{"id":4634,"date":"2024-11-09T08:10:11","date_gmt":"2024-11-09T08:10:11","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4634"},"modified":"2024-11-09T08:10:11","modified_gmt":"2024-11-09T08:10:11","slug":"aanaa-baateetti-piroojektootni-misoomaa-birrii-miliyoona-40-oliin-ijaaraman-eebbifamuun-tajaajilaaf-banaa-taan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/11\/09\/aanaa-baateetti-piroojektootni-misoomaa-birrii-miliyoona-40-oliin-ijaaraman-eebbifamuun-tajaajilaaf-banaa-taan\/","title":{"rendered":"Aanaa Baateetti Piroojektootni Misoomaa\u00a0 Birrii Miliyoona 40 Oliin Ijaaraman Eebbifamuun Tajaajilaaf Banaa Ta&#8217;an"},"content":{"rendered":"<p>Bulchiinsa sablammii Oromoo Aanaa Baateetti piroojektoota \u00a0misoomaa adda addaa birrii miliyoona 40 oliin ijaaramaa turan\u00a0 eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta&#8217;aniiru. Gaaffii bu&#8217;uuraalee misoomaa uummatni aanaa Baatee yeroo dheeraaf kaasaa ture deebisuuf piroojektootni hedduun eegalamanii turan xumuramuun tajaajilaaf banaa ta&#8217;aniiru. Bu\u2019uuraalee misoomaa ijaaraman keessa waajjiraalee haqaa,\u00a0 ibsaa, daandii, bishaaniifi waajjiraaleen kanneen biroos ni argamu. Bu\u2019uuraaleen misoomaa kunneen deeggarsa baajata Baankii Addunyaafi baajata keessoo irraa argameen ijaaramanii xumuramuu ibsameera.<\/p>\n<p>Bulchaan olaanaa Aanaa Baatee obbo Mohaammad Abduu, baajata idilee aanichaa keessaa birriin miiliyoona 13, deeggarsa UNDP, irraa immoo birrii miiliyoona 28\u00a0 argameen, walumaagalatti birrii miiliyoona 40 oliin bu&#8217;uuraaleen misoomaa rakkoo uummata aanichaaf furuu danda&#8217;an ijaaramuun tajaajilaaf qophaa&#8217;uu himaniiru. Piroojektootni ijaaraman kunneen gaaffii uummatni aanichaa yeroo dheeraaf kaasaa ture akka deebii argatuu kan taasisan ta&#8217;uus dubbataniiru.\u00a0 Keessumaa ibsaafi bishaan qulqulluu dhugaatii uummata aanaa Baatee rakkoo guddaaf akka saaxilamu taasisa tureera jedhanii, piroojektootni ijaaramuun xumuraman kunneen jiraattoota aanichaaf boqqonnaa guddaa kan kennuu ta&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Bulchaan olaanaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo obbo Ahmed Alii gama isaaniin,\u00a0 piroojektootni ijaaramanii eebbifaman kunneen fayyadamummaa hawaasaa keenyaa kan mirkaneessaniifi gara guddinaatti kan tarkaanfachisaniidha jedhaniiru. Piroojektoota eegalaman saffisaan xumurun hawaasa bulchiinsa sablammichaa fayyadamaa taasisuuf ciminaan kan hojjetamu ta&#8217;u hubachiisaniiru. Dabalataanis, piroojektoota\u00a0 eegalame itti fufsiisuuf hooggansi keenya uummata waliin qindoominaan hojjechuu qabas jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hogganaan Biiroo Industirii fi Invastimantii Naannoo Amaaraa Obbo Indiriis Abduu, hojiileen misooma hojjetamu kan danda&#8217;an nageenyi amansisaan yoo jiraate waan ta&#8217;eef, nageenya naannawichaa mirkaneessuuf qaamoleen hunduu wal tumsanii hojjechuu akka qaban hubachisaniiru.\u00a0 Hojiiwwan misoomaa eegalaman akka itti fufaniifi yeroo qabameef keessatti xumuramuun tajaajila akka kennan taasisuuf,\u00a0 abbootiin amantaafi jaarsooliin biyyaa nageenya irratti gahee isaanii akka bahan dhaamaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Bulchiinsa sablammii Oromoo Aanaa Baateetti piroojektoota \u00a0misoomaa adda addaa birrii miliyoona 40 oliin ijaaramaa turan\u00a0 eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta&#8217;aniiru. Gaaffii bu&#8217;uuraalee misoomaa uummatni aanaa Baatee yeroo dheeraaf kaasaa ture deebisuuf piroojektootni hedduun eegalamanii turan xumuramuun tajaajilaaf banaa ta&#8217;aniiru. Bu\u2019uuraalee misoomaa ijaaraman keessa waajjiraalee haqaa,\u00a0 ibsaa, daandii, bishaaniifi waajjiraaleen kanneen biroos ni argamu. Bu\u2019uuraaleen misoomaa kunneen [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":4635,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4634"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4634"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4634\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4636,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4634\/revisions\/4636"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4635"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4634"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4634"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4634"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}