{"id":4532,"date":"2024-08-07T08:16:19","date_gmt":"2024-08-07T08:16:19","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4532"},"modified":"2024-08-07T08:16:19","modified_gmt":"2024-08-07T08:16:19","slug":"maalummaa-sirna-barreeffamaa-ajam-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/08\/07\/maalummaa-sirna-barreeffamaa-ajam-2\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0Maalummaa Sirna Barreeffamaa Ajam"},"content":{"rendered":"<p>Addunyaan keenya har\u2019a keessa jiraannu bifa har\u2019a qabattee jirtu kana uummachuuf taateewwan jaarraa hedduun lakkaawwaman akka itti fudhate wal nama hin gaafachiisu. Kana jechuun battalumaan boca ishee har\u2019aa hin gonfanne jechuudha. Ijaarsi daandii, gamoo, baballinni teeknooloojii akkasumas ogummaan dhalli namaa uumeef qabu hundi adeemsa keessa kan uumamedha. Maal kana qofaree, kalaqni afaaniifi qubeewwan ittin barreeffaman addunyaa keenya har\u2019a irra heddummaatanii jiranis ogummaa kalaqa dhala namaa dhawata dhawataan babalatedha.<\/p>\n<p>Kabajamtootaafi jaallatamtoota dubbistoota barruu keenyaa, ogummaa kalaqaa hawaasa bulchiinsa sab-lammii Oromoo kan ta\u2019e haala sirna kataba qubee barreeffamaa Ajam irratti waan qindeeffanne qabna yeroo dubbisaa gaarii! Hawaasni bulchiinsa sab-lammii Oromoo hawaasa aadaafi dudhaa, hedduu qabu, jiruuf jireenya isaa keessatti sirnoota hiikaafi bu\u2019aa danuu qaban lakkaawamanii hin dhumneefi ogummaawwan kalaqa hawaasichaa mullisuun cinatti maddeen galii turizimii ta\u2019uun faayidaa hedduu fiduu kan danda\u2019an masgiidota seena qabeessa hedduutu jira. Ogummaan ijaarsa isaan jaarraa hedduun dura qabanis kan dinqisiifamuufi yoomiyyuu hin dagatamnedha. Ogummaa hawaasa kana caalaatti ol baasee kan mullisu dhimmi biraan ammoo akkaataa kalaqa itti fayyadama sirna barreeffamaa Ajam isa adda dureedha.<\/p>\n<p>Sirni barreeffamaa Ajam jedhamu jaarraawwan hedduu dura hawaasni bulchiinsa sab-lammii Oromoo haala gaariin itti fayyadamaa ture yoo tahu yeroo ammaa akka duraatti itti dhimma bahuu haa dhaban malee keessumaa ammoo hawaasa baadiyyaa biratti ittiin barreessuufi dubbisuu irratti argamu. Qubeen bareeffama Ajam, akkaataan barreeffama qubee isaa Afaan\u00a0 Arabaan kan wal fakkaatu yoo tahu, yeroo dubbifamu garuu Afaan Oromoo dubbata. Maalummaa qubee kanaafi seenaa isaa qorachuufis Masgiida Xuruusiinaa kan Aanaa Dawaa Caffaa Ganda Haroo Baaqelootti argamutti imaluun namoota qubee kana dubbisaniifi barreessuu danda\u2019an arganne. Masgiida kana keessas darasootniifi sheekotni hedduun kan jiraatan yoo ta\u2019u bakka kuusaa kitaabilee masgiidicha keessatti argamu deemuunis kitaaba sirna barreeffamaa Ajamiin barreeffame arganne. Kitaabni umurii waggaa 138 lakkoofsisuu danda\u2019es bakka kanatti argachuun, seenaa kitaaba kanaafi qubee kana irratti jiraata Masgiida Xuruusiinaa kan ta\u2019an obbo Mahaammad Asraar \u00a0\u201csirni barreeffamaa abbootiin keenya dur irraa eegaluun kan ittin barreessaa, barachaafi wal barsiisaa, har\u2019a asiin gahanidha, nutis yeroo umuriin daa\u2019ima turreetti walitti qabamuun halkan qubee kanaan barreessaa, dubbisaafi walbarsiisaa dabarsineerra\u201d jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hiikni ajam jedhus jecha Afaan Arabaati jechuun, Afaan Arabaan alatti afaanonni jiran kamiyyuu Ajama jedhamanii akka waamaman obbo Mahaammad himaniiru. Haalli qubeen Afaan Ajam yeroo ammaa irra jirus kan duratti ture caalaatti kan gadi bu\u2019eefi hawaasniifi dhalootni ammaa hubannoo gahaa dhimma kanarratti dhabuun isaa guddina Ajamiif gufuudha jedhaniiru. Kanaaf afaan kanarratti hojjetamee akka guddatu hawwii isaanii akka ta\u2019e addeessaniiru.<\/p>\n<p>Waajjira Aadaafi Turiizimii Aanaa Dawaa Caffaatti ogeessa Misooma Turiizimii Aadaa obbo Mahaammad Aliyyii, sirna barreeffamaa kanaan walaloon, Manzumaan, kitaabileen seenaa akkasumas xalayaan hedduun ittiin barreeffamuun faayidaa hedduu kennaa akka ture dubbataniiru. \u00a0\u201cAfaan Ofii beektuun yoo barreessituufi barattu caalaatti hubannoo cimsachuun irra guddeessaan ammoo akka walii galtu si taasisa\u2019\u2019 jedhaniiru. Qubeen kun, qubeewwan Afaan Oromoo hunda, qubeewwan dachaa dabalachuun ittiin barreessuun kan danda\u2019amu ta\u2019uun isaa ammoo dhimma ijoo qubee kana adda taasisu ta\u2019uu kaasanii, yeroo durii namoonni naannawa Jimma, Harar, Arsii irraa dhufuun barachaa akka turaniifi kitaabilee Ajamiin barreeffaman fudhatanii gara biyya isaaniitti galaa turuu isaanii dubbataniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan Waajjira Aadaafi Turiizimii Aanaa Dawaa Caffaa obbo Nuuruu Mahaammad, Ajam dhimma jabaa kalaqa hawaasa Bulchiinsa Sablammii Oromoo, yeroo durii, ogummaa akkamii akka qaban kan argisiisu taatee guddaadha jedhaniiru. \u201cYeroo ammaa garuu irra caalaatti wanti godhamuu qabu dhaloota hunda barsiisuudha. Ogummaan kalaqaa kun ol ba\u2019ee mullachuutu irra jiraata. Gama dhaabbilee barnootaa olaanaa jiranin ammoo qorannoofi qo\u2019annoo gahaan gadi fageenyaan akka irratti hojjetamuuf karoorri qabameera. Akka irratti qorataniifis waamicha dhiheessina\u201d jedhaniiru. Hawaasni keenya bal\u2019aanis kalaqa isaa kana kunuunsee eegumsa barbaachisaa gochuu qaba jechuun itti gaafatamaan kun gaafataniiru. Ogummaa kalaqaa jaarraa hedduu dura tureefi ergaa guddaa qabu kanas hawaasni bal\u2019aan mootummaafi qaamni dhimma isaa na ilaallata jedhu hundi jabeesse irratti hojjechuu qabaanis dhaamsa barruu keenyaati.<\/p>\n<p>Suurraa Iddoosaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Addunyaan keenya har\u2019a keessa jiraannu bifa har\u2019a qabattee jirtu kana uummachuuf taateewwan jaarraa hedduun lakkaawwaman akka itti fudhate wal nama hin gaafachiisu. Kana jechuun battalumaan boca ishee har\u2019aa hin gonfanne jechuudha. Ijaarsi daandii, gamoo, baballinni teeknooloojii akkasumas ogummaan dhalli namaa uumeef qabu hundi adeemsa keessa kan uumamedha. Maal kana qofaree, kalaqni afaaniifi qubeewwan ittin barreeffaman [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4533,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4532"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4532"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4532\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4534,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4532\/revisions\/4534"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4533"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4532"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4532"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4532"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}