{"id":4632,"date":"2024-11-09T08:07:48","date_gmt":"2024-11-09T08:07:48","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4632"},"modified":"2024-11-09T08:07:48","modified_gmt":"2024-11-09T08:07:48","slug":"aadaan-siyaasa-olaantummaa-yaadaaf-dursa-kennu-ijaaruun-haalduree-qaroominadha","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/11\/09\/aadaan-siyaasa-olaantummaa-yaadaaf-dursa-kennu-ijaaruun-haalduree-qaroominadha\/","title":{"rendered":"Aadaan Siyaasa Olaantummaa Yaadaaf Dursa Kennu Ijaaruun Haalduree Qaroominadha"},"content":{"rendered":"<p>Biyyootni guddatan siyaasa ammayaawaa kan hordofanidha.Biyyootni boodatti hafan immoo siyaasa tasgabba\u2019aa kan hin ijaarredha. Hundeen siyaasa qaroome olaantummaa yaadaaf dursa kennudha. Garaagarummaan yaadaa bakka hundaatti kan jiru yommu ta\u2019u haalli ittiin wal-hubbannaafi waligalan garuu sadarkaa qaroomina hawaasicharratti kan hundaa\u2019uu dha. Olaantummaa yaadaaf dursa kennuu dhabuun siyaasa hin tasgabboofneefi walitii bu\u2019insaafi wal-waraansa hin barbaachifneef ni saaxila.<\/p>\n<p>Aadaa siyaasa olaantummaa yaadaaf dursa kennu ijaaruun guddina hawaas-dinagdee biyyaa tokkoof utubaadha. Itoophiyaa keessatti olaantummaan yaadaa kabajamuu dhabuudhaan baroota hedduuf walitti bu\u2019insaaf saxilamneera. Guddinni biyyattiis ijaaruufi diguurra hin baane. Hara\u2019as rakkoo kana keessaa hin baane. Bakka olaantummaan yaadaa hin jirreetti, olaantummaa siyaasaa mirkaneessuun rakkisaadha. Siyaasaa jibbiinsa irraa bahuun walitti dhiyaachuuniifi waliin mari&#8217;achuun, garaagarummaa jiru dhiphisuun dhimmoota waloo ta&#8217;an irratti tumsaan hojjechuun ni barbaachisa. Rakkooleen uumaman qawween osoo hin taane mariifi waliigalteedhaan hiikamuu qabu. Biyyootni kanneen siyaasa qarooma ijaaran jijjiirama diinagdeefi saayinsiifi teeknoolojii fiduudhaan dhibbaa biyyoota kanneen irratti haanga dhibbaa uummutti ga\u2019aniiru.<\/p>\n<p>Kanneen siyaasa qaroome hin ijaarranne immoo hiyyummaafi hirkatummaa jalaa bahuu hin dandeenye. Jaarraa kana keessatti olaantummaa yaadaa kabajuu, waliin hojechuufi wal-utubuun aadaa ta\u2019aa jira. Aadaan olaantummaa yaadaaf dursa kennu siyaasa qaroome ni uumma. Siyaasni qaroome immoo uummata yaadaaf dursa kennu ni uumma. Kunis guddinaafi badhaadhina biyya tokkoof daandiidha. Itoophiyaanootni rakkooleefi waldhabdee kan ittiin furan aadaa miidhagaa hedduu qabaannus, aadaa keenya fayyadamne rakkoolee siyaasaa uumaman furuun tokkummaa keenya cimsuufi dhaloota olaantummaa yaadaan amanu ijaaruuf dhalootni ammaa gahee isaa bahachuufi fakeenyummaa isaa agarsiisuu barbaachisa. Nageenyi hundaaf, hundi nageenyaaf!!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Biyyootni guddatan siyaasa ammayaawaa kan hordofanidha.Biyyootni boodatti hafan immoo siyaasa tasgabba\u2019aa kan hin ijaarredha. Hundeen siyaasa qaroome olaantummaa yaadaaf dursa kennudha. Garaagarummaan yaadaa bakka hundaatti kan jiru yommu ta\u2019u haalli ittiin wal-hubbannaafi waligalan garuu sadarkaa qaroomina hawaasicharratti kan hundaa\u2019uu dha. Olaantummaa yaadaaf dursa kennuu dhabuun siyaasa hin tasgabboofneefi walitii bu\u2019insaafi wal-waraansa hin barbaachifneef ni saaxila. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4632"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4632"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4632\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4633,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4632\/revisions\/4633"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4632"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4632"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4632"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}