{"id":4503,"date":"2024-07-23T08:19:58","date_gmt":"2024-07-23T08:19:58","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4503"},"modified":"2024-07-23T08:19:58","modified_gmt":"2024-07-23T08:19:58","slug":"iccitii-faaya-miidhaginaa-shamarran-baatee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/07\/23\/iccitii-faaya-miidhaginaa-shamarran-baatee\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Iccitii Faaya Miidhaginaa Shamarran Baatee"},"content":{"rendered":"<p>Bareedina yemmuu jedhamu karaalee garagaraa hiika itti kennuun ni danda\u2019ama. Isaanis: bareedina qaamaa, dhaabbii namaatti toluun, miiraaf qalbii namaa hawaatu, bareedina amalaa namni tokko uumaan isa badhaase, bareedina hojii, namni tokko kanneen biroo irraa bifa adda ta\u2019een ogummaan hojjetuufi kanneen kana fakkaatan danuu tartiibessuu ni dandeenya. Barruu keenya Kanaan garuu bareedina qaamaa keessumaa ammoo shamarran Baateetti argaman irratti xiyyeeffatee jira, yeroo dubbisaa gaarii isiniif haa ta\u2019uu!<\/p>\n<p>Bareedinni kennaa harka uumaan ganama hiree ta\u2019ee dhala namaaf kennamu yoo ta\u2019u, dhimmi miidhagina shamarran Baatee garuu adda durummaan bahee mullatee ajab! Nama jechisiisa. Uumaan isaaniin namoota biraa irra caalchisee miidhagina addaa waan kenneef fakkaata. \u2018\u2019Kaarruwaa Magaala!\u2019\u2019 jedhamuun kan weellifameefis, bifaan mammagaalan ta\u2019u isaanii kan mullisuufi ilkaan isaanii kaarruu ta\u2019uunis gosa simboo qabaachuu isaaniif ragaa ta\u2019udha. Guyyaan gabaa akka magaalatiitti jiru oolmaan isaa gaafa Wiixataa (Dafinoo) yoo ta\u2019u, namni gabaa sana irratti hirmaate hin beekne tarii wantootni hedduun bita itti galuu danda\u2019a. Sababni isaas shamarran miidhaginni isaanii qalbii namaa booji\u2019uun miira namaa hawwatan gabaa kana irratti argamuun guyyaan kun guyyaa gabaati moo, feestivaala miidhaginaatu adeemsifamaa jira? hanga jechuutti nama geessisuu. Taateen bakka sanatti ija namaatti mullatu dhugumatti fakkaata waan ta\u2019eef.<\/p>\n<p>Ammas imalli keenya gabaa Baatee keessa taasifnu ittuma fufee jira. Iji ganamaan miidhagdoota argee bohaare, ammas miirri isaa hin jijjiiramin jira. Fooliin urgaa mukkeen garagaraa arfamuuf oolan kanneen gabaa kana keessatti gurguraman taatee biraa nu hawwachuun qor-qalbii keenya miiressedha. Yoo ilaalan ilaalchaaf kan tolan, urgaan foolii gaarii naannawa isaanii marsee jiru, arguuf funfachuu caalaa kan nama gammachiisu maaltu jira laata? Mukkeen gosa garagaraa, baalli mukaa hedduunis guyyaa gabaa kana meeshaalee ho\u2019inaan bitamanii gurguramanidha. Sababa, maalummaafi faayidaa dhimmoota gurguramuuf gabaa dhufan kana waan hin beekneef, itti siqnee maalummaafi faayidaa mukkeeniifi baala gurguraman kana akka gaafannuuf nu kakaasee jira. Iccitiin miidhagina isaanii maal akka ta\u2019e shamarran tokko tokko dubbisneerra. Aadde Saniyaa Musxafaa, leenjiftuu Garee Hawwisoo Aadaa Aanaa Baateeti. \u2018\u2019Nuti aadaa Keenya ganamaa maatii keenya irraa dhaalletti dhimma bahuun miidhagina keenyaaf itti gargaaramna\u2019\u2019 jetteetti. Mukkeen naannoo keenyatti argaman kan akka Birreensaatti haalaan kan gargaaraman tahuusaati aadde Saniyaan kan dubbatte. Birreensi dhimma lamaaf akka isaan fayyadu kan ibsite shamarreen kun, fooliin isaa akka shittootti, aarri isaa ammoo qaama isaanii laaffisuuf wanta ijoodha jetteetti.<\/p>\n<p>Shittoo narraa dhiisi kan warra Faransaa kan Walloon biqilchee haarfadhu Birreensaa jechuun hawaasni naannawichaa jaalala birreensaaf qabu ibsuusaa aadde Saaniyaan nutti himteetti. \u2018\u2019Bishaan isaa irraa haata\u2019u ani hin beeku ijoolleen Baatee ni bareedu\u2019\u2019 kan jette ammoo shubbistuufi miseensa garee hawwisoo Bulchiinsa magaalaa Baatee Hawwaa Ahimadidha. Iccitiin shamarraan Baatee kanneen biroo irraa adda taasise miidhagsu qabeenya uumaan ganamaan miidhagsee naannoo isaaniitti isaaniif uume bifa aadaan itti dhimma bahuu isaanii nuuf qooddeetti. \u2018\u2019Keessumaa biqiltuun Hinnaa jedhamu miidhagina qaama keenyaaf faaya nuuf taheera, harkaafi miila keenyatti tumnee dibachuun ittiin miidhagna\u201d jetteetti. Dhaloonni ammaas aadaa abbootii isaanii jabessuu akka qabanis dhaamteetti. \u201cBaasii tokkoof osoo hin saaxilamin haala salphaan naannoo keenyatti wantoota argamanin miidhagina, adda durummaan ammoo Hadas biqiltuu filannoo keenyaati\u201d jechuun kennaa uumamaan argatan kan faarsite bulchiinsa magaalaa Baateetti shubbistuufi miseensa garee Hawwisoo Aadaa Faaxumaa Warquudha. Hadas baalli isaa tumamee dhadhaan walitti makamuun kan itti maayii baanudha kan jettu shamarreen kun, yeroorraa yerootti aadaan duubatti hafaa waan jiruuf aadaa durii cimsuun akka barbaachisu dhaamsa ishee dabarsiteetti. Dhimmi iccitii miidhagina shamarran kunneen, gama aadaan itti gargaaramanii kana ilaachisuun magaalaa Baateetti daldaltuu dibata ammayyaa aadde Faafii Saanii dubbifneerra. \u2018\u2019Dibatootniifi taateen miidhaginaaf oolan kanneen gama aadaan jiran kan ammayyaa ni caalu, sababni isaas kan aadaa dhugaafi qabiyyee isaa uumamaa qabatee waan jiruuf dhiibbaa tokko illee nama irraan hin ga\u2019u\u201d jetteetti.<\/p>\n<p>Gama fayyaa qaama namaa irraan gahuun wal qabatee saayinsiin fayyaa maal jedha laata? kan jedhuu qorachuufis Magaalaa Baateetti Teeknishaana Faarmaasistiifi ogeetti Fayyaa kan taate aadde Rihaanaa Muusaa dubbifneerra. Dibatoottni ammayyaa yookiin kan barrri fide kun miidhaa cimaa inumaayyuu deebi\u2019uu hin dandeenye qaamaafi gogaa keenya irratti ni fidu jechuun ibsiteetti. Qaama namaaf faayidaa dachaa kan qabu keemikaala kamirraa iyyuu bilisa kan ta\u2019e, dhimmoota gama aadaan fayyadamnutu bu\u2019aa guddaa qaba jechuun deggarsa ogummaa ishee nuuf qooddeetti. Obbo Huseen Ibraahim waajjira Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Baateetti ogeessa Guddina Induustirii Aadaati. Ogeessi kun shamarran Baatee faaya miidhaginaaf kan itti gargaaraman keemikaala irraa bilisa kan ta\u2019edha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Ogeessi kun akka jedhaniitti, Birreensa irratti biyya keessaa eegaluun, qorattoonni Jarman irraa dhufanii qorannoo gochaa jiru. Magaalaa Baateetti uummatoonni Oromoo, Amaaraa, Affaariifi Arabaa itti jiraachuun iccitii miidhagina shamarran keenyaaf isa olaanaadha kan jedhan ammoo itti gaafatamaa waajjira Aadaafi Tuuriizimii Bulchiinsa magaalaa Baatee obbo Sa\u2019id Ahimadidha. Gama aadaa isaanii cimsuun wal qabatee rakkoo hedduun irra gahaa jiraachuun gufuu itti ta\u2019uu kan kaasan obbo Sa\u2019id, aadaa ibsitituufi agarsiiftu eenyummaafi maalummaa keenya ta\u2019e kana qaamni hundi tumsuuf ciminaan hojjechuun akka barbaachisu dhaamaniiru.<\/p>\n<p><em>Surraa Iddoosaatiin<\/em><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Bareedina yemmuu jedhamu karaalee garagaraa hiika itti kennuun ni danda\u2019ama. Isaanis: bareedina qaamaa, dhaabbii namaatti toluun, miiraaf qalbii namaa hawaatu, bareedina amalaa namni tokko uumaan isa badhaase, bareedina hojii, namni tokko kanneen biroo irraa bifa adda ta\u2019een ogummaan hojjetuufi kanneen kana fakkaatan danuu tartiibessuu ni dandeenya. Barruu keenya Kanaan garuu bareedina qaamaa keessumaa ammoo shamarran [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4505,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4503"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4503"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4503\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4506,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4503\/revisions\/4506"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4505"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4503"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4503"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4503"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}