{"id":4482,"date":"2024-07-23T08:04:33","date_gmt":"2024-07-23T08:04:33","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4482"},"modified":"2024-07-23T08:04:33","modified_gmt":"2024-07-23T08:04:33","slug":"hawaasni-qaamolee-nageenyaa-waliin-hojjechuun-nageenya-isaa-kabachisaa-akka-jiru-ibsame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/23\/hawaasni-qaamolee-nageenyaa-waliin-hojjechuun-nageenya-isaa-kabachisaa-akka-jiru-ibsame\/","title":{"rendered":"Hawaasni, Qaamolee Nageenyaa Waliin Hojjechuun Nageenya Isaa Kabachisaa Akka Jiru Ibsame"},"content":{"rendered":"<p>Naannoo Amaaraa bulchinsa sablammii Oromoo aanaa Arxummaa Fursiitti haala waqtaawaa nageenya irratti konfiransiin\u00a0 uummataa adeemsifameera.\u00a0\u00a0 Gaaffiin siyaasaa, qabsoo hidhannoodhaan deebi&#8217;uu akka hin jirre hubachuun\u00a0 qaamolee hidhatanii socho&#8217;an gama kaawunsilii nageenyaatiin gara qe&#8217;ee\u00a0 isaanii akka deebi&#8217;an waamichi dhihaateera. Marii kana irratti kan hirmaatan jiraattootni aanichaa garagaraa qaamoleen hidhatanii bosona jiran waamicha nageenyaa mootummaan taasise fudhachuun gara qe&#8217;ee isaanii deebi&#8217;u qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Qaabsoon hidhannoon taasifamu wal fixuu irra kan hafe bu&#8217;aa biraa fiduu waan hin dandeenyeef,\u00a0 qaamoleen hidhatanii socho&#8217;an uummata isaaniif jecha gara nagaatti dhufuu qabu jedhaniiru. Waamicha nagaa taasifame kana akka carraa gaariitti fayyadamuun\u00a0 gara uummata isaan guddisetti deebi&#8217;uu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee aanaa Arxummaa Fursii, Ahimad Mahaammad,\u00a0 aanichatti hojii qindoomina mootummaafi uummatni hojjetaniin,\u00a0 nageenyi fooyya&#8217;aan jiraachuu ibsaniiru.\u00a0 Haawsni nagaa waan barbaaduuf qaamolee callisaa waliin halkaniifi guyyaa hojjechuun nageenya isaa kabachisaa jiraachuu dubbataniiru.\u00a0 Hojjechuu, guddachuufi misoomuun kan jiraatu yoo nageenyi jiraate waan ta&#8217;eef,\u00a0 fulduraafis hawaasni nageenya isaa waaraan\u00a0 mirkaneessuuf\u00a0 humnoota mootummaa waliin qindaa&#8217;ee naannawaa isaa eeguu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itti aanaan bulchaa olaanaa bulchinsa sablammii Oromoofi itti gaatamaan qajeelcha dhimma nageenyaa bulchiinsichaa obbo Abduu Jamaal,\u00a0 caasaa callisaa bulchiinsa sablammichaatti jiru deebisanii gurmeessuuf, mootummaa naannicha waliin qindominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Naannawichaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf\u00a0 caasaa mootummaa cimaa ta&#8217;ee ijaaramaa jiraachuus eeraniiru.\u00a0 Qaamolee hidhatanii socho&#8217;an gara nageenyatti fiduufis hojiileen hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.\u00a0 Isaan didan irrattis mootummaan olaantummaa seeraa kabachisuuf humna gahaa ta&#8217;ee qabachuu ibsaniiru. Kun akkuma jiruutti ta&#8217;ee dhaabbilee nageenyaa keessatti\u00a0\u00a0 banaaleen jiran kan sakatta&#8217;aamuu qaban jiraachuu eeraniiru.\u00a0 Kana gochuudhaafis dhaabbilee nageenyaa naannicha waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.\u00a0 Gama tokkoon olaantummaa seeraa kabachisuun gama biraatiin immoo hojiilee riifoormi yookiin haroomsaa kan hojjetamu ta&#8217;uu obbo Abduun hubachisaniiru. Filannoon araaraafi mariin nageenya akka jiraatu taasisuufis bulchinsa sablammiichaatti kaawunsiliin nageenyaa qaama kamiyyu irraa bilisa ta&#8217;e dhaabbatee gara hojiitti galuu isaa himaniiru. Mootummaanis haala mijeessuun alatti gidduu kan hin seenne ta&#8217;us mirkaneessaniiru.<\/p>\n<p>Dursaa ittaanaa bulchaa olaanaa bulchinsa sablammii Oromoo obbo Ahimad Alii Abbaa Afroo gaaffiin qabsoo hidhannootiin deebi&#8217;u akka hin jirre himanii,\u00a0 qaamni gaaffii qabu kamiyyuu karaa nagaafi dimokiraasiitiin gama kaawunsilii nageenyaatiin dhiheessuu akka danda&#8217;u hubachisaniiru. Qaamoleen hidhatanii socho&#8217;an gama kaawunsilii nageenyaatiin\u00a0 karaa nagaatiin gara maatii isaanitti deebi&#8217;u akka danda&#8217;aan waamicha dhiheessaniiru.<\/p>\n<p><em>Guddinaa Asaffaatiin<\/em><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Naannoo Amaaraa bulchinsa sablammii Oromoo aanaa Arxummaa Fursiitti haala waqtaawaa nageenya irratti konfiransiin\u00a0 uummataa adeemsifameera.\u00a0\u00a0 Gaaffiin siyaasaa, qabsoo hidhannoodhaan deebi&#8217;uu akka hin jirre hubachuun\u00a0 qaamolee hidhatanii socho&#8217;an gama kaawunsilii nageenyaatiin gara qe&#8217;ee\u00a0 isaanii akka deebi&#8217;an waamichi dhihaateera. Marii kana irratti kan hirmaatan jiraattootni aanichaa garagaraa qaamoleen hidhatanii bosona jiran waamicha nageenyaa mootummaan taasise fudhachuun gara [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4483,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4482"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4482"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4482\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4484,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4482\/revisions\/4484"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4483"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4482"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4482"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4482"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}