{"id":4608,"date":"2024-10-25T12:13:54","date_gmt":"2024-10-25T12:13:54","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4608"},"modified":"2024-10-25T12:13:54","modified_gmt":"2024-10-25T12:13:54","slug":"dhukkuba-busaa-naannichatti-dabalaa-dhufe-qolachuuf-hunduu-tumsuu-akka-qabu-waamichi-dihaate","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/10\/25\/dhukkuba-busaa-naannichatti-dabalaa-dhufe-qolachuuf-hunduu-tumsuu-akka-qabu-waamichi-dihaate\/","title":{"rendered":"Dhukkuba Busaa Naannichatti dabalaa dhufe Qolachuuf hunduu Tumsuu akka Qabu Waamichi Dihaate"},"content":{"rendered":"<p>Karoora Dhukkuba busaa dhabamsiisuuf karoorfame hojiirra oolchuuf Biiroon Fayyaa Naannoo Amaaraafi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa naannoo Amaaraa qooda fudhattoota biroo waliin ta\u2019uun ittisa dhibee busaarratti hojii jalqabsiisaniiru. Jalqabbii duula ittisa dhukkubichaa kan ifoomsan keessaa sadarkaa ittaantuu pirezidaantii naannoo Amaaraatti qindeessituu damee hawaasummaafi itti gaafatamtuun biiroo barnootaa naannichaa kan ta&#8217;an Dr. Mulunash Dasee, tatamsa&#8217;inni dhibee busaa naannichatti dabaluu isaa kaasanii naannichi dhibbantaa 80 tatamsa&#8217;ina dhibee busaaf mijataa ta&#8217;uu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Ji\u2019oonni sadan fuulbanaa hanga Sadaasaa jiran tatamsa\u2019ina dhibee busaatiif ji\u2019oota mijatoo ta&#8217;uu eeruun miidhaa hamaa dhibeen kun hawaasa irra gahuu danda\u2019u ittisuuf qooda fudhattoonni hundi xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Naannoo Amaaraa akka jedhanitti, naannichatti, keessumattuu gama dhiha naannichaa keessatti tatamsa\u2019inni dhibee busaa dabalaa dhufeera. Dhibeen kun kanarra darbee yoo babal\u2019ate rakkoo hawaasummaafi diinagdee fiduu waan maluuf ittisa dhukkuba busaa irratti hojjechuun barbaachisaa ta\u2019uu ibsaniiru. Dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa, dargaggootaafi abbootiin amantaas hojii ittisa kana keessatti gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatmaan Biiroo Fayyaa Naannoo Amaaraa obbo Abdulkaariim Mangistuu, bara bajataa 2017tti dhimmoota xiyyeeffannoon kennameef keessaa ittisaafi to\u2019annoo dhibee busaa isa tokko ta\u2019uu ibsaniiru. Waggoota shanan darban keessatti tatamsa&#8217;inni dhibichaa dabalaa dhufeera jedhaniiru. Bara baajataa 2016 tti dhukkubsattoonni busaa miiliyoona 1.5 ol galmaa\u2019aniiru. Bakkeewwan hojiin misoomaa olaanaan hojjetamaa jirutti humni omishtootaa dhibichaan miidhamaa\u00a0 jiraachuu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Akka biyyaatti hanqina dhiyeessii keemikaala irraa kan ka\u2019e tatamsa\u2019ina dhibee kanaa haala barbaadamuun to\u2019achuu dadhabuus kaasaniiru. Keemikaala farra dhibichaaf kenname sirnaan biifachuu, hawaasni sirnaan itti fayyadamuu akka danda\u2019u gochuu irratti xiyyeeffachuu akka qaban dhaamaniiru. Fuulbaanaa hanga Sadaasaatti yeroon daddarbinsa busaa olaanaa waan ta\u2019eef, ogeeyyiin fayyaa, hawaasniifi qooda fudhattoonni ittisa irratti akka xiyyeeffatan waamicha taasisaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<!--more--><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Karoora Dhukkuba busaa dhabamsiisuuf karoorfame hojiirra oolchuuf Biiroon Fayyaa Naannoo Amaaraafi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa naannoo Amaaraa qooda fudhattoota biroo waliin ta\u2019uun ittisa dhibee busaarratti hojii jalqabsiisaniiru. Jalqabbii duula ittisa dhukkubichaa kan ifoomsan keessaa sadarkaa ittaantuu pirezidaantii naannoo Amaaraatti qindeessituu damee hawaasummaafi itti gaafatamtuun biiroo barnootaa naannichaa kan ta&#8217;an Dr. Mulunash Dasee, tatamsa&#8217;inni dhibee busaa naannichatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4609,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4608"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4608"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4608\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4610,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4608\/revisions\/4610"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4609"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4608"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4608"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4608"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}