{"id":4651,"date":"2024-11-09T08:28:52","date_gmt":"2024-11-09T08:28:52","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4651"},"modified":"2024-11-09T08:28:52","modified_gmt":"2024-11-09T08:28:52","slug":"siyaasa-qarome-jaarraa-kanaaf-tau-kami","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/11\/09\/siyaasa-qarome-jaarraa-kanaaf-tau-kami\/","title":{"rendered":"Siyaasa qarome jaarraa kanaaf ta\u2019u kami?"},"content":{"rendered":"<p>Olaantummaa yaadaan amane dhugaa kannen biroo dhaggeeffachuurra,\u00a0 ilaalchi kan\u00a0 ani jedhe\u00a0 ta&#8217;uu male jedhu\u00a0 Itoophiyaa barootaaf gatii kaffalchiseera, kaffalchiisaa jiras.\u00a0 Sababa kanaanis, rakkoolee mariifi waliigalteen hiikamuu danda&#8217;an, walitti bu&#8217;iinsaaf yeroo isaan sababa ta&#8217;an ni mul&#8217;atu. Sababa walitti bu&#8217;insichaanis yeroo garaagaraatti miidhaan namoomaafi qabeenya hedduu dhaqqabeera.<\/p>\n<p>Rakkoolee kanneen hiikuun biyya nageenyi ishee mirkanaa&#8217;eefi\u00a0 biyya guddinni hunda galeessa itti mirkanaa&#8217;e ijaaruuf sirna siyaasaa qaroomaa ta&#8217;eefi siyaasa olaantummaa yaadaaf dursa kennu uumuun akka barbaachisu irra deddeebiin ni ibsama.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan haariiroo uummataa paartii EZEMA Mulu&#8217;aalam Taganyawarq (Dr), aadaa siyaasaa olaantummaa yaadaaf dursa kennu ijaaruun hojii bal&#8217;aa hojjechuu akka gaafatu dubbataniiru.\u00a0 Guddina uummata biyyattii,\u00a0 haala biyyattiin irra jirtu,\u00a0 imaammata barnootaa qabduufi guddinni diinagdee ishee akkasumas imaammatni biyyattiin qabdu\u00a0 siyaasa olaantummaa yaadaaf dursa kennu ijaaruf murteessaa ta&#8217;u himaniiru. Sadarkaa yaadaatti, yaadicha fudhachuun, siyaasni olaantummaa yaadaan amanu guddina biyyaaf barbaachisaa ta&#8217;u isaa yaadicha irratti waliigaluuf qophii ta&#8217;uu ni barbaachisa jedhaniiru.Kun immoo qaama tokkon qofa kan dhufu osoo hin taane,\u00a0 tumsa waloo kan barbaadu ta&#8217;uu dubbataniiru.<\/p>\n<p>Paartiin biyya bulchaa jiru, paartilee morkattoota waliin walitti dhiheenyaafi wal amantaan yoo hojjechuu danda&#8217;an aadaa siyaasaa olaantummaa yaadaaf dursa kennu uumuun ni danda&#8217;amas jedhaniiru. Dhimmoota waloo ta&#8217;an irratti wal tumsanii hojjechuufi waliin dhaabbachuu, garaagarummaa siyaasaa jiru irratti immoo wal falmuu, mari&#8217;achuufi yaadaan wal amansiisuu, siyaasni dirree nageenyaa akka ta&#8217;eefi rakkoolee sababa siyaasaan dhaqqaban hambisuu,\u00a0 kanaaf immoo mootummaa itti gaafatamummaa fudhachuu danda&#8217;u uumuun siyaasa qarooma ta&#8217;e agarsiisa jedhaniiru.<\/p>\n<p>Aadaan siyaasaa qaroomaa ta&#8217;e sirna siyaasaa olaantummaa yaadaan amanu kan of keessatti qabatu ta&#8217;u dubbataniiru.\u00a0 Siyaasni qaroomaa sirna siyaasaa,\u00a0 Paartiileen morkattootaa boordii filannoo biyyaalessaa irraa beekamtii seera qabeessa argatanii, uummataafi deeggartoota isaanii yaadaan kan itti dammaqsan, olaantummaa yaadaan kan itti amananiifi sirna filannootiin aangoo kan itti qabataniidha. Kunis yaada boodatti hafaa, siyaasaa jibbinsaafi yaada \u2018anatu siif\u2019 beeka jedhu kan hambisu ta&#8217;uu dubbataniiru. Qaamni hunduu yaada isaa qabatee dhiyaata, hawaasnis yaada naaf ta&#8217;a jedhu karaa dimookiraatawaa ta&#8217;een carraa ittiin filatu ni uumamaaf jedhaniiru.<\/p>\n<p>Adeemsi akkanaa kun akka milkaa&#8217;uuf immoo mootummaan,\u00a0 paartiilee siyaasaas ta&#8217;e kanneen mootummaa morman, dhaabiileefi qaamolee yaada garaagaraa qaban obsaan ofitti hammachuu akka qabu dubbataniiru. \u2018\u2019Mootummaan seeraafi heeraan hogganamuun lammiilee biyyattiif fakkeenya ta&#8217;uu qaba jedhaniiru.\u00a0 Aadaa siyaasaa yaadaan amanu ijaaruuf mootummaan akka mootummaatti hojii paartiifi mootummaa adda baasee hojjechuu danda&#8217;u, jiraachuu qaba\u2019\u2019 kan jedhan Dr. Mulu&#8217;aalam, mootummaafi paartii adda baasnee yoo hojjenne malee siyaasni ammayyaa nuti yaadnu dhufuu hin danda&#8217;u jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hojiin mootummaafi paartii yeroo gargar bahu, dhaabbileen dimookraasii ni babal&#8217;atu,\u00a0 dhaabbileen dimokiraasii walaba ta&#8217;an immoo gahee mootummaafi paartii kabachisuu keessatti gahee isaan seeraan akka bahatan kan taasisuu ta&#8217;u dubbataniiru. Lammiileenis mootummaarraa amantaa akka qabatan ni taasisa jedhaniiru. Lammiin bordii filannootti amanu, kaardii filannoo ni baasa, ni filatas, bu&#8217;aa filannoo sanatti amantaa akka qabaatu taasisa jedhaniiru. Mootummaan filannoon aangoo qabate immoo siyaasa olaantummaa yaadaaf dursa kennuufi siyaasa ammayyaa tarkaanfachisa jechuun himaniiru.<\/p>\n<p>Yuunvarsitii Ambootti, barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta&#8217;an Salamoon Tafarraa, \u2018\u2019Paartiileen morkattootaa mormuu yookiin deeggaruu qofaaf miti kan ijaaraman; gaheen isaanii inni guddaan imaammata siyaasaa haaraa biyyattii fayadamaa taasisuufi siyaasaa yaadaan mo&#8217;achuu danda&#8217;u dhiyeessudha\u2019\u2019 jedhaniiru. Akka isaan jedhaniitti, bakka olaantummaan yaadaa hin jirreetti, olaantummaa siyaasaa mirkaneessuun rakkisaadha.<\/p>\n<p>Siyaasaa jibbiinsa irraa bahuun walitti dhiyaachuuniifi waliin mari&#8217;achuun, garaagarummaa jiru dhiphisuun dhimmoota waloo ta&#8217;an irratti tumsaan hojjechuun siyaasni qaroomaa ta&#8217;e kan ittiin ibsamu isa tokko ta&#8217;uu barsiisaan kun himaniiru.\u00a0 Garaagarummaa siyaasaa gara cinaatti dhisuun guddinaafi nageenya biyyaaf dursa kennuun hojjechuun barbaachisaa ta&#8217;uusaati kan kaasan.\u00a0 Gama kanaan siyaasni biyyattii keessa jiru fooyya&#8217;insa hedduu agarsiisaa jiraatuus, rakkoooleen\u00a0 hin furamne hedduun akka jiranis eeraniiru. Itoophiyaanootni\u00a0 rakkooleefi waldhabdee kan ittiin furan aadaa miidhagaa hedduu qabaachuu kan\u00a0 kaasan hayyuun kun,\u00a0 \u2018\u2019aadaa keenya fayyadamne rakkoolee uumaman furuun tokkummaa keenya cimsuufi dhaloota olaantummaa yaadaan amanu ijaaruu qabna\u2019\u2019 jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan haariiroo uummataa Paartii EZEMA Mulu&#8217;aalam Taganyeewarq (Dr) gama isaaniin haalli siyaasaa amma jiru rakkisaa ta&#8217;uu kaasaniiru. Dhaabbileen sirna dimookiraasii haala barbaachisaa ta&#8217;en hin raawwatamne, paartiin amma biyya bulchaa jiruus gahee hojii mootummaafi paartii adda baasee hojjechuu irratti dadhabina qabaachuufi sirreeessuufis qophii akka hin taane komataniiru.<\/p>\n<p>Barsiisaa saayinsi siyaasaa kan ta&#8217;an Salamoon Tafarraa, biyyi kan misoomtuufi kan guddattu siyaasni tasgabaa&#8217;an yoo jiraatedha jedhanii, akka biyyaatti\u00a0 ijaarsa sirna dimookiraasii keessatti hojii guddaa hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru. Keessattuu rakkoo caasaa gadii mootummaa keessa jiru furuuf kutannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru.\u00a0 Dirreen siyaasaa yoo dhiphates filannoowwan kanneen biroo ilaallachuudha malee waraana filaannoo taasisuun arsaa guddaa kan kaffalchisuu ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Dhalotaafi sirna siyaasaa\u00a0 olaantummaa yaadaan amanuu ijaaruun immoo mootummaa qofaaf kan dhiifamu osoo hin taane, paartiileen morkattootaafi qaamoleen gahee qabeessoota biroon,\u00a0 gahee isaan irraa eegamu bahachuu qabu jedhaniiru. \u2018\u2019Rakkooleen biyya kamiyyuu keessatti uumamu ni danda&#8217;a\u2019\u2019 kan jedhan hayyuun kun,\u00a0 haata&#8217;uu malee rakkooleen uumaman kunneen qawween osoo hin taane mariifi waliigalteedhaan hiikamuu akka qaban hubachiisaniiru. Rakkoolee uumaman olaantummaa yaadaan amansiifne hiikuu dadhabuu keenyaan, kutaalee biyyatti garaagaraa keessatti yeroo ammaas waraanniifi miidhaan hedduu dhaqqabaa jiraachuu eeraniiru. Rakkoolee muudatan furuuf paartiin biyya bulchaa jiru dabalatee, paartiileen morkattootaa, abbootiin amantaafi jaarsooliin biyyaa gahee isaan irraa eegamu bahachuu qabu.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Olaantummaa yaadaan amane dhugaa kannen biroo dhaggeeffachuurra,\u00a0 ilaalchi kan\u00a0 ani jedhe\u00a0 ta&#8217;uu male jedhu\u00a0 Itoophiyaa barootaaf gatii kaffalchiseera, kaffalchiisaa jiras.\u00a0 Sababa kanaanis, rakkoolee mariifi waliigalteen hiikamuu danda&#8217;an, walitti bu&#8217;iinsaaf yeroo isaan sababa ta&#8217;an ni mul&#8217;atu. Sababa walitti bu&#8217;insichaanis yeroo garaagaraatti miidhaan namoomaafi qabeenya hedduu dhaqqabeera. Rakkoolee kanneen hiikuun biyya nageenyi ishee mirkanaa&#8217;eefi\u00a0 biyya guddinni hunda [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":4652,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4651"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4651"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4651\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4653,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4651\/revisions\/4653"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4652"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4651"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4651"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4651"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}