{"id":4569,"date":"2024-08-21T13:32:08","date_gmt":"2024-08-21T13:32:08","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4569"},"modified":"2024-08-21T13:32:08","modified_gmt":"2024-08-21T13:32:08","slug":"qabsoon-marii-filatamuu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/08\/21\/qabsoon-marii-filatamuu-qaba\/","title":{"rendered":"\u00a0 Qabsoon marii filatamuu qaba"},"content":{"rendered":"<p>Sirnootni mootummaa yeroo yeroodhaan jijjiiraman gaaffiilee bu&#8217;uuraa uummatni naannoo Amaaraa kaasaa ture deebii akka hin arganne taasiseera.\u00a0 Kun immoo walitti bu&#8217;insaaf sababa ta&#8217;uun isaa hin hafne.\u00a0 Gaaffiileen uummatni naannoo Amaaraa waggoota dheeraaf kaasaa ture deebii argachuu dhabuun isaa immoo uummata naannichaa hedduu biratti\u00a0 mufannaa uumeera.<\/p>\n<p>Qaamoleen hedduunis gaaffii uummatni waggoota heddduuf gaafataa ture hanga ammaatti seeraan deebii waan hin arganneef, qabsoo hidhannoon deggarame taasisuuf akka filannootti fudhachuun gara bosonaatti akka seena taasiseera.<\/p>\n<p>Kanaan alattis mootummaan caasaa humna addaa naannoo Amaaraa diiguun,\u00a0 caasaalee callisaa naannoofi raayyaa ittisaa biyyaa jalatti akka hammataman taasisuun isaa naannichi gaaga&#8217;ama guddaa keessa akka galu taasiseera.\u00a0 Waraanni\u00a0 kaabaa waliin ture murtoo dhumaa osoo hin argatiiniifi\u00a0 naannichi sodaa nageenyaa\u00a0 osoo qabu, caasaan humna addaa diigamuun isaa uummata hedduu biratti naasuufi sodaa guddaa\u00a0 kan uumee ture.<br \/>\nRakkoon nageenyaa naannichatti mudate kun qawween osoo hin taane mariifi waligalteen furmaata akka argatu kutaaleen hawaasaa garaagaraa konfiransii nageenyaa mootummaan naannichaa yeroo adda addaatti qopheesse irratti yaada kennaa turaniiru.<\/p>\n<p>Haata\u2019u malee gaaffilee uummata naannichaa kana furuuf mootummaan naannichaa, mootummaa federaalaafi qaamoolee nageenya jaallatan biroo waliin hojjechaa akka jiran dagatamuu hin qabu. Gaaffileen hundi karaa qabsoo hidhannootiin osoo hin taane, lubbuun namaa osoo hin darbine, qabeenyi osoo hin barbadoofne karaa nageenyaatiin furamuu akka qabuudha mootummaan naannichaafi federaalaa hojjechaa kan jiran.<\/p>\n<p>Waan kana ta\u2019eef rakkoolee mariin hiikuu ibsituu qaroominaa waan ta\u2019eef qabsoo hidhannootiin biyya raasurra rakkoolee hunda mariin hiikamuu qabu kan jedhu ibsa eejjannoo keenya har\u2019ati.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Sirnootni mootummaa yeroo yeroodhaan jijjiiraman gaaffiilee bu&#8217;uuraa uummatni naannoo Amaaraa kaasaa ture deebii akka hin arganne taasiseera.\u00a0 Kun immoo walitti bu&#8217;insaaf sababa ta&#8217;uun isaa hin hafne.\u00a0 Gaaffiileen uummatni naannoo Amaaraa waggoota dheeraaf kaasaa ture deebii argachuu dhabuun isaa immoo uummata naannichaa hedduu biratti\u00a0 mufannaa uumeera. Qaamoleen hedduunis gaaffii uummatni waggoota heddduuf gaafataa ture hanga ammaatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4569"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4569"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4569\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4570,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4569\/revisions\/4570"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4569"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4569"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4569"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}