{"id":4566,"date":"2024-08-21T13:29:50","date_gmt":"2024-08-21T13:29:50","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4566"},"modified":"2024-08-21T13:29:50","modified_gmt":"2024-08-21T13:29:50","slug":"hojii-tokkummaa-uummataa-cimsuuf-hojjetameen-buaan-argamuu-afa-yaaiin-bulchiinsa-sablammii-oromoo-dubbatan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/08\/21\/hojii-tokkummaa-uummataa-cimsuuf-hojjetameen-buaan-argamuu-afa-yaaiin-bulchiinsa-sablammii-oromoo-dubbatan\/","title":{"rendered":"Hojii Tokkummaa Uummataa Cimsuuf Hojjetameen Bu\u2019aan Argamuu Afa-Yaa&#8217;iin Bulchiinsa Sablammii Oromoo Dubbatan"},"content":{"rendered":"<p>Hariiroo uummataa cimsuun guddinaafi ijaarsa biyyaa keessatti gahee guddaa taphata.\u00a0 Hariiroo uummattootaa cimsuun; obbolummaadhaan akka waliin jiraatan taasisuun nageenya biyyaafis bakka olaanaa qaba. Bakka rakkooleen garaagaraa mudatanittis walii birmatanii, walgargaaranii, waltumsanii akka hiikan taasisuuf\u00a0 faayidaa olaanaa qaba.\u00a0 Bakka hariiroon cimaa uummataa gidduu jirutti diinni seenuu hin danda&#8217;u. Carraa rakkoon nageenyaa uumamuu danda&#8217;us hambisuurratti shoora olaanaa qaba.<\/p>\n<p>Bulchiinsi sablammii Oromoo walta&#8217;insa uummataa aanota ollaa waliin daangeessu cimsuuf hojjechaa jiraachuu afa yaa&#8217;iin bulchiinsa sablammiichaa aadde Faaxumaa Mollaan himaniiru. Humnootni finxaalleyyii gama lamaan jiran akka uummatni walitti hin dhihaanne; \u00a0akka wal hin gargaarre taasisuuf hojii hedduu hojjechaa turanis, hojii wal-ta\u2019iinsa uummataa aanoleen ollaa hojjetaniin yeroo ammaa hariiroon uummataa sadarkaa gaarii irra jira jedhaniiru.<\/p>\n<p>Aanolee Naannoo Affaar waliin daangeessan waliin yeroo garaagaraatti marii uummataa taasisuun walitti dhufeenyi hawaasa lamaan gidduu jiru daran akka cimu taasifamuu himaniiru.\u00a0 Godina Kibba walloo waliniis hanga ammaatti rakkoon tokkoyyuu uumame kan hin beekneefi uummatni yeroo gaddaafi gammachuu wal gargaare bifa obbolummaan kan waliin jiraatudha jedhaniiru. Hariiroo uummattota ollaa waliin jiru cimsuuf waltajjiiwwan garaagaraa qopheessuun, hojiin hubannoo uumuufi obbolummaa cimsuu hojjetamaa jiraachuu aadde Faaxumaan himaniiru.<\/p>\n<p>Gaggeessaan sadarkaan jiru bilisaafi qulqulluu ta&#8217;ee hariiroon uummataa akka cimu hojjechuu akka qabus himaniiru.\u00a0 Finxaalleyyii gama lamaan jiran kan uummata walitti buusan adda baasuu irratti uummatni tokkummaan dhaabbatee; wal tumsee hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Kanaanis uummatni bulchiinsa sablammii Oromoofi godinotni ollaa\u00a0 tumsaan hojjetaniin qaamoleen walitti bu&#8217;insa hawaasa giddutti uumaa turaniifi nageenya boreessaa turan karaa nagaan gara hawaasichaatti makamuu kaasaniiru.\u00a0 Uummani akka uummataatti rakkoo kan hin qabne,\u00a0 hariiroo obbolummaa bara dheeraaf ture kan qabu ta&#8217;uu kan kaasan adde Faaxumaan \u2018\u2019qaamoleen rakkoo kana fidan faayidaa dhunfaa argachuu barbaadaniifi finxaalleeyyii saba keessatti dhokataniidha\u2019\u2019\u00a0 jedhaniiru. Hawaasni qaamolee kanneen irratti qabsaa&#8217;uun gara hariiroo tokkummaafi obbolummaa duraan tureetti deebi&#8217;uu qaba jedhaniiru. Hojii hariiroo uummataa cimsuu hojjetameenis bu&#8217;aan hedduu argamuu akka danda\u2019eedha aadde Faaxumaan kan hubachiisan. Nageenyi tasgaba&#8217;aan jiraachuu, qaamoleen bosona turan karaa nagaan qabsaa&#8217;uuf maatii isaaniitti makamuu,\u00a0 qonnaan bulaan gara oomisha isaatti akka deebi&#8217;u taasifamuu, barataan gara barnoota isaatti akka deebi&#8217;u taasifamuun bu&#8217;aa hariiroo uummataa hojjetameen dhufaniidha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Uummatni Godina Shawaa Kaabaa gara bulchiinsa sablammii Oromootti seenee hojii isaa haala ittiin hojjechuu danda&#8217;u, inni bulchinsa sablammii Oromoos gara Shawaa Kaabaa deemuun daldalee akka galu haalii fooyya&#8217;aan uumamaa jiraachuu eeraniiru. &#8220;Hariiroon uummataafi mootummaa gidduu jiru cimsuufis,\u00a0 gaaffii uummatni kaasuu gara mootummaatti dhiheessuun,\u00a0 furmaataa akka argatan taasisaa jirra&#8221; jedhanii,\u00a0 \u2018\u2019rakkoolee gama bulchinsa gaarii, misoomaa, nageenyaafi gama hawaasummaatiin jiran akka furaman,\u00a0 qaama dhimmi ilaallatuu waliin mariin ni taasifamaa, kallattiis ni keenya , yaada murtoos ni dabarsina &#8220;jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hanga ammaattis rakkoolee hedduu gama bulchinsa gaarii, misoomaafi hawaasummaan\u00a0 kan furamaa jiran jiraachuu eeranii,\u00a0 fulduraafis xiyyeeffannoon kennamee kan hojjetamu \u00a0ta&#8217;a jedhaniiru. Bulchiinsa sablammichaatti ajjecha bulchaa olaanaa duraani obbo Ahimad Alii hordofe, caasaa kaabinee bifa haaraan gurmaa&#8217;uu kaasanii kaabinee bifa haaraan gurmaa&#8217;ee kana uummata waliin walitti fiduudhaafis hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Kaabineen\u00a0 haaraa gurmaa&#8217;ee kun, gaaffii bulchinsa gaariifi misoomaa uummatni kaasuu furuuf kutannoon akka hojjetan amantaa qaban ibsaniiru.<\/p>\n<p>Uummatnis hojiin bulchiinsa gaariifi misoomaa akka hojjetaman gaggeessaa isaa deeggaruufi cinaa dhaabbachuu akka qabu gaafataniiru.\u00a0 Aadde Faaxumaan waltajjiwwan adda addaa uumuun uummatni gaggeessaa isaa walii akka dhaabbatu, gaggeessaanis gaaffii uummatni kaasu akka hiikuu hojii hubannoo uumuu ni hojjena jedhaniiru.<\/p>\n<p>Bulchaan olaanaa bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Ahmad Alii\u00a0 gama isaaniin, seenaa uummatoota ollaa cimsuun biyya gara fuula duraatti ceesifna jedhaniiru. Kan tarkaanfii itti aanutti ceesisuu danda&#8217;u tokkummaafi obbolummaa ta&#8217;uu ibsaniiru. \u2018\u2019Feedhii dhuunfaafi wal qoqqodinsaa dhiisnee, gamtaa, nagaafi misooma waliin facaafna jedhaniiru. Ummattoonni obbolaa walitti bu\u2019insaafi dhiibbaa keessa jiraachuu akka hin qabne, duudhaaleen gamtaa akka eeggaman, afaan adda baastuu osoo hin taane, meeshaa wal qunnamtii ta\u2019uu akka qabu himaniiru.<\/p>\n<p>Kantiibaan buchiinsa magaalaa Axaayyee obboTamasgan Tasfaa,\u00a0 uummatni godina Shawaa Kaabaafi uummatni\u00a0 bulchiinsa sablammii Oromoo uummata obbolaa lamaan kan adda bahuu hin dandeenyedha jedhaniiru.\u00a0 Yeroo dhihoo asitti garuu humnota nageenya hin barbaanneen,\u00a0 uummatni obbolaa lamaan kun akka walirraa fagaatu hojiin hojjetame salphaa miti jedhaniiru.\u00a0 Kanaanis naannawichi qormaata keessa turu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Uummata giddutti rakkoon akka hin jirre obbo Tamasgees akkuma adde Faaxumaa mirkaneessaniiru. Qaamolee faayidaa siyaasaa barbaadan muraasaatu uummata gidduu seenee rakkoo uumaa jira jedhaniiru. Rakkoo kana furuun hariiroo uummataa daran cimsuuf hoggansi\u00a0 gama lamaan\u00a0 jiru kutannoo hojjetaa jiraachuu himaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Hariiroo uummataa cimsuun guddinaafi ijaarsa biyyaa keessatti gahee guddaa taphata.\u00a0 Hariiroo uummattootaa cimsuun; obbolummaadhaan akka waliin jiraatan taasisuun nageenya biyyaafis bakka olaanaa qaba. Bakka rakkooleen garaagaraa mudatanittis walii birmatanii, walgargaaranii, waltumsanii akka hiikan taasisuuf\u00a0 faayidaa olaanaa qaba.\u00a0 Bakka hariiroon cimaa uummataa gidduu jirutti diinni seenuu hin danda&#8217;u. Carraa rakkoon nageenyaa uumamuu danda&#8217;us hambisuurratti shoora olaanaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4567,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4566"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4566"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4566\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4568,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4566\/revisions\/4568"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4567"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4566"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4566"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4566"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}