{"id":4605,"date":"2024-10-25T11:51:20","date_gmt":"2024-10-25T11:51:20","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4605"},"modified":"2024-10-25T11:51:20","modified_gmt":"2024-10-25T11:51:20","slug":"hammaachisummaan-manni-maree-naannoo-amaaraan-fakeenyummaa-naannoolee-biroof-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/10\/25\/hammaachisummaan-manni-maree-naannoo-amaaraan-fakeenyummaa-naannoolee-biroof-qabu\/","title":{"rendered":"Hammaachisummaan Manni Maree Naannoo Amaaraan Fakeenyummaa Naannoolee Biroof Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Sirni federaalizimii, mootummootni naannoolee walitti dhufanii sirna isaan ijaaratani yoo ta&#8217;u, aadaa,\u00a0 afaaniifi eenyummaadhaaf beekamti kan kennu, kan jajjabeessuufi kan guddisuudha.\u00a0 Ka&#8217;umsi\u00a0 caasaa sirna federaalizimii biyya keenyaa gaaffilee bu&#8217;uuraa uummattoota biyyatti deebisuuf\u00a0 kan caasseffamedha. Biyyi keenya, biyya af-daneessaafi sabdaneessa hedduu kan qabdu waan taateef, garaagarummaa amantii, saala,\u00a0 eenyummaafi garaagarummaa\u00a0 afaanii jiru kana bakka tokkotti karaa walqixa ta&#8217;een akka bulan kan taasisu dha.<\/p>\n<p>Sirni kun saboota adda addaa afaanoota,\u00a0 aadaafi eenyummaawwan jiran akka sodaatti osoo hin taane akka qabeenyatti kan ilaaluudha. Barbaachiisummaan caasaa sirna mootummaa federaalizimii keessaa tokko biyyoota yookiin uummattoota sababa garaagaraatiin adda bahanii turan gara tokkotti fiduun\u00a0 sirna bulchiinsa mootummaa cimaa ijaaruudha. Inni biraan immoo\u00a0 qoodinsi\u00a0 aangoofi qabeenyaa\u00a0 mootummoota giddu jiru haqa qabeessa ta&#8217;e akka jiraatuufidha.Sirni federaalizimii dhugaan aadaa, afaan, amantaafi eenyummaan sabaafi sablammootaaf osoo tokkoof hin logiin karaa walqixa ta&#8217;een beekamti akka qabaatan kan taasisuudha.<\/p>\n<p>Sabaafi sablamootni afaan dhalootaa isaaniin akka baratan, aadaa isaaniitiin akka boonaniifi afaan isaaniitiin akka hojjetan kan mirga kennudha. Afa yaa&#8217;iin mana maree bulchiinsa sablammii Oromoo aadde Faaxumaa Mollaa, sirni federaalizimii dhugaan sabaafi sablammoota hunda kan ofitti hammatu, eenyummaa, aadaafi afaan isaanii akka kabajamu kan taasisuudha jedhaniiru. Kanaafis mana maree naannoo Amaaraa akka fakkenyaatti kaasaniiru.\u00a0 Manni maree naannoo Amaaraa sabaafi sablammootni naannicha keessa jiran, afaan, aadaa, amantaafi eenyummaan isaanii kabajameefi\u00a0 akkasumas man maree naannicha keessatti teessoo akka qabaatan gochuun raawwwii sirna federaalizimii dhugaa kan itti agarsiseedha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Naannichatti bulchiinsootni sablammii sadii naannicha keessatti jiran gaaffiifi yaada uummataa isaanii akka dhiyeeffatanifi furmaata akka argatan teessoon mana maree kennameef jiraachuu eeraniiru.\u00a0 Sabootni naannicha keessa jiraatan, mirgi isaanii kabajameef afaan ofiin barachuu, ofiin of bulchuufi afaan ofiin\u00a0 hojjechaa jiraachu eeraniiru. Eenyummaan isaanii kabajame\u00a0 waan argachuu qaban\u00a0 gama misoomaatiinis ta&#8217;e qabeenya naannicha biroo akkuma uummata kaanii walqixa qooddachaa jiraachu himaniiru. Sabaafi sablammootni akka naannoo Amaaraatti hundeeffaman gaaffii\u00a0 isaan qaban adda baasuun\u00a0 mootummaan naannichaa hiikaa jiraachuus eeraniiru.<\/p>\n<p>Hojii manni maree naannoo Amaaraa gama kanaan hojjechaa jiru kan dinqisifamuufi raawwii federaalizimii dhugaan naannicha keessa hojiirra ooluu kan agarsisuu ta&#8217;uu ibsaniiru. kanaafuu ka&#8217;umsi sirna federaalizimii gaaffii eenyummaa, afaanii, aadaafi mirga walqixxummaa\u00a0 sabaafi sablammootniifi uummattootni\u00a0 Itoophiyaa kaasaa turan bu&#8217;uura gochuun\u00a0 ta&#8217;uun\u00a0 isaa wal qabatee,\u00a0 raawwiin gama naannoo Amaaraan jiru biyyattiif fakkeenya guddaa kan ta&#8217;uudha jedhaniiru. Naannooleen biroos mana maree kanarraa muxannoo fudhachuun federaalizimiin dhugaan biyyatti keessa akka jiraatu hojjechuun isaan irra jiraataa jedhaniiru.\u00a0 Sabaafi sablammoota naannoo isaanii keessa jiran,\u00a0 afaan, aadaa, amantaafi eenyumaan isaanii kabajamee sodaa malee akka jiraatan akkuma naannoo Amaaraa hojjechuu qabus jedhaniiru.<\/p>\n<p>Sirni federaaliziimii hundaaf walqixa ta\u2019uu waan qabuuf, naannooleen biroos sabaafi sablammoota naannoo isaanii keessa jiran dhimmoota biyya isaanii irratti hirmaachisuu qabu jedhaniiru. Afaan isaaniin akka baratan taasisu dabalate mirgi isaanii kabajamuu qabas jedhaniiru.\u00a0 Itti aantuun afa yaa&#8217;ii bulchiinsa sablammii Oromoo adde Hawwaa Mohaammad, \u2018\u2019bulchinsa of danda\u2019e qabna, afaan ofiin hojjenna,\u00a0 ijoolleen keenyas afaan dhaloota isaanii barachaa jiru, mana maree mataa keenya qabna yoo ofii keenya fayyadamuu dadhabne malee rakkoon gama mootummaa naannichaanis ta&#8217;e gama mana maree naannichaan,\u00a0 tokkollee hin jiru\u2019\u2019 jedhaniiru. Haallii naannicha keessa jiru haala dimookiraatawaafi hirmaachisaa ta&#8217;e jiraachu ragaa bahaniitu. &#8220;Nuti gaaffii eenyummaa hin qabnu gaaffiin keenya rakkoo nageenyaati. Manni maree sadarkaan jiru afaan keenyaan akka hojjennu, gaggeessaan sadarkaan jiru sirnaan akka ijaaramu nuuf taasisee jira, isa kana cimsinee deemu, dagaagsuufi irratti hojjechuu qabna&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Akka walii galaatti uummatni bulchinsa sablammiichaa gaaffii eenyummaa osoo hin taane, gaaffii nageenyaafi misoomaa qabaachuu aadde Hawwaan himaniiru. Rakkoolee nageenyaafi misoomaa akka furmaata argatanis mootummaa naannichaa waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Manni maree naannoo Amaaraa hammachisaafi sirna federaalizimii dhugaa kan hordofudha kan jedhan itti aantuun afa yaa&#8217;ii kun,\u00a0 sirni federaalizimiin biyyattitti akka dagaaguuf naannooleen biroos mana maree naannoo Amaaraa irraa muxannoo osoo fudhatan yaada jedhu calaqqisaniiru. Sabootni naannoolee birootti jiraatan kanneen gaaffii eenyummaa, afaaniifi gaaffii kanneen biroo qaban furmaata akka argatan heeraan gaafachuu qabus jedhaniiru. Gaaffiileen adda addaa marii biyyaalessaa irratti furmaata akka argatan akka ajandaa tokkotti dhiyeessuun murteessaa ta&#8217;u kaasaniiru.<\/p>\n<p>Ittaanaan kantibaa bulchiinsa magaalaa Kamisee, obbo Shariif Qaasim, bulchinsi sablammii Oromoo mana maree mataa isaa qaba, murtee ni dabarsa, murteewwan murta&#8217;aanii, yaadaafi gaaffiilee garaagaraa mootummaa naannichaaf ni dhiyeessa jedhaniiru. Kun immoo kan ta&#8217;uu danda&#8217;e naannicha keessatti sirni dimookiraatawaafi federaalizimii dhugaan haala qabatamaan raawwatamaa jiraachuu isaatiniidha jedhaniiru. \u2018\u2019Naannichatti sagaleen keenyaafi sagaleen sabaafi sablammootaa biroos dhagahaame haalli ittiin hojjetamaa jiru kan nama jajjabeesuufi biyyatti gara fulduratti tarkaanfachisuufis jalqabbii gaariidha\u2019\u2019 jedhaniiru. Biyya sirna federalizimii hordoftuu keessatti qaamni \u2018\u2019ani dhiibameera\u2019\u2019 jedhu jiraachu hin qabu kan jedhan obbo Qaasim, qaamni miira akkanaa qabu gaaffii isaa dhiyeessuun marii biyyalessaa irratti furmaata akka argatan taasisuu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Sirni federaalizimii, mootummootni naannoolee walitti dhufanii sirna isaan ijaaratani yoo ta&#8217;u, aadaa,\u00a0 afaaniifi eenyummaadhaaf beekamti kan kennu, kan jajjabeessuufi kan guddisuudha.\u00a0 Ka&#8217;umsi\u00a0 caasaa sirna federaalizimii biyya keenyaa gaaffilee bu&#8217;uuraa uummattoota biyyatti deebisuuf\u00a0 kan caasseffamedha. Biyyi keenya, biyya af-daneessaafi sabdaneessa hedduu kan qabdu waan taateef, garaagarummaa amantii, saala,\u00a0 eenyummaafi garaagarummaa\u00a0 afaanii jiru kana bakka tokkotti karaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4578,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4605"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4605"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4605\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4606,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4605\/revisions\/4606"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4578"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4605"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4605"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4605"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}