{"id":4520,"date":"2024-08-07T08:04:52","date_gmt":"2024-08-07T08:04:52","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4520"},"modified":"2024-08-07T08:04:52","modified_gmt":"2024-08-07T08:04:52","slug":"rakkoolee-nageenyaa-naannoo-amaaraatti-kaan-furuuf-kutannoo-akka-qabu-mootummaan-naannichaa-beeksise","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/08\/07\/rakkoolee-nageenyaa-naannoo-amaaraatti-kaan-furuuf-kutannoo-akka-qabu-mootummaan-naannichaa-beeksise\/","title":{"rendered":"Rakkoolee Nageenyaa Naannoo Amaaraatti Ka\u2019an Furuuf Kutannoo Akka\u00a0 Qabu Mootummaan Naannichaa Beeksise"},"content":{"rendered":"<p>Manni maree naannoo Amaaraa yaa&#8217;ii idilee 8ffaa bara hojii 3ffaa marsaa 6ffaa adeemsiseera. Yaa&#8217;iicharratti\u00a0 bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa \u00a0obbo Araggaa Kabbada,\u00a0 gabaasa raawwii hojii bara baajata darbe miseensota mana marichaaf dhiheessaniiru.<\/p>\n<p>Waggaa darbe dhuma ji&#8217;a Adoolessa irra eegale naannichatti rakkoon nageenyaa mudatee akka ture kan himan\u00a0 obbo Araggaan,\u00a0 rakkoon nageenyaa kun miidhaa namoomaa, qabeenyaafi miidhaa xin sammuu hawaasaa naannicharratti dhaqqabsisuu ibsaniiru. Rakkoo nageenyaa uumame olaantummaa seeraa kabachisuun cinaatti karaa nagaan hiikuuf kan dandeessisuu\u00a0 mariin uummataa irra deddeebiin adeemsifamu himaniiru. &#8220;Marii irra deddeebiin taasifames\u00a0 rakkichi yaaddessaafi dogoggora akka ta&#8217;e uummatni akka hubatuu taasisuuf nu gargaareera&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Yeroo ammaa uummatni naannichaa abbaantummaa nageenyaa akka ta&#8217;uufi rakkoo xaxamaa keessa ture irraa akka bahuu taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jirchuu eeraniiru. Olaantummaa seeraa kabachisuun cinaatti,\u00a0 gurmaa&#8217;ina caasaa irra deebiin qindeessuun\u00a0 hojiin bu&#8217;aa qabeessa hojjetamuu kan kaasan bulchaan olaanaa naannichaa, \u00a0uummatnis abbaantummaa nageenyaa ta&#8217;uun qaamolee callisaa deggaruu isaatiin nageenyi foyya&#8217;aan akka dhufuu ta&#8217;eera jedhaniiru.\u00a0 Rakkoon nageenya naannichatti mudate\u00a0 raawwii dhaabbilee garaagaraa irratti dhiibbaa taasisuu obbo Araggaan himaniiru.\u00a0\u00a0 Haata&#8217;uu malee dhaabbilee hundu rakkoo keessa ta&#8217;anis hojii isaanii raawwachuuf tattaaffii taasisuu hubachiisaniiru. Damee qonnaatiin bara baajetichaan oomishaafi oomishitummaa dabaluuf haala rakkoo keessa ta&#8217;uun\u00a0 kan bara darbe caalaa dhiheessi qonnaa galchuun danda&#8217;ameera jedhaniiru.<\/p>\n<p>Bara oomishaa kanatti oomisha karoorfame argachuuf\u00a0 xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.\u00a0 Induustiriwwan oomishitoota irrattis rakkoon nageenya dhiibbaa guddaa dhaqqabsisuu kaasaniiru. Sadarkaa barbaadamuun oomishuu akka danda&#8217;aan xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.<\/p>\n<p>Gabaasichaan booda, miseensotni mana marichaas qaamolee raawwachisaaf yaadaafi gaaffii kaasaniiru.\u00a0 Naannichi rakkoo nageenyaa keessa ta&#8217;e hojiiwwan misoomaafi hawaasummaa raawwaate kan abdii namaa kennu ta&#8217;uu miseensotni mana marichaa ibsaniiru.\u00a0 Naannichi nageenyi\u00a0 isaa mirkanaa&#8217;ee humna guutuun osoo gara hojiitti galame raawwii kana caalaa galmeessisuun akka danda&#8217;amu eeraniiru.\u00a0 Mootummaan naannichaa kutannoo waliigalteefi marii nageenyaaf agarsise tarkaanfii gaarii ta&#8217;uu himaniiru.\u00a0 Milkaa&#8217;ina isaafis garaadhaan hojjechuun akka barbaachisu jala muranii himaniiru.<\/p>\n<p>Nageenya fooyya&#8217;aa amma argame itti fufaa taasisuufi nageenya waaraa fiduuf\u00a0 filannoowwan kamiyyu ilaaluun akka barbaachisu kan kaasan miseensotni mana maree,\u00a0 qaamoleen hidhatanii socha&#8217;anis faayidaa uummata isaaniif jedhanii filannoo nageenyaa fudhatanii itti fayyadamu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Afa yaa&#8217;iin mana maree\u00a0 naannoo Amaaraa, aadde Faantuu Tasfaayee, manni marichaa yaa&#8217;ii idile isaatiin\u00a0 haala nageenya waqtaawaa naannichaa, dhimmoota misoomaafi bulchiinsa gaarii irratti gadii fageenyaan mari&#8217;ateera jedhaniiru. Yaa&#8217;iichi xumuramuu isaa hordofee ibsa kan kennan aadde Faantuun,\u00a0 manni marichaa dhimmoota garaagaraa irratti bal&#8217;inaan mari&#8217;aatee kallattiiwwan garaagaraa kaa&#8217;uus himaniiru.<\/p>\n<p>Rakkoolee bulchiisa gaarii kan uummata mufachisan keessattu,\u00a0 sirna haqa uummata biratti amanamaa taasisuuf xiyyeeffannoon itti kennamee kan hojjetamu qabudha jedhaniiru. Mariin nageenyaa eegalame akka milkaa&#8217;uu\u00a0 kutannoon akka hojjetamu manni marichaa marii taasisuu himaniiru. Miseensootni mana maree sadarkaan jiran too&#8217;annoofi hordoffii akka taasisan waalgalteerra gahaamus eeraniiru. Fedhii misoomu uummataa kan giduu galeeffate, ijaarsa bu&#8217;uuraalee misoomaa,\u00a0 baajata seeraafi qusannaan fayyadamuu, rakkoolee bulchiinsa gaarii sadarkaan jiran hiikuu,\u00a0 gaaffii uummataa dhaggeeffachuun sadarkaa sadarkaadhaan deebii kennuu dhimmoota jedhan irratti kallattiin ka&#8217;aamuu adde Faantuun himaniiru. Manni marichaa baajata bara 2017 birri biliyoona 150.6 ta\u2019uun raggaasiseera.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Manni maree naannoo Amaaraa yaa&#8217;ii idilee 8ffaa bara hojii 3ffaa marsaa 6ffaa adeemsiseera. Yaa&#8217;iicharratti\u00a0 bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa \u00a0obbo Araggaa Kabbada,\u00a0 gabaasa raawwii hojii bara baajata darbe miseensota mana marichaaf dhiheessaniiru. Waggaa darbe dhuma ji&#8217;a Adoolessa irra eegale naannichatti rakkoon nageenyaa mudatee akka ture kan himan\u00a0 obbo Araggaan,\u00a0 rakkoon nageenyaa kun miidhaa namoomaa, qabeenyaafi miidhaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4521,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4520"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4520"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4520\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4522,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4520\/revisions\/4522"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4521"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4520"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4520"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4520"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}