{"id":4577,"date":"2024-08-22T07:34:11","date_gmt":"2024-08-22T07:34:11","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4577"},"modified":"2024-08-22T07:34:11","modified_gmt":"2024-08-22T07:34:11","slug":"gaaffilee-uummanni-naannoo-amaaraa-kaasu-saboonni-biroo-akkamitti-ilaalu-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/08\/22\/gaaffilee-uummanni-naannoo-amaaraa-kaasu-saboonni-biroo-akkamitti-ilaalu-qabu\/","title":{"rendered":"Gaaffilee Uummanni Naannoo Amaaraa Kaasu; Saboonni Biroo Akkamitti Ilaalu Qabu?"},"content":{"rendered":"<p>Walitti\u00a0 bu&#8217;insa naannoo Amaaraatti mudate, naannichi rakkoo hamaaf akka saaxilamu taasiseera. Miidhaa cimaa namoomaafi qabeenyaa irratti dhaqqabsiseera. Keessattu lubbuu dhala namaa bakka bu&#8217;uummaa hin qabne hedduu galafateera.\u00a0 Walitti bu&#8217;insichaan sarbamni mirgaa hamaan illee akka raawwatame ragaa komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa yeroo garaagaraa baasa tureen hubachuun ni danda&#8217;ama.<\/p>\n<p>Sirni mootummaa yeroo yeroodhaan jijjiiramu gaaffiilee bu&#8217;uuraa uummatni naannoo Amaaraa kaasaa ture deebii akka hin arganne taasiseera.\u00a0 Kun immoo walitti bu&#8217;insaaf sababa akka ta&#8217;eetu himama.\u00a0 Gaaffiileen uummatni naannoo Amaaraa waggoota dheeraaf kaasaa ture deebii argachuu dhabuun isaa immoo uummata naannichaa hedduu biratti\u00a0 mufannaa uumeera.\u00a0\u00a0 Qaamoleen hedduunis gaaffii uummatni waggoota heddduuf gaafataa ture hanga ammaatti seeraan deebii waan hin arganneef, qabsoo hidhannoon deggarame taasisuuf akka filannootti fudhachuun gara bosonaatti akka seena taasiseera.<\/p>\n<p>Kanaan alattis mootummaan caasaa humna addaa naannoo Amaaraa diiguun,\u00a0 caasaalee callisaa naannoofi raayyaa ittisaa biyyaa jalatti akka hammataman taasisuun isaa naannichi gaaga&#8217;ama guddaa keessaa akka galu taasiseera.\u00a0 Waraanni\u00a0 kaabaa waliin ture murtoo dhumaa osoo hin argatiiniifi\u00a0 naannichi sodaa nageenyaa\u00a0 osoo qabu, caasaan humna addaa diigamuun isaa uummata hedduu biratti naasuufi sodaa guddaa\u00a0 kan uumee ture.\u00a0 Rakkoo nageenya mudate yeroo gabaabaa keessatti furuun, naannicha gara nageenya isaa duraanitti deebisuuf mootummaan federaalaa eeyyama mootummaa naanichaatiin\u00a0 giddu akka seenuu taasifamus hanga ammaatti nageenya waaraa mirkaneessuun hin danda&#8217;amne. Rakkoon nageenyaa naannichatti mudate kun qawween osoo hin taane mariifi waligalteen furmaata akka argatu kutaaleen hawaasaa garaagaraa konfiransii nageenyaa mootummaan naannichaa yeroo adda addaatti qopheesse irratti yaada kennaa turaniiru.<\/p>\n<p>Itti aanaan kantibaa bulchiinsa magaalaa Kamise obbo Shariif Qaasim,\u00a0 uummaatni naannoo Amaaraa\u00a0 gaaffii daangaafi eenyummaa, itti fayyadama haqaafi gaaffii dhimmoota heeraan walqabatan yeroo dheeraaf kaasaa turu himaniiru. Gaaffiileen<\/p>\n<p>Rakkoo nageenyaa mudate yeroo gabaabaa keessatti furuun, naannicha gara nageenya isaa duraanitt deebisuuf\u00a0 mootummaan fedaraalaa eeyyama mootummaa naanichaatiin\u00a0 gidduu akka seenuu taasifamus hanga ammaatti nageenya waaraa mirkaneessuun hin danda&#8217;amne. Rakkoon nageenyaa naannichatti muudate kun qawween osoo hin taane mariifi waligalteen furmaata akka argatu kutaaleen hawaasaa garaagaraa konfiransii nageenyaa mootummaan naannichaa yeroo adda addaatti qopheesse irratti yaada kennaa turaniiru.<\/p>\n<p>Itti aanaan kantibaa bulchiinsa magaalaa Kamisee obbo Shariif Qaasim,\u00a0 uummaatni naannoo Amaaraa gaaffiilee daangaafi eenyummaa, itti fayyadama haqaafi gaaffii dhimmoota heeraan walqabatan yeroo dheeraaf kaasaa turu himaniiru. Gaaffiileen bu&#8217;uura uummatni naannichaa kaasuu,\u00a0 naannoolee birootti miira adda addaan akka ilaalamu dubbataniiru.\u00a0 Isaan keessaa inni tokkoffaan gaaffiin uummatni naannichaa kaasu, gaaffii sirriifi qajeelaa akka ta&#8217;e kan ilaalamuudha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Uummatni Amaaraa sirna darbe keessatti, maqaa seeneffama sobaan itti maxanfamee arsaa hedduu kaffalaa jiraachuu himaniiru.\u00a0 \u2018\u2019Uummatni Amaaraa\u00a0 uummata biyyattii waliin walqixa fayyadamuun qaba gaaffiilee\u00a0 jedhu qaba\u2019\u2019 kan jedhan, itti aanaan kantiibaa kun,\u00a0 gaaffiileen kun hundumaati, itti fayyadamummaan haqa qabeessa ta&#8217;e akka jiraatu uummatni naannoolee biroos cimsee kan amanu ta&#8217;uu amantaa qaban kaasaniiru.<\/p>\n<p>Inni biraan uummani naannoo Amaaraa gaaffii \u2018\u2019dhiibamneera\u2019\u2019 jedhu akka qabuufi gaaffii kana immoo gara mariitti fiduun,\u00a0 dhugummaa isaa mirkanessuun furmaata akka argatu taasisuun barbaachisaa ta&#8217;uu hubachisaniiru. Dabalataanis rakkoo kana hiikuuf mariin biyyaalessaa furtuu ta&#8217;uu himaniiru. &#8220;Kaayyoon keenya biyya ijaaruu waan ta&#8217;eef, gaaffiilee uummatni kaasu qorachuun kan sirrii ta&#8217;an deebisaa kan sirrii ta\u2019uu hin dandeenyeef immoo hubachiisaa deemuun murteessaadha&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kanaafuu gaaffiileen gama uummata naannichaan ka&#8217;an bifa waliigalteefi bifa tokkummaa uumuu danda&#8217;uun furmaataa argachuu akka qabudha obbo Shariif kan kaasan.\u00a0\u00a0 Gaaffiilee uummatni naannichaa daangaafi \u00a0\u2018\u2019eenyummaan keenya deebi&#8217;uu qaba\u2019\u2019 jedhee kaasu, gaaffii sirrii ta&#8217;uu himanii, gaaffiileen kunneen garuu hiikamuu kan danda&#8217;an qawween osoo hin taane waliigalteefi mariidhaa ta&#8217;uu akka qabu yaada isaanii kaasaniiru. Yoo kun ta&#8217;ee naannooleen biroos gaaffiilee uummata kanaa akka ofitti fudhachuun deggarsa taasisuu ni danda&#8217;u jedhaniiru.\u00a0 Dabalataanis gaaffiilee uummatni naannoo Amaaraa kaasaa jiru gara marii biyyaalessaatti fiduun, sabaafi sablammootni biyyattis karaa bakka bu&#8217;aa isaaniin\u00a0 yaada itti kennanii furmaata akka argatan taasisuun barbaachiisaa ta&#8217;uu addeessaniiru.<\/p>\n<p>Miseensa mana maree naannoo Amaaraa kan ta&#8217;aan\u00a0 aadde Haalimaa Yimaam &#8220;uummatni naannoo keenyaa gaaffiilee hedduu qaba, gaaffiileen keenya waaraan furamuu kan danda&#8217;an bifa saayinsaawaafi qaromaa ta&#8217;een yoo gaaffii keenya dhiheessinadha&#8221; jedhaniiru. &#8220;Gaaffiileen keenya deebii akka argatu jalqaba nageenya keenya eeggachuu qabna&#8221; jedhaniiru. Mootummaan naannichaas gaaffiiwwan hunda sadarkaa sadarkaan hiikuuf karooraan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>Ijaarsi biyyaa kan milkaa&#8217;uu naannoon Amaaraa yoo nagaa ta&#8217;e waan ta&#8217;eef, nageenya naannichaaf naannooleen biroos deggarsa taasisuu akka qaban gaafataniiru. Walumaagalatti gaaffiin uummata naannoo Amaaraa, gaaffii uummata naannichaa qofa osoo hin taane, gaaffii uummata hundaati kan jedhan aadde Haalimaan, furmaata isaafis \u00a0uummatni Itoophiyaa hundu tumsa taasisuu qabu jedhaniiru. Sabaafi sablammootni biyyattii hunduu rakkoon naannoo Amaaraatti uumamee karaa nagaan akka furamu gahee isaanii bahachuu qabus jedhaniiru.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa saayinsii\u00a0 siyaasaa kan ta&#8217;an Salamoon Dassaaleeny, uummatni naannoo Amaaraa\u00a0 gaaffii\u00a0 daangaafi eenyummaa, heeraafi kanneen biroo irratti gaaffiilee yeroo dheeraaf harkifamaa dhufee qabaachuu eeraniiru. Gaaffileen uummatni naannichaa kaasuu furmaataa dhabuu isaaniitiin hidhattootni miira abdii kutachuutiin gara qabsoo hidhannoon deggarame seenuu himaniiru.<\/p>\n<p>Haata&#8217;u malee waaraanni jiruufi jireenya ilma nama kan balleessu, waan ta&#8217;eef rakkoolee jiran mariin hiikuun barbaachisaa ta&#8217;uu eeraniiru. Mariin alattis furmaatni biraan akka hin jirre hubachisaniiru. Kanaaf immoo qaamoleen lamaan waraana keessaa bahanii faayidaafi nageenya uummataaf jecha mari&#8217;achuu qabu jedhaniiru. \u2018\u2019Waraana keessatti injifataafi injifatamaan akka hin jirre\u00a0 hubatamu qaba\u2019\u2019 kan jedhan barsiisaa Salamoon, kanaanis miidhaan kana caalaa uummataafi dinagdee biyyaa irratti osoo hin dhaqqabin walitti bu&#8217;iinsicha karaa nagaan goolabuun akka barbaachisuu gorsaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Walitti\u00a0 bu&#8217;insa naannoo Amaaraatti mudate, naannichi rakkoo hamaaf akka saaxilamu taasiseera. Miidhaa cimaa namoomaafi qabeenyaa irratti dhaqqabsiseera. Keessattu lubbuu dhala namaa bakka bu&#8217;uummaa hin qabne hedduu galafateera.\u00a0 Walitti bu&#8217;insichaan sarbamni mirgaa hamaan illee akka raawwatame ragaa komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa yeroo garaagaraa baasa tureen hubachuun ni danda&#8217;ama. Sirni mootummaa yeroo yeroodhaan jijjiiramu gaaffiilee bu&#8217;uuraa uummatni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4578,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4577"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4577"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4577\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4579,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4577\/revisions\/4579"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4578"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4577"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4577"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4577"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}