{"id":4614,"date":"2024-10-25T12:20:37","date_gmt":"2024-10-25T12:20:37","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4614"},"modified":"2024-10-25T12:20:37","modified_gmt":"2024-10-25T12:20:37","slug":"garee-biyyaalessichaa-maaltu-danqe-laata","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/10\/25\/garee-biyyaalessichaa-maaltu-danqe-laata\/","title":{"rendered":"\u00a0Garee Biyyaalessichaa Maaltu Danqe Laata?"},"content":{"rendered":"<p>Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa taphoota gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2025 ramaddii isaa keessaa sadarkaa dhumaa qabachuun goolabeera. Garichi taphoota afur gitootasaa Taanzaaniyaa, Ripaabilika Dimokiraatawaa Koongoofi Giinii waliin taphate keessaa taphoota sadii injifatamee tapha tokkoon ammoo qixa baheera. Addatti, taphoonni lamaan garee biyyaalessaa Giinii waliin taasise galchii waliigalaa 7 fi 1\u2019n injifatamuun isaa deeggartoota garichaa biratti gumgummii uumeera.<\/p>\n<p>Gareen kun taphoota afur taphate keessaa qabxii tokko qofa galmeesse. Yeroo darbes, gareen biyyoolessaa dhiirota Itoophiyaa waggaa 20 gadii taphoota sadii mo&#8217;amuun gareewwan sagal keessaa sadarkaa 8 ffaa bahuunsaa ni yaadatama. Kun ammoo gareen biyyaalessaa guddichi taphattoota boru garicha bakka bu&#8217;uu hindandeenye oomishaa kan hin jirre ta&#8217;uusaaf agarsiistuudha. Kunis mata dhukkubbii garee biyyaalessichaa har&#8217;a qofa osoo hin taane kan boruufis sodaa guddaa uumeera. Waggaa saddeet booda waldorgommii kontinentaalaa 33ffaa Kaameroon qopheessite irratti hirmaachuun Waaliyaan marsaa jalqabaan kufaatii sadarkaa gadaanaan taphaa ala ta&#8217;eera.<\/p>\n<p>Garichi dorgommii gulaallii Waancaa Afrikaa biraaf waggaa saddeet eeguun dirqama ta&#8217;a. Biyyi waancaa Afrikaa 34ffaa irratti hirmaachuu dadhabde, carraan waancaa Afrikaa 35ffaa Morookoon qopheessitu irratti hirmaata jedhanii yaaduun akkuma gaara dhiibuu ulfaataadha kanneen jedhanii tilmaaman hin dhabaman. Yuunivarsiitii Baahir Daaritti barsiisaa saayinsii Ispoortii kan ta&#8217;an, Demis Gaashuu (Dr) banaalee gulaallii waancaa Afrikaa 35ffaa irratti mul\u2019ate ilaalchisee yaada isaanii qoodaniiru.\u00a0 Akka Demis (Dr) jedhanitti, rakkoon guddaan garee biyyaalessaa Itoophiyaa waancaa Afrikaa 34ffaafi 35ffaa irratti hirmaachuu dhabuunsaa taphattoota gaarii dhabuu qofa osoo hin taane, leenjistoota gaarii dhabuudha.<\/p>\n<p>&#8220;Leenjistoonni garee biyyaalessaa dandeettii tapha guyyaa guyyaa xiinxaluu hin qaban, ciminaafi dadhabina garee morkataa addaan hin baasan, karoora tapha adda addaa diizzaayini taasisu irratti hanqina qabu&#8221; jedhaniiru. Akkasumas, taphattoota tapha sanaaf mijatan adda baasuu dhabuunis madda rakkoo injifatamuu garichaa ta&#8217;uus kaasaniiru. Doktar Demis &#8220;akkaataa federeeshiniin kubbaa miilaa biyyaalessaa leenjistoota garee biyyaalessaa itti qacaru dogoggora, kanas bu&#8217;aa gadaanaa gareen biyyaalessaa galmeesseerraa hubachuun ni danda&#8217;ama. Rakkoon leenjistoota gidduutti akka gareetti hojjechuu dhabuus rakkoo taphattoota biratti ifatti mul&#8217;atudha&#8221; jedhaniiru. Kilaboota gurguddoo keessatti leenjistoonni bu&#8217;aa gaarii hin argamsiisne leenjistoota biroon dafanii kan bakka bu&#8217;an ta&#8217;uu dubbataniiru. Sababiin isaas kilaboonni bu&#8217;aa dhabuu isaaniif itti gaafatamummaa guddaa kan qaban leenjistoota waan ta&#8217;aniifidha kan jedhan barsiisaan kun, shaakala leenjistoota garee biyyaalessaa Itoophiyaa leenjisan soorata taphattootaa irraa kaasee hanga shaakalaafi sarara dhaabbataa dhuunfaan waan hunda waan hojjetaniif qeeqaniiru.\u00a0 Akkasaan jedhanitti, taphoonni kilaboota Itoophiyaa keessatti sadarkaa hundatti mul&#8217;atan baay&#8217;ee dorgomaa miti.<\/p>\n<p>Barsiisaan saayinsii ispoortii kun akka himaniitti qacarriin taphattootaas ta\u2019e leenjistootaa dandeettii taphattootaa irratti kan xiyyeeffate miti. &#8220;Kubbaan miilaa biyyattii guddisuuf dubartootaafi dargaggoota irratti hojiin cimaan hojjetamuu qaba jedhaniiru. Bu&#8217;aa yeroof barbaaduu irra ispoorteessitoota leenji&#8217;an oomishuun bu&#8217;uura kubbaa miilaa biyyattii dhagaa jabaa irratti ijaaruun barbaachisaa ta&#8217;uu ibsaniiru. Ispoortiinis ogeessotaan hoogganuun qaama furmaataa akka ta&#8217;e gorsaniiru. Umurii ofii booda kubbaa miilaa taphachuu jalqabuun dogoggora akka ta&#8217;es ibsaniiru. Biyya keenyatti garuu kun hundi waan hin baratamneef miidhasaa bu&#8217;aa\u00a0kubbaa miilaa keenyarraa arguu dandeenyeerra jedhaniiru. Itoophiyaa Kubbaa Miilaan milkeessuuf yoo mala saayinsii hordofuun barbaachisaa ta&#8217;uu ibsaniiru. Daa&#8217;imman dandeettii qaban ogeessotaan leenjisuun bu&#8217;a qabeessa ta&#8217;uu akka danda&#8217;an taasisuun kan danda&#8217;amu ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Kilaboonni biyya alaafi gareewwan biyyaalessaa biroon bu\u2019aa gaarii akaadaamiiwwan isaaniin galmeessan akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Kubbaa miilaa keenya haaromsuuf invastimantii guddaa kubbaa miilaa qofa osoo hin taane, baay\u2019ina iddoowwan ispoortii dabaluu, leenjii saayinsii kennuu, dorgommiifi sochiiwwan biroo sirnaan qopheessuu qabna jedhaniiru. \u2018\u2019Kana gochuun yoo danda\u2019ame biyyi keenya yeroo dheeraa keessa yoo ta\u2019ellee gara bu\u2019a qabeessummaatti ni deebiti\u2019\u2019 jechuun xiinxala saayinsii ispoortiirratti hunda&#8217;e kennaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa taphoota gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2025 ramaddii isaa keessaa sadarkaa dhumaa qabachuun goolabeera. Garichi taphoota afur gitootasaa Taanzaaniyaa, Ripaabilika Dimokiraatawaa Koongoofi Giinii waliin taphate keessaa taphoota sadii injifatamee tapha tokkoon ammoo qixa baheera. Addatti, taphoonni lamaan garee biyyaalessaa Giinii waliin taasise galchii waliigalaa 7 fi 1\u2019n injifatamuun isaa deeggartoota garichaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4615,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4614"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4614"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4614\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4617,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4614\/revisions\/4617"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4615"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4614"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4614"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4614"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}