{"id":4548,"date":"2024-08-07T08:29:47","date_gmt":"2024-08-07T08:29:47","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4548"},"modified":"2024-08-07T08:29:47","modified_gmt":"2024-08-07T08:29:47","slug":"milkaaina-kaawunsilii-nageenyaatiif-tumsuu-qabna","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/08\/07\/milkaaina-kaawunsilii-nageenyaatiif-tumsuu-qabna\/","title":{"rendered":"Milkaa\u2019ina Kaawunsilii Nageenyaatiif Tumsuu Qabna"},"content":{"rendered":"<p>Naannoo Amaaraatti qaamoleen hidhatanii socho\u2019an gama hundaan miidhaa adda addaa dhaqqabsiisaa jiru. Naannichatti sababa nageenya dhabuutiin, namoomaafi qabeenyarratti miidhaan olaanaa dhaqqabaa jira. Walitti bu&#8217;insi naannichatti mudate kun lubbuu mamaa bira darbee dhaabbilee kanneen akka qonnaa,\u00a0 fayyaa, barnoota,\u00a0 turiziimii, geejjibaa, daldalaafi carraa hojii uumuu irratti miidhaa guddaa geessiseera.<\/p>\n<p>Mootummaan rakkoolee nageenya naannichatti mudate karaa nagaan furmaata akka argatuuf\u00a0 hojiilee garaagaraa hojjechuu irratti argama.\u00a0 Rakkichi furmaata akka argatuufis\u00a0 mariin uummata bal&#8217;aa hirmaachise iddoolee adda addaatti adeemsifamaa turera, adeemsifamaa jiras.\u00a0 Qaamoleen hidhatanii qabsa&#8217;aanis, gara uummata isaanitti deebi&#8217;anii\u00a0 qabsoo karaa\u00a0 nagaa akka taasisan mootummaan yeroo garaagaraatti waamicha nageenya taasisa jira.\u00a0 Kana bira darbees, naannoo Amaaraatti nageenyi akka bu&#8217;u,\u00a0 mootummaa\u00a0 naannichas ta&#8217;e fedaraalaa\u00a0 qaamoleen hidhatanii socho&#8217;an gara nageeynaatti akka dhufan waliin mari&#8217;achuuf qophii ta&#8217;uu yeroo garaagaraatti ibsaa turaniiru. Walumaagalatti qaamoleen gama lamaanin jiran rakkoo uummatarra gahaa jiru hubannoo keessa galchanii gara tokkootti dhufuun marii taasisuun irraa eegama.<\/p>\n<p>Biyyi keenya aadaafi dudhaa rakkoo nageenyaa ofiin furuu ni qabdi. Fakkeenyaaf rakkoo nageenyaa hambisuuf akkasumas dhukaasa waaraan dhaabuuf\u00a0 kaawunsiliin nageenyaa hundeeffamee hojiitti seneera. kaawunsilichi miseensota 15 magaalaa Baahir Daaritti Waxabajjii\u00a0 17 bara 2016 hanga 18 bara 2016 gaggeeffame irratti akka filaman taasiseera.<\/p>\n<p>Haata\u2019u malee kaayyoon kaawunsilichi galmaan gahuu danda\u2019u yoo hirmaannaan hawaasichaa jiraatedha. Keessumaayyuu mootummaanis ta\u2019e qaamoleen hidhatanii socho\u2019an hundaan dura nageenya argamsiisuuf gahee olaanaa waan qabaniif hundi keenya <strong>milkaa\u2019ina kaawunsilii nageenyaatiif tumsa hataasifnu kan jedhu eejjannoo keenya.<\/strong><\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Naannoo Amaaraatti qaamoleen hidhatanii socho\u2019an gama hundaan miidhaa adda addaa dhaqqabsiisaa jiru. Naannichatti sababa nageenya dhabuutiin, namoomaafi qabeenyarratti miidhaan olaanaa dhaqqabaa jira. Walitti bu&#8217;insi naannichatti mudate kun lubbuu mamaa bira darbee dhaabbilee kanneen akka qonnaa,\u00a0 fayyaa, barnoota,\u00a0 turiziimii, geejjibaa, daldalaafi carraa hojii uumuu irratti miidhaa guddaa geessiseera. Mootummaan rakkoolee nageenya naannichatti mudate karaa nagaan furmaata [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4548"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4548"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4548\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4549,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4548\/revisions\/4549"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4548"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4548"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4548"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}