{"id":4526,"date":"2024-08-07T08:11:22","date_gmt":"2024-08-07T08:11:22","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4526"},"modified":"2024-08-07T08:11:22","modified_gmt":"2024-08-07T08:11:22","slug":"rakkoo-nageenyaa-naannoo-amaaraatti-uumame-waaraan-furuuf-hundi-gaheesaa-akka-bahu-kaawunsiliin-nageenyaa-gaafate","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/08\/07\/rakkoo-nageenyaa-naannoo-amaaraatti-uumame-waaraan-furuuf-hundi-gaheesaa-akka-bahu-kaawunsiliin-nageenyaa-gaafate\/","title":{"rendered":"Rakkoo Nageenyaa Naannoo Amaaraatti Uumame Waaraan Furuuf, Hundi Gaheesaa Akka Bahu Kaawunsiliin Nageenyaa Gaafate"},"content":{"rendered":"<p>Rakkoon nageenya naannoo Amaaraatti mudate, namoomaafi qabeenyarratti miidhaa dhaqqabsisaa jira.\u00a0 Dinagdee naannichas daran miidhaa jira.\u00a0 Walitti bu&#8217;insi naannichatti mudate kun lubbuu mamaa bira darbee dhaabbilee kanneen akka qonnaa,\u00a0 fayyaa, barnoota,\u00a0 turiziimii, geejjibaa, daldalaafi carraa hojii uumuu irratti miidhaa guddaa geessiseera.<\/p>\n<p>Haata\u2019uu malee mootummaan rakkoolee nageenya naannichatti mudate karaa nagaan furmaata akka argatuuf\u00a0 hojiilee garaagaraa hojjechuu irratti argama.\u00a0 Rakkichi furmaata akka argatuufis\u00a0 mariin uummata bal&#8217;aa hirmaachise\u00a0 iddoole adda addaatti adeemsifamaa turera, adeemsifamaa jiras.\u00a0 Qaamoleen hidhatanii qabsa&#8217;aanis, gara uummata isaanitti deebi&#8217;anii\u00a0 qabsoo karaa\u00a0 nagaa akka taasisan mootummaan yeroo garaagaraatti waamicha nageenya taasisa jira.\u00a0 Kana bira darbees, naannoo Amaaraatti nageenyi akka bu&#8217;u,\u00a0 mootummaa\u00a0 naannichas ta&#8217;e fedaraalaa\u00a0 qaamoleen hidhatanii socho&#8217;an gara nageeynaatti akka dhufan waliin mari&#8217;achuuf qophii ta&#8217;uu yeroo garaagaraatti\u00a0 ibsaa turaniiru.<\/p>\n<p>Kanaanis dhukaasa waaraan dhaabuuf\u00a0 kaawunsiliin nageenyaa mariif haala mijeesan miseensota 15 qabu konfiransii nageenyaa magaalaa Baahir Daaritti Waxabajjii\u00a0 17 bara 2016 hanga 18 bara 2016 gaggeeffame irratti filamaniiru.\u00a0 Gaheen kaawunsilii yookiin mana maree nageenyas mootummaafi humnotni hidhatan\u00a0 walitti dhihaatanii rakkoo isaanii mariin akka hiikan\u00a0 haala mijeessu akka ta&#8217;e walitti qabaan kaawunsilii nageenyaa obbo Yaayyah Yiraad himaniiru.\u00a0 Kaawunsilichi mari&#8217;ataas, marisisaas miti, gaheen isaa inni guddaan qaamoleen lamaan gara mariitti akka dhufaniifi\u00a0 rakkoo isaanii karaa mariin akka hiikan haala mijeessuudha jedhaniiru. Qaamoleen hidhatanii socho&#8217;an gaaffii uummata Amaaraa bara dheeraaf ture deebisisuu kan isaan danda&#8217;an waraanaan osoo hin taane walii galteefi mariin ta&#8217;uu walitti qabaan kun hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan hariiroo uummataa kaawunsilii nageenyaa, Iyaachaw Tashaala, \u00a0naannoo Amaaraatti qabsoon hidhatoonni taasisaa jiran, karaa gaaffiin uummataa deebi\u2019uu qabuun akka hin taane himaniiru. \u00a0Gaaffileen hundi karaa nagaafi mariin ta\u2019uu akka qabudha itti gaafatamaan kun kan addeessan.<\/p>\n<p>Hidhattonni kun gaaffii daangaafi eenyummaa, gaaffii haqummaa, mirga jiraachuu dhalattoota naannoo Amaaraa naannoo biraa jiraatan dabalate gaaffiilee bu&#8217;uura\u00a0 uummatni naannoo Amaaraa waggaa dheeraaf gaafataa ture deebii argachuu dhabuu isaaniitiin gara bosonaatti akka isaan seensise obbo Iyaachaw ibsaniiru.<\/p>\n<p>Qaamoleen waraanaa,\u00a0 akka daldalatti yookiin kanneen akka galitti lakka&#8217;aanis \u00a0gama mootummaatinis ta&#8217;e kanneen maqaa hidhattootaatiin saaman\u00a0 jiraachuu dubbataniiru. Gaaffileen hidhattoonni kaasa kun gaaffii waloo mootummaa naannichaafi hidhatoota erga ta&#8217;e rakkoon isaanii mariin akka hiikan taasisuuf\u00a0 kaawunsiliin nageenyaa haala mijeesaa jira jedhaniiru.\u00a0 Kanaafuu gaaffii waloof marii walootu barbaachisa jedhaniiru obbo Iyaachaw.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Kaawunsiliin nageenyaa marisisaa osoo hin taane haala\u00a0 mijeessadha,\u00a0 kanaafuu gaaffiin iftoominaafi walabummaan ka&#8217;uu kan qabu osoo marisiisaa taanedha\u2019\u2019 \u00a0jedhaniiru. Gama kanaan qaamni kamiyyuu shakkii keessa galuu dhiisee, rakkoon\u00a0 nageenya\u00a0 naannichatti jiru furmaata akka argatu deggarsa isaaniif akka taasisu gaafataniiru.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa\u00a0 saayinsii siyaasaa kan ta&#8217;an Salamoon Dasaalany, uummatni naannoo Amaaraa\u00a0 gaaffii\u00a0 daangaafi eenyummaa, heeraafi kanneen biroo irratti gaaffii yeroo dheeraaf harkifamaa dhufee qabaachuu eeranii, gaaffileen uummatni naannichaa kaasuu furmaataa dhabuu isaaniitiin hidhattootni miira abdii kutachuutiin gara qabsoo hidhannoon deggarame seenuu himaniiru.\u00a0 Haata&#8217;u malee waraanni jiruufi jireenya ilma namaa kan balleessu waan ta&#8217;eef rakkoolee jiran mariin hiikuun barbaachisaa ta&#8217;uu himaniiru. Gama kanaan mootummaan rakkoolee jiran mariin akka hiikaman kutannoo agarsisuun isaa kan jajjabeeffamudha jedhaniiru. Mariin alattis furmaatni biraan akka hin jirre hubachisaniiru. Kaawunsiliin nageenyaa naannichatti hundeffames\u00a0 qaama kamiyyurraa bilisa ta&#8217;e mootummaafi qaamolee hidhatan\u00a0 gara mariitti akka dhufan haala mijeessuu qaba jedhaniiru. \u00a0Fudhatamummaa akka qabaatu gartuu kamiyyurraa bilisa ta&#8217;uu qaba jedhaniiru. Qaamoleen hidhatanii socho&#8217;anis\u00a0 darara uummata isaaniirra gahuu hambisuuf rakkoo uumaame mariin hiikuuf fedha agarsisuu qabu jedhaniiru.\u00a0 Mootummaanis garaa bal&#8217;atee gaaffii uummatni kaasuufi qaamoleen hidhatani socho&#8217;an kaasan fudhachuun furmaata itti\u00a0 kennuu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Rakkoo nageenyaa naannichatti uumame waaraan furuuf mariifi waliigalteen dhimma filannoo hin qabne ta&#8217;uu afa yaa&#8217;iin mana maree naannoo Amaaraa aadde Faantuu Tasfaayee yaa&#8217;ii idilee mana maree naannichaa 6ffaa bara hojii 3ffaa irratti haasaa taasisaniin hubachisaniiru. Humnootni hidhatanii socho&#8217;an waamicha kaawunsiliin nageenyaa taasisu fudhachuun gara maritti akka dhufan miseensotni mana maree naannichaa gahee isaanii bahachuu akka qaban amaana jedhaniiru. &#8220;Rakkoon qawween hiikame jiraate hin beeku, gara fulduraafis hin jiraatu, kanaafuu waliigalteefi mariin\u00a0 nuuf filannoo osoo hin taane dirqamadha&#8221; jedhaniiru. \u00a0Nageenya waareessuun mootummaa qofaaf kan dhiifamuu miti kan jedhan aadde Faantuun,\u00a0 kanaanis uummatni naannichaa hudaafi mootummaan kutannoon wal tumsutu irra jiraata jedhaniiru. Nageenya waaraa mirkaneessuu dhabuun dhaloota eegaree irratti godaannisa kan uumuudhas jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kaanaafuu kaawunsilii nageenyaa hundeeffame deggaruun waliigalteefi mariin akka taasifamu hunduu gahee isaa bahachuu qaba ergaa jedhu dabarsaniiru.\u00a0\u00a0 Gaaffiin eenyummaafi daangaa uummatni naannoo Amaaraa kaasu\u00a0 waaraan akka furamu hojjetamaa jirachuu bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa \u00a0obbo Araggaa Kabbadaan yaa&#8217;ii idilee mana maree kana irratt haasaa taasisaniin eeraniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Rakkoon nageenya naannoo Amaaraatti mudate, namoomaafi qabeenyarratti miidhaa dhaqqabsisaa jira.\u00a0 Dinagdee naannichas daran miidhaa jira.\u00a0 Walitti bu&#8217;insi naannichatti mudate kun lubbuu mamaa bira darbee dhaabbilee kanneen akka qonnaa,\u00a0 fayyaa, barnoota,\u00a0 turiziimii, geejjibaa, daldalaafi carraa hojii uumuu irratti miidhaa guddaa geessiseera. Haata\u2019uu malee mootummaan rakkoolee nageenya naannichatti mudate karaa nagaan furmaata akka argatuuf\u00a0 hojiilee garaagaraa hojjechuu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4527,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4526"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4526"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4526\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4528,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4526\/revisions\/4528"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4527"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4526"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4526"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4526"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}