{"id":4523,"date":"2024-08-07T08:07:59","date_gmt":"2024-08-07T08:07:59","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4523"},"modified":"2024-08-07T08:07:59","modified_gmt":"2024-08-07T08:07:59","slug":"jijjiirama-dinagdee-gooroo-haala-waliigalaasaa-ilaaluun-barbaachisaa-akka-tae-himame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/08\/07\/jijjiirama-dinagdee-gooroo-haala-waliigalaasaa-ilaaluun-barbaachisaa-akka-tae-himame\/","title":{"rendered":"Jijjiirama Dinagdee Gooroo Haala Waliigalaasaa Ilaaluun Barbaachisaa Akka Ta\u2019e Himame"},"content":{"rendered":"<p>Ministirri Muummee Abiy Ahimad (Phd) yaadama Ida&#8217;amuu keenyaan misooma biyyaaf maal gochuu akka qabnu sirnaan madaaluun keenyeerra. Kaayyoon keenya badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuudha jedhaniiru. Adeemsi keenyas hiyyeessa kan giddu galeeffatedha. Hojiileen jijjiiramaan hojjetaman hunduu carraaqqii qooda fudhattoota hundaa ni bu&#8217;uureffatadha kan jedhan.<\/p>\n<p>Muummichi ministiraa oomishtummaa, daldalaafi galii biyya alaa tumsaan guddisuudha jedhaniiru. Qaamoleen seeraa daldaaltota seeraan ala socho&#8217;an sirreessuuf itti gaafatamummaan\u00a0 kennamuus ibsaniiru. &#8220;Jijjiirama dinagdee gooroo gartokkeen osoo hin taane guutummaasaa ilaaluun barbaachisadha&#8221; jedhaniiru. Qaamoleen seera raawwachiisan dadaltoota saamtota karaa hin malleen seeraan ala fayyadamuu barbaadanirratti tarkaanfii akka fudhatan itti gaafatamummaan kennameera jechuunis hubachisaniiru. Haroomsa imaammata sagantaa dinagdee\u00a0 taasifame ilaalchisuun &#8221;Maallaqni\u00a0 Itoophiyaa illee\u00a0gatii dhabe\u00a0 jechuun dogongora&#8221;jedhaniiru.<\/p>\n<p>Birrii Itoophiyaa hin laaffifne, durayyuu biyya keessa gabaa lamaatu ture, tokko dhibbaan bitaa ture. Tokko\u00a0 shamtamaan bitaa ture waan ta&#8217;eef balaan adda uumame hin jiru jedhaniiru. Imaammanni haaraan kun rakkoo kana furuuf furmaata ta&#8217;uu kaasaniiru. \u2018\u2019Murtoon nuti fudhannes tokkummaa gabaa uume malee waan addaa hin buusne\u2019\u2019 jedhaniiru.<\/p>\n<p>Ministirri Ministeera Maallaqaa Itoophiyaa kan ta&#8217;an obbo Ahimad Shideen gamasaaniin, &#8220;raawwii imaammata diinagdee gooroo haala guddina biyyaa itti fufsiisuun, lammiilee sadarkaa jireenyaa gadaanaa qaban tilmaama keessa galchuun cimsee to&#8217;atama&#8221; jedhaniiru. Hojiirra oolmaa imaammata dinagdee gooraa Itiyoophiyaa keessatti lammiilee sadarkaa jireenyaa gadaanaa qaban ilaalcha keessa galchuun, guddina biyyaalessaa itti fufsiisuun hojiirra kan oolu ta\u2019uu ibsaniiru.\u00a0 Riifoormiin dinagdee gooroo kun safartuu sharafa alaa, imaammata maallaqaafi faayinaansii, imaammata faayinaansii galiifi baasii mootummaa fooyyessuufi liqaa hir\u2019isuun bu\u2019uura imaammata maallaqaa gabaadhaan kan hoogganamu ta\u2019a jedhaniiru.<\/p>\n<p>Invastara biyyaalessaa deggaruun, galii mootummaa dabaluufi gahumsa jaarmiyaalee misoomaa fooyyessuudhaan, dorgomtummaa baankii daldalaa sirnaawaa ta&#8217;e uumuufi sirna faayinaansii irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta\u2019uu eeraniiru. Riifoormii dinagdee gooroo qindoominaan hojjetame deggarsa michoota idil-addunyaa Fandii Maallaqaa Idil-addunyaafi Baankii Addunyaa dabalatee hojiirra kan oolu ta\u2019uu ibsaniiru. Safartuun sharafa alaa gabaan akka qajeelfamu hayyamuuf waggoota sadan darban keessatti haaromsa dinagdee biyya keessaafi rood-maappii Baankii Biyyaalessaatiin karoorfamee hojjetamaa akka ture kaasaniiru.<\/p>\n<p>Kaayyoon raawwii imaammata kanaa inni guddaan qaala\u2019insa jireenyaafi jijjiirama gabaa maallaqaa akkasumas dhiibbaa yeroo gabaabaa irraa of eeggannoo guddaan raawwii imaammataa hogganuudhaan dinagdee tasgabbaa\u2019aa uumuudha jedhaniiru. Raawwii imaammataafi mariin kun fayyadamummaa Itoophiyaa dursa kennuun kan raawwatame yoo ta\u2019u, deggarsa qusannoo faayinaansii Doolaara biiliyoona 4.9 ba\u2019aa liqaa salphisuuf bu\u2019aa guddaa akka qabu ibsaniiru. Deggarsi maallaqaa kun ba\u2019aa liqaa biyyattii hir\u2019isuuf, hojjettoota kaffaltii xiqqaa qaban, fayyadamtoota seeftineetii misooma magaalaafi baadiyyaa, xaa\u2019oo, deggarsa boba\u2019aafi hojii misoomaa idileef kan oolu ta\u2019uu eeraniiru. Deggarsi maallaqaa kun bu\u2019uura to\u2019annoo cimaa ta\u2019een haala gahaa ta\u2019een kan qophaa\u2019eefi miseensota hawaasaa sababa haaromsa kanaan dhiibbaa irra ga\u2019uu danda\u2019aniif hojii misoomaafi deggarsaaf iftoominaan kan oolu ta\u2019uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ministirri Muummee Abiy Ahimad (Phd) yaadama Ida&#8217;amuu keenyaan misooma biyyaaf maal gochuu akka qabnu sirnaan madaaluun keenyeerra. Kaayyoon keenya badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuudha jedhaniiru. Adeemsi keenyas hiyyeessa kan giddu galeeffatedha. Hojiileen jijjiiramaan hojjetaman hunduu carraaqqii qooda fudhattoota hundaa ni bu&#8217;uureffatadha kan jedhan. Muummichi ministiraa oomishtummaa, daldalaafi galii biyya alaa tumsaan guddisuudha jedhaniiru. Qaamoleen seeraa daldaaltota seeraan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4524,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4523"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4523"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4523\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4525,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4523\/revisions\/4525"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4524"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4523"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4523"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4523"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}