4480,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4479"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4479"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4479\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4481,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4479\/revisions\/4481"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4480"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4479"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4479"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4479"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}