{"id":4642,"date":"2024-11-09T08:23:27","date_gmt":"2024-11-09T08:23:27","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4642"},"modified":"2024-11-09T08:23:27","modified_gmt":"2024-11-09T08:23:27","slug":"birmadummaa-biyyaa-kabachisuuf-uummatni-waloon-dhaabbachuu-akka-qabu-hayyuuleen-dhaamsa-dabarsan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/11\/09\/birmadummaa-biyyaa-kabachisuuf-uummatni-waloon-dhaabbachuu-akka-qabu-hayyuuleen-dhaamsa-dabarsan\/","title":{"rendered":"Birmadummaa Biyyaa Kabachisuuf Uummatni Waloon Dhaabbachuu Akka Qabu Hayyuuleen Dhaamsa Dabarsan"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan qabeenya ofii fayyadamtee pirojeektoota misooma lammiilee fayyadamaa taasisan hedduu hojjechaa jirti. Kanneen keessaa inni tokko hidha haroomsa guddicha laga Abbayyaa irratti hojjetamaa jirudha.\u00a0 Hidhni haroomsaa kun deeggarsa biyyoota alaa kamiyyuu osoo hin gaafatin qabeenyaafi humna lammiilee biyyattiin kan ijaaramaa jirudha.\u00a0 Lammiileen Itoophiyaa\u00a0 Kaabaa hanga Kibbaa, Bahaa hanga Lixaa\u00a0 waan qaban irraa hir&#8217;isuun piroojaktii ijaarsisanii sadarkaa xumuraa irraa geessisaniidha.<\/p>\n<p>Haata&#8217;uu malee biyyootni diina seenaa ta&#8217;an, Itoophiyaan qabeenya\u00a0 ofii isheetiin hojjette akka hin guddanneefi, hin misoomne taasisuuf, yaalii garaagaraa taasisaa jiru. Gibxiin Piroojektiin hidha haaroomsa guddicha Itoophiyaa gufachiisuuf yaaliin ishee hin taasifne hin jiru. Itoophiyaanoonni garuu dhimma hidha haroomsa irratti ejjannoo walfakkaataa waan qabaniif ijaarsa hidhichaa milkeessuu danda&#8217;aniiru.<\/p>\n<p>Jiraataa aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa\u00a0 kan ta&#8217;an obbo Ahmad Huseen, seenaa keessatti durii irraa kaase diina Itoophiyaa kan\u00a0 taateefi yeroo adda addaatti yaalii waraanaa taasifte kan hin milkoofte Gibxiin,\u00a0 Itoophiyaan qabeenya ofii\u00a0 fayyadamte misoomuu akka hin dandeenyeef shira hedduu hojjechaa turuufi hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.\u00a0 Hidhi haroomsa guddicha Itoophiyaan hojjechaa jirtu akka hin milkoofneef tattaaffii garaagaraa taasisaa turteettis jedhaniiru.\u00a0 Dhimmicha yeroo adda addaatti\u00a0 gara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti dhiyeessuun, hojii misoomaa, hojjetamaa jiru gufachiisuufi maqaa biyyattii xureessuuf yaalii hunda taasisaa turuu kan himan obbo Ahmad, deeggarsaafi liqii biyyoota alaa irraa akka hin argannes hojjechaa turu eeraniiru.<\/p>\n<p>Haata&#8217;u malee mootummaafi uummatni Itoophiyaa walitti gurmaa&#8217;uun, walii tumsuun, deeggarsa biyya kamiyyuu malee humna ofiin hidha haroomsa guddichaa ijaaruun sadarkaa xumuraa irra akka gahuu taasisuu himaniiru.\u00a0 Itoophiyaanootni seenaa keessatti diina biyyoota alaaf kan hin jilbeeffannefi birmadummaa biyyaa kabachisuufis mariif kan hin teenye ta&#8217;uu dubbataniiru. Qaamni nageenya booressuufi misooma biyyaa gufachisu kamiyyuu tokkummaan qolachuuf uummatni garaagaruummaa tokko malee\u00a0 waloon dhaabbachuu akka qabu hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Yuunivarsitii Ambootti qorataafi hayyuu saayinsii siyaasaa, Salamoon Tafarraa, Itoophiyaan qabeenya bishaan ishee fayyadamte akka hin misoomneef, deeggarsa maallaqaa dhaabbiilee liqaa kennan irraa akka hin arganneef Gibxiin harka jalaan hojjechaa turuu ishee dubbataniiru.\u00a0 Kana malees Itoophiyaan qabeenya bishaan ishee fayyadamtee lammiilee ishee dukkana keessaa baasuuf tattaaffii taasiftu akka hin milkoofne,\u00a0\u00a0 biyyoota garaagaraa waliin maqaa dippiloomaasiin shiira\u00a0 xaxaa\u00a0 turtus, hin milkoofne jedhaniiru.<\/p>\n<p>Gibxiin hidhattoota seeraan alaa Itoophiyaatti socho\u2019an deeggaruun Itoophiyaan hojii misoomaa dhiistee nageenya irratti akka xiyyeeffattuu taasisuuf shirri hojjechaa turtees galma hin geenye jedhaniiru. Biyyi farra Itoophiyaa yeroo dheeraa kun, fedhii uummata ishee kabachisuuf Itoophiyaarratti tarkaanffii barbaachisu hunda nan fudhadha jechuunis yeroo adda addaatti dhaadachaa turteetti. Dabalataanis Itoophiyaan fedhii\u00a0 hulaa galaanaa argachuuf Soomaalilaand waliin waliigaltee mallateessuu ishee hordofee, biyyootni diina ta&#8217;an,\u00a0 Itoophiyaan yoo hulaa galaanaa aragatte Bahaa Afrikaatti biyya dhiibbaa guddaa uumtuu taati sodaa jedhuu waan qabaniif,\u00a0 naannawicha madda jeequmsaa taasisuuf ammallee yaalii garaagaraa taasisaa jiraachuu qortaan kun himaniiru.<\/p>\n<p>Gibxiin fira Soomaaliyaa fakkaattee fedhii siyaasaa ishee milkeessuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Waliigalteen waraanaa Gibxiifi Soomaaliyaan taasisaniis\u00a0 gocha qaama kanaa ta&#8217;uu ibsaniiru. Haata&#8217;u malee hayyuun kun waliigalteen waraanaa biyyoonni lamaan taasisan Itoophiyaaf yaaddoo guddaa kan ta&#8217;uu miti yaada jedhan qabu.\u00a0 Sababni isaas\u00a0 seenaa\u00a0 irraa hubachuun akka danda&#8217;amu, Gibxiin yeroo garaagaraa yaali waraanaa taasifteen, yeroo\u00a0 takkollee milkaa&#8217;uu hin dandeenye jedhaniiru. Hidhattoota seeraan alaan socho&#8217;an deeggaruun; tokkummaan akka laafu taasisuun dhiibbaa uumtuus, hangas maraa birmadummaa biyyaaf kan yaaddoo ta&#8217;uu miti jedhaniiru.<\/p>\n<p>Soomaaliyaa waliin walqabatees, Itoophiyaan nageenya Somaaliyaaf gumaachitee olaanaa waan ta&#8217;eef qondaaltoonni Soomaaliyaa baay&#8217;een isaanii gocha mootummaan biyyatti taasisuu mormaa waan jiraniif, carraan Gibxiin naannawicha irratti\u00a0 dhiibbaa uumuuf taasistu gadii aanaa ta&#8217;uu hubachiisaniiru. \u00a0\u00a0Hojiin misoomaa hojjetamuu kan danda&#8217;u yoo ollaa waliin hariiroo gaariin jiraate waan ta&#8217;eef mootummaan hojii dippiloomaasii cimsee hojjechuu akka qabu qortaan kun hubachiisaniiru. Kanaan cinattis mootummaan rakkoolee biyya keessaa mudatan mariifi waliigalteen hiikuun dhimmoota tokkummaa uummataa cimsan irratti hojjechuu akka qabu himaniiru.<\/p>\n<p>Walumaagalatti waliigalteen biyyootni lamaan taasisan birmadummaa Itoophiyaaf sodaa ta&#8217;uu akka hin dandeenyeefi misooma biyyattiin hojjechuu eegaltees gufachiisuu akka hin dandeenye seenaa biyyootni kunneen qabaniifi seenaa Itoophiyaanootni olaantummaa diinarratti qaban tilmaama keessa galchuun himaniiru.\u00a0\u00a0 Hundaa ol garuu mootummaan hariiroo biyyoota ollaa waliin qabu cimsuuf hojjechuu akka qabuufi\u00a0 hojii dippiloomaasiis cimsee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Kanaan cinaatti, mootummaan rakkoolee biyya keessa muudatan mariifi waliigalteen hiikuun, tokkummaan keessoo akka cimuu hojjechuun isarraa eegama jechuun gorsaniiru. Hojiilee nageenya biyyattii keessatti mirkaneessuun guddinaafi misooma biyyaaf murteessaa waan ta&#8217;ee qaamni hunduu tumsaan hojjechuu qabas jechuun hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan qabeenya ofii fayyadamtee pirojeektoota misooma lammiilee fayyadamaa taasisan hedduu hojjechaa jirti. Kanneen keessaa inni tokko hidha haroomsa guddicha laga Abbayyaa irratti hojjetamaa jirudha.\u00a0 Hidhni haroomsaa kun deeggarsa biyyoota alaa kamiyyuu osoo hin gaafatin qabeenyaafi humna lammiilee biyyattiin kan ijaaramaa jirudha.\u00a0 Lammiileen Itoophiyaa\u00a0 Kaabaa hanga Kibbaa, Bahaa hanga Lixaa\u00a0 waan qaban irraa hir&#8217;isuun piroojaktii ijaarsisanii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":4643,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4642"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4642"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4642\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4644,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4642\/revisions\/4644"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4643"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4642"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4642"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4642"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}