{"id":4602,"date":"2024-10-25T11:49:12","date_gmt":"2024-10-25T11:49:12","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4602"},"modified":"2024-10-25T11:49:12","modified_gmt":"2024-10-25T11:49:12","slug":"chaayinaan-gandoota-afrikaa-kuma-10-itti-fayyadamoo-tv-dijitaalaa-taasifte","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/10\/25\/chaayinaan-gandoota-afrikaa-kuma-10-itti-fayyadamoo-tv-dijitaalaa-taasifte\/","title":{"rendered":"Chaayinaan Gandoota Afrikaa Kuma 10\u00a0 Itti Fayyadamoo\u00a0 TV Dijitaalaa Taasifte"},"content":{"rendered":"<p>Chaaynaan gandoota Afrikaa fagoo ta&#8217;an itti fayyadamoo TV dijitaalaa Taasifteetti. Hoggantoonni Afrikaa biyyoota garaagaraa wal ga&#8217;ii Chaayinaafi Afrikaa gidduutti\u00a0 tibbana magaalaa guddoo biyyattii Beejiingitti adeemsiifamerratti hirmaataniiru. Waggaa sagal dura walgahii biyyoota Fooramii Tumsa Chaayinaafi Afrikaa (FOCAC) Johaanisbargitti adeemsifamerratti pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinping,\u00a0 Chaayinaan biyyoota Afrikaa 23 keessatti gandoota baadiyyaa kuma 10 ta&#8217;an fayyadamtoota televizhiinii dijitaalaa taasisuuf akka tumsitu waadaa galanii turaniiru. Waadaan kun yeroo hariiroon Chaayinaafi Afrikaa ho\u2019aa ture keessatti kan ifoomeefi baajata gargaarsa Chaayinaan kan utubame yoo ta&#8217;u dhaabbata dhuunfaa Chaayinaa &#8216;Star Times&#8217; jedhamu kan duraanuu biyyoota Afrikaa hedduu keessatti hojjechaa tureefi hojicha ittifufee akka hojjetuuf imaanaan itti kennamedha.<\/p>\n<p>Bu&#8217;uuruma kanaan, hojiin uwwisa saatalaayitii jalqabamuun yeroo ammaa, gandoonni Afrikaa 9,600 ol bu\u2019uuraalee saatalaayitii kan argatan yoo ta\u2019u, amma pirojaktichi gara xumuraatti deemaa jira. BBC&#8217;n gandoota Keeniyaa afur daawwachuun tajaajilli saatalayitii jalqabuun bu&#8217;aa argamsiisee jiraachuu gabaasa baaseen mirkaneesseera. Magaalaa guddoo Naayiroobii irraa gara dhihaatti kan argamtu jiraataan ganda Olaasitii kan ta&#8217;e Nikoolaas Ngukuu hiriyootasaafi maatii isaa walitti qabuun atileetota Keeniyaa Olompikii Paaris bara 2024 adeemsifame televizhiinii irratti hordofuu danda&#8217;uu dubbateera. \u201cOlompikii waggoota dheeraaf arguudhaaf carraa dhabe &#8216;StarTimes&#8217; ergas saatalayitii nuuf diriirsee arguu kootti baay\u2019een gammade\u201d jechuun waa\u2019ee dhaabbatichaa dubbateera.<\/p>\n<p>Jiraattonni gandoota pirojaktii kana jala jiran bu\u2019uuraalee misoomaa kanneen akka saatalaayitii dishii, baatiriifi akkasumas qabiyyee &#8216;Star Times\u2019 dhaabbiin kanfaltiin alatti\u00a0 bilisaan waan argatan itti fakkaachaa ture. Dr Luwiis\u00a0 akka jedhanitti kun \u201cjijjiirraa taphaa\u201d fakkaata. Sababnisaas, gandoonni fagoo Afrikaa kanaan dura irra caalaan isaanii Tv anaaloogii xixiqqoofi hin amanamne waan arganiifidha. Namoota baay&#8217;eedhaaf kun yeroo jalqabaaf saatalaayitii dishii argachuu isaaniiiti kan jettu Dr Luwiis, carraan kun akkaataa namoonni gandoota addunyaa biroo waliin itti walqunnaman jijjiireera jechuun dinqisiifatteetti. Giddugaloonni tajaajila hawaasaa kan akka hospitaalotaafi manneen barnootaa gandoota dhiha Keeniyaa jiraniif kilinika naannoo sana jirutti Tv dijitaalaa dhukkubsattoonni daawwachuun yeroosaanii akka dabarsan gargaaru danda&#8217;eera jetteetti barattuun kutaa saddeetteffaa Ruut Cheelaangaati. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti barattoonni barnoota booda kaartuunii ilaaluun isaan gammachiisa. \u201cHojii mana barumsaa erga xumurree booda hundi keenya kaartuunii waliin ilaalla, muuxannoo baay\u2019ee nama gammachiisuufi walitti hidhamiinsa qabudha\u201d jetteetti barattuun kun.<\/p>\n<p>Jiraattuu ganda Cheemoori kan taate Rooz Cheepkemooyi af-gaaffii BBC&#8217; waliin taasifteen, \u201cyeroo jalqaba saatalaayitii kana arganne hundi keenya baay\u2019ee gammanneerra, garuu tajaajilicha ji\u2019oota muraasaaf qofa bilisaan argachaa turre; sana booda kaffaltii kaffaluu akka qabnu taasifamne,\u201d jetteetti. Biyyoonni Afrikaa 23 &#8216;Pirojaktii gandoota kuma 10&#8217; Chaayinaa keessatti hammatamaniiru.\u00a0 BBC\u2019n gandoota adda addaa afur bara 2018 hanga 2020tti tajaajila &#8216;StarTimes&#8217; argatanitti daawwannaa taasise irratti, jiraattonni gandaa hedduun erga yaaliin bilisaa xumuramee booda &#8216;StarTimes&#8217; fayyadamuu isaanii akka dhaaban gabaaseera. Hogganaan ganda Anamo akka jedhanitti, maatiin ganda isaanii jiraatan 25 ta&#8217;an dishii saatalaayitii argatan keessaa hedduun isaanii maammila gochuu dhiisuu filataniiru jedhu. BBCn yaaliiwwan bilisaa kanarratti yaada jiru mirkaneeffachuuf\u00a0 &#8216;StarTimes&#8217; qunnamee deebii quubsaa hin arganne. Dhiibbaan Chaayinaa qabiyyee chaanaalii &#8216;StarTimes&#8217; irratti tamsa\u2019u bu\u2019aan isaa walmakaadha.<\/p>\n<p>Paakeejiiwwan gatii salphaa ta&#8217;anillee chaanaalii akka &#8216;Kung Fu fi Sino&#8217; Diraamaa kan of keessaa qaban yoo ta&#8217;u, baay&#8217;inaan fiilmiiwwaniifi walduraa duubaan magaalaan Chaayinaa akka argarsiifamudha maddeen kan mirkaneessan.Bara 2023tti fiilmiiwwaniifi sagantaaleen Tv Chaayinaa 1,000 ol afaanota biyya keessaan moggaafamuu itti gaafatamaan hariiroo hawaasaa &#8216;StarTimes&#8217; MaShaoyong miidiyaalee biyya keessaatiif himaniiru. Madda: BBCdha<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Chaaynaan gandoota Afrikaa fagoo ta&#8217;an itti fayyadamoo TV dijitaalaa Taasifteetti. Hoggantoonni Afrikaa biyyoota garaagaraa wal ga&#8217;ii Chaayinaafi Afrikaa gidduutti\u00a0 tibbana magaalaa guddoo biyyattii Beejiingitti adeemsiifamerratti hirmaataniiru. Waggaa sagal dura walgahii biyyoota Fooramii Tumsa Chaayinaafi Afrikaa (FOCAC) Johaanisbargitti adeemsifamerratti pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinping,\u00a0 Chaayinaan biyyoota Afrikaa 23 keessatti gandoota baadiyyaa kuma 10 ta&#8217;an fayyadamtoota televizhiinii dijitaalaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4603,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4602"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4602"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4602\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4604,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4602\/revisions\/4604"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4603"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4602"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4602"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4602"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}