{"id":4621,"date":"2024-10-25T12:29:06","date_gmt":"2024-10-25T12:29:06","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4621"},"modified":"2024-10-25T12:29:06","modified_gmt":"2024-10-25T12:29:06","slug":"hammattummaa-manni-maree-naannoo-amaaraa-naannolee-biroonis-hojiirra-ooluu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/10\/25\/hammattummaa-manni-maree-naannoo-amaaraa-naannolee-biroonis-hojiirra-ooluu-qaba\/","title":{"rendered":"Hammattummaa Manni Maree Naannoo Amaaraa Naannolee Biroonis Hojiirra Ooluu Qaba"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyaa afdaneettiifi sabdaneettii taatedha. Naan[1]noleen hundi uummata sabdaneessa ta\u2019e of keessaa qabu. It[1]oophiyaan caaseffama mootummaafi siyaasa hordoftus biyya sabdaneessummaa qabaniif kan oolu sirna federaalizimiidha. Sirni federaalizimii uummatni hundi enyummaa isa eegatee biyya isaa keessatti dhimma siyaasaas ta\u2019e diinagdee wal-qixxummaan hirmaannaafi fayyadamaa kan taasisudha. Itoophiyaan mana maree bakka bu\u2019ootaa federaalaatti jiru cinaatti sadarkaa naannoleefi bulchiinsa magaalotaattis ni jiru. Hojjirra oolmaan federaalizimii uummattoota hunda fayyadamaa kan taasisudha.<\/p>\n<p>Nageenyaa waaraafi diinagdee guddachaa deemu kan uumudha. Yeroo ammaa kana Itoophiyaa keessatti naannolee 11 fi bulchi[1]insa magaalotaa lamatu jiru. Sadarkaa naannoleetti sabdanees[1]summaa uummataa kan bu\u2019uureffate hammattummaan mana maree bakka bu\u2019ootaa kan jiru naannoo Amaaraa qofa. Naannoo Amaaraa keessatti saba Amaaraa cinaatti sablammootni sadii mirgi eenyummaa isaanii kabajamee jiraachuu, mirgi ofiin of bulchuu, aadaafi diinagdee ofii dagaagsuufi mirgi dimookiraasiin biroonis kennamee jira. Sablammootni kunneenis Oromoo, Awwiifi Waaghi[1]miraadha. Bakka bu\u2019ootni uummataa Sablammootni kunneen manaa maree naannichaa keessatti argamuun gaaffii uummata kamuu iftoominaan kaasuun naannichaa keessatti hirmaannaafi fayyadamumma walqixxumaafi haqa akka mirkanaa\u2019u taasiseera. Hojiirra oolmaan Sirni Federaalizimii naannichaa kun naan[1]nolee biroofis fakkeenyummaa guddaa kan qabu dha.<\/p>\n<p>Maddi rakkoolee nageenyaa biyyatti walqoodinsa sabaafi eenyummaa akka ta\u2019e hayyuuleen siyaasaa ni dubbatu. Dhimma kanaaf karaa kan bane immoo sirni federaalizimii dhugaa hojirra oolchuu dhabuudhaani. Naannoo Amaaraan alatti, sablammootni eenyum[1]maan isaanii kabajamee hirmaannaa siyaasaafi fayyadamummaa diinagdee walqixxummaan akka argataniif heera mootummaa naannoleen hin deggaramne. Sablammootni adda addaa mirga ofiin of bulchuus ta\u2019e mirga hirmaannaa siyaasaa hin arganne. Waan kana ta\u2019eefis mana maree naannolee keessatti bakka bu\u2019ootni sablammootni biroo hin jirani. Dhimmi kun waggoottan darban hedduuf gaaffii uummataa ta\u2019us ammayyu jijjiirama fiduun hin danda\u2019amne. Jechaan Itoophiyaan biyya afdaneettiifi sabdaneettii taatus, gochaan garuu caaseffamni mootummaafi qabiyyeen heera naannolee dhugaa kana kan dagatedha. Biyya tokko keessatti lam[1]mii dhuftuufi abbaa biyyaa wal jedhuun ni jira.<\/p>\n<p>Hammattummaan mana maree naannoo Amaaraafi bu\u2019aan siyaas-diinagdee argame, naannolee biroof fakkeenyummaa kan qabudha. Sirni Federaal[1]izimii caasaa mootummaafi siyaasa ammayyawaa keessatti biyya uumamaan sabdanneessa ta\u2019eef kan filannoo hin qabnedha. Sirni kun biyya keenya Itoophiyaafis kan maludha.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyyaa afdaneettiifi sabdaneettii taatedha. Naan[1]noleen hundi uummata sabdaneessa ta\u2019e of keessaa qabu. It[1]oophiyaan caaseffama mootummaafi siyaasa hordoftus biyya sabdaneessummaa qabaniif kan oolu sirna federaalizimiidha. Sirni federaalizimii uummatni hundi enyummaa isa eegatee biyya isaa keessatti dhimma siyaasaas ta\u2019e diinagdee wal-qixxummaan hirmaannaafi fayyadamaa kan taasisudha. Itoophiyaan mana maree bakka bu\u2019ootaa federaalaatti jiru cinaatti sadarkaa naannoleefi bulchiinsa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4621"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4621"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4621\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4622,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4621\/revisions\/4622"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4621"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4621"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4621"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}