{"id":4535,"date":"2024-08-07T08:19:07","date_gmt":"2024-08-07T08:19:07","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4535"},"modified":"2024-08-07T08:21:10","modified_gmt":"2024-08-07T08:21:10","slug":"sarbamni-mirga-hojjettoota-manaa-irra-gahu-yaaddessaa-taeera","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/08\/07\/sarbamni-mirga-hojjettoota-manaa-irra-gahu-yaaddessaa-taeera\/","title":{"rendered":"Sarbamni Mirga Hojjettoota Manaa Irra Gahu Yaaddessaa Ta&#8217;eera"},"content":{"rendered":"<p>Ilmi namaa jiruufi jireenya isaa mo\u2019uuf gidiraa adda addaa dabarsuu ni danda\u2019a. keessumaayyuu dubartoonni carraa hojii adda addaa barbaaduuf sarbama adda addaatiif saaxilamuu ni danda\u2019u.<\/p>\n<p>Jiraattuu\u00a0 magaalaa Baahir Daar kan taate, Maqdas Azzana,\u00a0 sababa maatiin ishee harka qalleeyyi ta&#8217;aaniif, umurii ishee daa&#8217;imummaa waggaa 11 hojjettuu mana namaa taate hojii eegalu ishee dubbateetti.\u00a0 Akkuma hiriyyoota ishee barnoota barachuu osoo qabdu,\u00a0 umurii kiichuu kanaan\u00a0 mana namaa galtee akka hojjettu kan taasifamte Maqdas, miidhaa saala dabalatee qormaatawwan hedduu dabarsuu ishee kaasteetti.\u00a0 Halkaniifi guyyaa boqonnaa\u00a0 malee waggaa 10 ol mana namaatti qacaramtee hojjechuu ishee kan\u00a0 dubbatte Maqdas, \u00a0hojii, hojjette sanaaf kaffaltiin tokko illee kan hin raawwatamneef ta&#8217;uufi uffata ishees jijjiruu akka hin dandeenye miira bo&#8217;ichaan ibsiteetti. Inumaayyuu \u2018\u2019mi&#8217;a cabsite jedhanii halkan sa&#8217;aatii saditti na ari&#8217;an&#8221; jetteetti.\u00a0 Manaa baate halkan magaalaa keessa osoo deemtu pooliisiin qabamtee mana hidhaa galu ishees dubbattetti. &#8220;Ijoollummaa koofi yakka kamiyyuu kan hin raawwanne ta&#8217;uu koo\u00a0 waan hubataniif ganama mana hidhaarraa baheera\u2019\u2019 jetti.\u00a0\u00a0 Miidhaa isheerra dhaqqabaa ture qaama itti himattu waan hin barreefi\u00a0 hammatummaan seeraa mirga hojjettoota manaa kabachiisuu waan hin\u00a0 jirreef, miidhamtoota kanneen akka Maqdas ta&#8217;an\u00a0 tajaajila haqaa\u00a0 kennuuf rakkisaa\u00a0 taasiseera.<\/p>\n<p>Maqdas Azzanan yeroo ammaa miseensa waldaa hojjettoota manaa naannoo Amaaraa kan bara 2013 hundeffame ta&#8217;uu ishee himteetti. \u2018\u2019Waldichi miidhama koo duraa dagadhee akka dhaabbadhe deemu na taasiseera\u2019\u2019 jechuun dubbatti.<\/p>\n<p>Itoophiyaatti sarbama mirga hojjettoota manaa irra gahu ittisuuf\u00a0 hammattummaan seeraa waan hin jirreef, miidhamtootni haqa akka hin arganne taasiseera.\u00a0 Biyyattiin waliigaltee seera dhaabbatni hojjettoota addunyaa Mirga hojjettoota\u00a0 manaa eegsisuuf\u00a0 daangeesse mallatteessiteetti.\u00a0 Dhaabbatni hojjettoota addunyaa waggaa 13 dura akka lakkoofsa Awurooppaanootaa bara 2011 \u00a0yaa&#8217;ii isaa 100 ffaa gaggeesse irratti\u00a0 walii galtee seerota mirga hojjettoota manaa\u00a0 kabachiisuuf\u00a0 bahan\u00a0 biyyoota miseensota mallatteesiseera.<\/p>\n<p>Itoophiyaan waliigalticha mallattessituus\u00a0 hanga ammaatti\u00a0 mana maree bakka bu&#8217;oota uummataatiin\u00a0 raggaasiste akka dirqama seeraa tokkotti fayyadamaa hin jirtu.\u00a0\u00a0 Kanaanis\u00a0 hammattummaan seeraa dhabamuu isaatiin\u00a0 hojjettota manaa irratti sarbamni mirgaa yeroo raawwatamu ni mul&#8217;ata.<\/p>\n<p>Pireezidaantiin waldaa hojjetoota manaa naannoo Amaaraa Baanchaayeehu Tarrafa,\u00a0 Waldichi hojjeettota manaa kunuunsa daa&#8217;immaniifi hojiilee biroo irratti gahumsa akka qabaatan taasisuuf leenjii garaagaraa biiroo leenjiifi ogummaa waliin\u00a0 ta&#8217;uun kennaa jirachuu ibsaniiru.\u00a0 Waldaan kun hojjettootni manaa dirqamaafi mirga isaanii beekanii akka hojjetan hubannoo gahaa ta&#8217;e\u00a0 kennaa jiraachu himaniiru.<\/p>\n<p>Sarbama mirgaa hojjettoota manaa irra gahu ittisuuf hammatummmaan seeraa jiraachuu dhabuun isaa, hojjettootni manaa miidhamanii\u00a0 dhufan gorsa irra kan hafe tajaajila haqaa akka argatan taasisuuf rakkisaa ta&#8217;uu itti gaafatamaan daayireektoreeti dhimma hojjetaafi hojjechisaa naannoo Amaaraa obbo Axinaafuu Balaayinah himaniiru. Hammatummaan seeraa akka bahan taasisuuf qaamolee garaagaraa waliin mariin taasifamaa jirachuus ibsaniiru.\u00a0 Dubartoota hojii manaa irratti bobba&#8217;an,\u00a0 miidhaan saalaa isaan irra gahu,\u00a0 boqonnaa malee yeroo dheeraa hojjechuu,\u00a0 hojii hojjetaniif kaffaltiin maluu kaffalamuu dhabuu,\u00a0 dhiibbaa xinsammuuf saaxilamu,\u00a0 dirqamaafi hojii seeraan alummaaf saaxilamuu akka danda\u2019an eeraniiru.<\/p>\n<p>Rakkooleen hedduu hojjeechistootaanis ta&#8217;e hojjetootaan uumaman waan jiraniif, hojjechistootni hojjettuu manaa yeroo barbaadan, walii galtee seera qabeessaan osoo ta&#8217;e rakkoolee uumamaniifis itti gaafatamuummaan akka jiraatu taasisa jedhaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan qajelcha hojiifi leenjii bulchiinsa sablammii Oromoo Ibraahim Aliyyii, waajjirri hojjechisaafi hojjetaa qajelchichaan hogganamu himanii, dubartootni biyya keessaa hojii manaa irratti bobba&#8217;ani jiran lakkoosa isaanii hammam akka ta&#8217;e beekuun rakkisaa ta&#8217;uu dubbataniiru. Sababni isaa karaa seera qabeessa ta&#8217;een ulaagaa walii galtee\u00a0 guutanii osoo hin taane hojjettootni manaa akka fedha isaanii mana namaa waan galaniif sadarkaa maal irra akka jiran, eessaafi maal akka hojjetan beekuun ulfaataa ta&#8217;uu himaniiru. &#8220;Hojjettoota manaa miidhaan irra gahee gara waajjira keenyatti dhufan, tajaajila haqaa akka argatan taasisuuf hammatummaan seeraa waan hin jirreef araaraan rakkoo isaanii akka hiikan ni taasifna\u2019\u2019 jedhaniiru.Hojjetootni mirga isaanii kabachisuufi itti gaafatamuummaan akka jiraatuuf yeroo mana namaa hojiif galan, hojjechisaa isaanii waliin walgaltee qabaachuun barbaachisaa ta&#8217;uu hubachisaniiru. Itoophiyaa keessatti hojjettootni\u00a0 mana keessaa tajaajila haqaa kan argatan seera siviilii bara 1952 bara mootii Hayilasilaaseen baheen akka ta\u2019e ni beekama.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ilmi namaa jiruufi jireenya isaa mo\u2019uuf gidiraa adda addaa dabarsuu ni danda\u2019a. keessumaayyuu dubartoonni carraa hojii adda addaa barbaaduuf sarbama adda addaatiif saaxilamuu ni danda\u2019u. Jiraattuu\u00a0 magaalaa Baahir Daar kan taate, Maqdas Azzana,\u00a0 sababa maatiin ishee harka qalleeyyi ta&#8217;aaniif, umurii ishee daa&#8217;imummaa waggaa 11 hojjettuu mana namaa taate hojii eegalu ishee dubbateetti.\u00a0 Akkuma hiriyyoota ishee [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4536,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4535"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4535"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4535\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4537,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4535\/revisions\/4537"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4536"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4535"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4535"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4535"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}