{"id":4500,"date":"2024-07-23T08:14:17","date_gmt":"2024-07-23T08:14:17","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4500"},"modified":"2024-07-23T08:21:51","modified_gmt":"2024-07-23T08:21:51","slug":"pireezidaant-pool-kaagaameen-marsaa-4ffaaf-ruwaandaa-akka-bulchan-filataman","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/23\/pireezidaant-pool-kaagaameen-marsaa-4ffaaf-ruwaandaa-akka-bulchan-filataman\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Pireezidaant Paawul Kaagaameen Marsaa 4ffaaf Ruwaandaa Akka Bulchan Filataman"},"content":{"rendered":"<p>Maanguddoon ganna 66 waggoota 24 guutuu Ruwaandaa bulchaa kan turan Pool Kaagaameen filannoo pireezidaantummaa Ruwaandaatti taasifameen sagalee dhibbantaa 99 ol argachuudhaan marsaa afuraffaaf mo\u2019achuu danda&#8217;aniiru. Bu&#8217;aan sagalee filannoo guutuu hin taane akka agarsiisutti, Pool Kaagameen sagalee kenname keessaa dhibbantaa 99.15 argachuu isaanii komishiniin filannoo biyyattii ifoomseera.<\/p>\n<p>Akka ibsi komishinii filannoo biyyattii mul&#8217;isutti, sagalee dhibbantaa 0.53 argachuudhaan kan Kaagaameetti aananii lammaffaa ta\u2019an kaadhimamaa paartii &#8216;Dimookiraatawaa magariisaa&#8217; jedhamuun beekamu Firaank Habineezaa yoo ta\u2019an, namni dhuunfaadhaan dorgoman Filiip Mipaayimaanaa sagalee dhibbantaa 0.32 argataniiru. Bu\u2019aan kun kan mirkanaa&#8217;e erga lakkoofsi sagalee dhibbantaa 79 xumuramee booda ta\u2019uun ibsameera. Kaadhimamtoonni Kaagaameedhaan morman lama himannaan kanaan duraa mana murtiitti irraatti dhihaate waan xumura hin arganneef akka isaan filannoof hin dorgomne abbaan murtii biyyattii dhorkee jira.<\/p>\n<p>Mormituufi qeeqxuun Kaagaamee biraa Diyaan Riwiigaaraa immoo sababa hokkora kakaasuutiin akka hin dorgomne komishiniin filannoo biyyattii yeroo lammaffaadhaaf ugurri irra kaa\u2019usa ibsameera. Bu&#8217;aan filannoo kun erga ibsamee booda pireezidaanti Pool Kaagaameen haasaa taasisaniin, \u201clakkoofsichi amantaa naaf kenname kan agarsiisuudha, kun immoo waan guddaadha. Rakkoowwan keenya hafan akka waliin taanee hiikkanu abdiin qaba\u201d yaada jedhu kaasaniiru. Yeroo ammaa namni waggaa 66 Pool Kaagaameen filannoo\u00a0 akka lakkoofsa Awuroppaa bara 2003, 2010 fi 2017 taasifameen dhibbantaa 93 ol galmeessuudhaan kan mo\u2019atan yoo ta\u2019u, bu\u2019aan filannoo ammaa kana boodde waggoottan torbaaf Pireezidaantii biyyattii ta\u2019anii akka itti fufan kan isaan taasisudha. Bu\u2019aan filannichaa guutuun akka lakkoofsa Awuroppaa Adoolessa 22 ifatti beeksifama jedhamee eegama.<\/p>\n<p>Haaluma kanaan, filannoo marsaa kanaan lammiileen miiliyoona 9.5 ol dhibbantaa 98 Kaagameef\u00a0 sagalee kennuu danda&#8217;uu komishiniin Filannoo Biyyaleessaa biyyattii beeksiseera. Filattoonni kunneen filannoo kanarratti pireezidaanti Kaagaameefi qaama seera baastoota biyyattii 53 ta&#8217;aniif sagalee kennaniiru. Biyyattiitti filannoon teessoo addaa paarlaamaa dubartootaa, dargaggootaafi qaama miidhamtootaaf kennamu Kibxata dhufu ni gaggeeffama jedhamee eegama. Kaagaameen erga duguuggaan sanyii Ruwaandaatti raawwatameen booda akka lakkoofsa Awuroppaa bara 1994 gara aangootti kan dhufan yoo ta&#8217;u, bara 2000 booda pireezidaantii biyyattii ta&#8217;uun itti fufuun bulchaniiru.<\/p>\n<p>Hoggantoota Afrikaa jijjiirama daangaa aangoo hordofuun yeroo aangoo isaanii dheereffachuun bulchan keessaa Kaagameen isa tokkodha. Duguuggaa sanyii bara 1994 booda saba miidhaa guddaaf saaxilame deebisanii ijaaruu isaaniitiin kan galateeffamanidha. Kaagaameen &#8216;hogganaa bilisummaa daangessuu&#8217; jedhamuun falmitoota mirga namoomaan kan qeeqamaniifi deggartoota\u00a0 isaanii biratti ammoo diinagdee biyyattii guddisuufi wal qoqqoddaa sabaa hambisuun tokkummaa fiduu danda&#8217;uu isaaniitiin leellifamuun kan yaadatamanidha. Maddi: Aljazeeradha<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maanguddoon ganna 66 waggoota 24 guutuu Ruwaandaa bulchaa kan turan Pool Kaagaameen filannoo pireezidaantummaa Ruwaandaatti taasifameen sagalee dhibbantaa 99 ol argachuudhaan marsaa afuraffaaf mo\u2019achuu danda&#8217;aniiru. Bu&#8217;aan sagalee filannoo guutuu hin taane akka agarsiisutti, Pool Kaagameen sagalee kenname keessaa dhibbantaa 99.15 argachuu isaanii komishiniin filannoo biyyattii ifoomseera. Akka ibsi komishinii filannoo biyyattii mul&#8217;isutti, sagalee dhibbantaa 0.53 [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4501,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4500"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4500"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4500\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4507,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4500\/revisions\/4507"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4501"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4500"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4500"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4500"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}