{"id":4596,"date":"2024-10-25T11:37:50","date_gmt":"2024-10-25T11:37:50","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4596"},"modified":"2024-10-25T11:37:50","modified_gmt":"2024-10-25T11:37:50","slug":"itoophiyaan-dhukkubni-maaree-jaldeessaa-gara-isheetti-akka-hin-seenne-hojjechaa-jirti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/10\/25\/itoophiyaan-dhukkubni-maaree-jaldeessaa-gara-isheetti-akka-hin-seenne-hojjechaa-jirti\/","title":{"rendered":"Itoophiyaan Dhukkubni Maaree Jaldeessaa Gara Isheetti Akka Hin Seenne Hojjechaa Jirti"},"content":{"rendered":"<p>Dhaabbata Fayyaa Addunyaan balaa fayyaa hamaa ta&#8217;ee kan labsame, dhukkubni Maaree Jaldeessaa (monkeypox) dhukkuba daddarbaa vaayirasii gosa \u2018Orthopox\u2019 jedhamu irraa kan dhufudha. Vaayirasiin dhibichaa yeroo jalqabaaf bineensota irraa gara namaatti darbuutu himama. Amma garuu namarraa namatti daddarbuu akka danda&#8217;u mirkanaa&#8217;eera. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsutti dhibeen kun namarraa gara namaatti kan daddarbudha.<\/p>\n<p>Giddu-galli To\u2019annoofi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa (CDC) dhibeen maaree jaldeessaa Bahaafi Giddugaleessa Afrikaatti saffisaan babal\u2019achaa jiraachuufi guutuu Afrikaatti balaa fayyaa hawaasaa ta\u2019uu isaa beeksiseera. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhibeen kun Keeniyaa, Koongoo, Burundii, Yugaandaafi Ruwaandaa dabalatee biyyoota 13 keessatti mudachuu isaa mirkaneesseera. Akka odeeffannoon marsaariitii dhaabbatichaa irraa arganne agarsiisutti namoonni kuma 2 fi 863 ol dhibee kanaan qabamaniiru. Isaan keessaa namoonni 517 du&#8217;aniiru.<\/p>\n<p>Daarektarri olaanaa dhaabbatichaa Dr. Teediroos Adaahanoom, bu&#8217;aa qorannoo ogeeyyii dhaabbatichaan gaggeeffame eeruun &#8221;dhukkubni maaree jaldeessaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti saffisaan babal&#8217;atee gara biyyoota ollaa keessatti babal&#8217;achaa jira&#8221; jedhaniiru. Akka gabaasa \u2018African News\u2019 jedhutti, \u00a0bara 2024 seenee as Afrikaa keessatti tamsa\u2019inni vaayirasichaa galmaa\u2019e yoo xiqqaate namoota kuma 19 \u00a0kan ga\u2019e yoo ta\u2019u, kana keessaa dhibbentaan 90 Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti gabaafameera. Koongoo keessatti tamsa\u2019ina vaayirasichaa keessaa dhibbentaan 70 daa\u2019imman umuriin isaanii waggaa 15 fi isaa gadi ta\u2019uu ibsameera.<\/p>\n<p>Gorsituu Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi Giddugala To\u2019annoofi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa kan taate Piroofeesar Heelen Riis, dameen fayyaa addunyaa dhimma kanaaf xiyyeeffannoo gahaa akka kennuu qabu himaniiru.Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhukkubni maaree jaldeessaa kan fayyaa hawaasaa miidhu ta&#8217;uu erga labsee booda, dhibeen kun gara Itoophiyaa akka hin seenne tarkaanfiiwwan ittisaa adda addaa fudhatamaa akka jiran Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa dubbataniiru. Gama biraan Itoophiyaan seensaafi ba\u2019insa gurguddoo biyyasheerratti hordoffii gahaa taasisuun dhukkuba maaree jaldeessaa to\u2019achaa akka jirtu himaniiru. Ministeerichi Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa waliin ta\u2019uun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleefi seensa Mooyyaalee akkasumas bakkeewwan seensaa biroon to\u2019annoofi sakatta\u2019insa taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojii qorannoo daangaafi naannoowwan dhibichaaf saaxilamoo ta&#8217;an, dandeettii kutaa yaalii (laaboraatoorii) dhibee kana adda baasuu guddisuufi dandeettii ogeeyyii cimsuuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Doktar Mesaay Haayiluun Daarektaara Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaati. Daa\u2019imman, dubartoonni ulfaafi namoonni dandeettiin ittisa qaamaa isaanii laafaa ta\u2019e dhukkuba maaree jaldeessaaf saaxilamoo waan ta\u2019aniif rakkoo kana walxaxaa taasisa jedhaniiru. Dabalataanis, dhibeen kun akka Itoophiyaa hin seenne tattaaffiin taasifamaa jiru kan ittifufu ta&#8217;uu himaniiru. Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa mallattoolee armaan olitti ibsaman ofirrattis ta\u2019e nama biraa irratti yommuu hubatu dhaabbata fayyaa dhiyoo jirutti gabaasuu ykn sarara bilbilaa bilisaa 952 fi 8335 irratti yaada kennuu akka qabu beeksiseera.<\/p>\n<p>Dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa nama kamiyyuu miidhuu danda\u2019a. Ta\u2019us, irra jireessaan daa\u2019imman huba. Hamma Afrikaa keessatti mul\u2019atu keessaa, dhibbantaa 90 kan ta\u2019u ijoollee waggaa 15 gadii akka ta\u2019e qorannoon ni mirkaneessa. Dhukkubichi nama qabee hanga mallattooleen dhukkuba kanaa nama irratti mul\u2019atanitti guyyoota jaha hang 13 fudhachuu danda\u2019a. Garuu guyyoota shan hanga 21 tu\u2019uus ni mala. Mallattooleen dhukkuba Maaree Jaldeessaa kan dhukkuba \u2018Smallpox\u2019 waliin wal fakkaatu. Ta\u2019us, kan \u2018Smallpox\u2019 irra kan fooyyee qabanidha.<\/p>\n<p><em><u>Mallattoolee Dhukkuba Maaree Jaldeessaa: <\/u><\/em><\/p>\n<p>-Shifee qaamaa<\/p>\n<p>-Qorra qorra nama jechuu (Miira qorraa)<\/p>\n<p>\u2013Dhagni nama gubuu (Ho\u2019ina yookaan gubinsa qaamaa)<\/p>\n<p>\u2013Mataa dhukkubbii yookaan bowwoo<\/p>\n<p>\u2013Dhukkubbii maashaa<\/p>\n<p>\u2013Maashaaleen qaamaa nama bututuu<\/p>\n<p><em><u>Dhukkuba Maaree Jaldeessaa, <\/u><\/em><u>Akkamitti Ofirraa Ittisuu Dandeenya? <\/u><\/p>\n<p>Talaalliin dhukkuba \u2018Smallpox\u2019 dhibee kanaaf gargaarus, yeroo ammaa kana namoota mana yaalaatti dhimma \u2018Smallpox\u2019 keessatti hojjetan qofa irratti kan daanga\u2019edha. Talaalliin dhukkuba \u2018Smallpox\u2019 dhukkuba \u2018Monkey pox\u2019 dhibbantaa \u00a085 ittisuu danda\u2019a.<\/p>\n<p>\u221a Meeshalee vaayirasii kanaan faalaman tuttuquu dhiisuu<\/p>\n<p>\u221a Nyaata foon bineeldotaa qaban sirriitti bilcheessuu<\/p>\n<p>\u221a Yeroo namoota dhukkuba kanaan qabaman yaallu yookaan eegumsa goonuuf, meeshaalee ittisa dhuunfaa fayyadamuu<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhaabbata Fayyaa Addunyaan balaa fayyaa hamaa ta&#8217;ee kan labsame, dhukkubni Maaree Jaldeessaa (monkeypox) dhukkuba daddarbaa vaayirasii gosa \u2018Orthopox\u2019 jedhamu irraa kan dhufudha. Vaayirasiin dhibichaa yeroo jalqabaaf bineensota irraa gara namaatti darbuutu himama. Amma garuu namarraa namatti daddarbuu akka danda&#8217;u mirkanaa&#8217;eera. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsutti dhibeen kun namarraa gara namaatti kan daddarbudha. Giddu-galli To\u2019annoofi Ittisa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4597,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4596"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4596"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4596\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4598,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4596\/revisions\/4598"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4597"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4596"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4596"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4596"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}