{"id":4654,"date":"2024-11-09T08:31:21","date_gmt":"2024-11-09T08:31:21","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4654"},"modified":"2024-11-09T08:31:21","modified_gmt":"2024-11-09T08:31:21","slug":"4654","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/11\/09\/4654\/","title":{"rendered":"\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Barbaachisummaafi Dhiibbaa Hirribni Fayyaa Namaaf Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Fayyaa bultii dhabuun akkuma hirriba keenya jeequ, hirriba gahaa dhabuunis fayyaarratti dhiibbaa qaba. Hirribni jireenya namaaf murteessaadha. Qaamaafi sammuu boqochiisuufi dandamachiisuu bira darbee sammuu ni haaromsa jedhu ogeessonni fayyaa. Akka addunyaatti yoo ilaalamu namoota hedduurratti hirribba dhabuun kan mul\u2019atudha. Innis hirribni nama fudhachuu diduu, hirriba itti fufaa qabaachuu dadhabuufi halkan osoo lafti hinbariine hirriba keessaa dammaqanii hirribatti deebi&#8217;uu dadhabu fa\u2019a of keessatti hammata.<\/p>\n<p>Qorannnoon fayyaa\u00a0&#8216;PLoS Medicine study&#8217; jedhamu haala hirribaafi fayyaa hojjettoota mootummaa\u00a0 Yuunaaytid Kingidam (UK) qo\u2019ateera. Hirmaattonni qorannichaa kuma saddeet guyyaatti sa\u2019aatii meeqa akka rafan gaaftamaniiru. Dhukkuboota kanneen akka sukkaaraa, kaansariifi onnnee qabaachuuf dhiisuu isaanii beekuuf qoratamaniiru. Qorannichaanis namoonni waggaa 50 keessa jiran sa\u2019aatii shan qofa rafan, kanneen sa\u2019aatii torba rafan caalaa harka 30\u2019n dhukkuba garaagaraaf saaxilamoo ta&#8217;uun mirkanaa&#8217;eera. Qorannoon Ingilaanditti hojjetame tokko akka agarsiisutti, namoonni hirriba ga\u2019aa argatan umuriin isaanii isaan hin arganne caalaa dheeraadha. Daarektarri wiirtuu hirribaa UK Piroofeesar Derk Jaan Diijik af-gaaffii BBC waliin taasisaniin, sa\u2019aatii gabaabaa rafuun walumaagalatti fayyaaf gaarii akka hin taane eeraniiru. Yeroo gabaabaa rafuunis ta&#8217;e sa\u2019aatii dheeraa rafuun fayyaa dhala namaa hubuu mala jedhaniiru.<\/p>\n<p>Miidiyaan hawaasaa &#8216;Saayinsii Deeyilii&#8217; jedhamuun beekamu ga\u2019eessonni fayya qabeeyyii ta&#8217;an\u00a0 yeroosaanii hamma gorfameen gadis ta&#8217;e ol hirribaan kan dabarsan yoo ta&#8217;e dhukkuba sukkaaraa gosa lamaaf saaxilamuu akka danda&#8217;an gabaaseera. Akka bu&#8217;aan qorannoo Garee Qorattoota Idil-addunyaa Yuunivarsiitii Vaander Beelti agarsiisutti, hammi hirribaa ogeessa fayyaan gorfamuu olis ta&#8217;e gadi rafuun dhukkuba sukkaaraa kan hordofsiisu ta&#8217;uu mirkaneesseera. Guyyaatti sa&#8217;aatii torbaa gadi yookin sa&#8217;aatii sagal ol rafuun carraa dhukkuba sukkaaraa kan fidu akka ta&#8217;e ogeeyyiin kunneen ifoomsaniiru. Sababnisaas, hirriba gahaa hintaane qabaannaan insuliiniin qaama namaa keessatti waan baay&#8217;atuuf miira dadhabbii hamaaf akka nama saaxiluu kaasaniiru. Miirri dadhabbii garmalee kunis hirriba sa&#8217;aatii dheeraa waan fiduuf kunis ka\u2019umsa dhukkuba sukkaaraa ta&#8217;uu akka malu addeessaniiru.<\/p>\n<p>Hirmattoonni qorannichi irratti adeemsifame lakkoofsaan kuma 36 yoo ta&#8217;an sadarkaa umurii, dirree hojii adda addaa keessa kanneen jiraniifi naannoo jireenyaa garaagaraa irraa warreen babba&#8217;anidha.\u00a0 Ogeessoonni deebii hirmaattonni kun deebisan xiinxalan, namoonni guyyaatti hirriba sa\u2019aatii torbaa gadi kan ogeeyyiin gorsan caalaa dabarsan dhukkuba sukkaaraa gosa lamaaf saaxilamuu akka danda\u2019an mirkaneessaniiru. Ogeessonni kun namoonni yeroo hirriba baay&#8217;ee gabaabaa ta&#8217;e akka qabaataniif kan saaxilu nyaata madaalawaa hin taaneefi sochii qaamaa gochuu dhabuu akka ta&#8217;e hubachiisaniiru.\u00a0Yeroon hirribaa hamma gorfamuun ol qabaachuunis kahumsa dhukkuba sukkaaraaf sababa ta&#8217;uusaa akeekaniiru.<\/p>\n<p>Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa Hospitaala Riifeeraalaa yuunivarsiitii Wallaggaatti ogeessa dhukkuba qaama keessaati.\u00a0 &#8220;Akkuma amaloota jireenya dhala namaa keessatti sooranniifi sochiin qaamaa haala fayyummaa namaaf gahee olaanaa qabaniitti, hirriba gahaa rafuunis fayyaa keenyaaf gahee guddaa qaba&#8221; jedhaniiru. Hirribni yaada xiinxaluuf, faara gaarii qabaachuuf, xiyyeeffannoo, nyaataafi dhugaatii gara anniisaatti jijjiiruuf kan gargaaru ta&#8217;uu akeekaniiru. Namni fayya buleessi tokko giddu galeessaan sa&#8217;aatii 24 keessatti sa&#8217;aatii 7- 8 rafuu akka qabu gorsaniiru. Akka ogeessi kun jedhanitti, sammuun dhala namaa yeroo hirribaatti waan guyyaa hojjetaa oole xiinxalaa bula.\u00a0 Hirribni dhabamnaan ammoo hojiisaa idileerratti dhiibbaa qaba. Ogeessichi faayidaa hirriba gahaa rafuu keessaa muraasa akka armaan gadiitti tarreessaniiru:<\/p>\n<p>* Hirriba gahaa argachuun dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa dabala<\/p>\n<p>* Dandeettii waayaadachuu keenyaafi waan haaraa kalaquu dabala.<\/p>\n<p>* Sammuun akka sirriitti yaaduufi waan tokko irraatti xiyyeeffatuufi murtoo gaarii akka murteessuuf gahee guddaa qaba.<\/p>\n<p>* Ulfaatina madaalawaa akka qabaannuuf garagaara<\/p>\n<p><strong><em><u>Doktar Gurmeessaan haala ittiin hirriba gahaa rafuun danda&#8217;amu akka armaan gadiitti gorsaniiru<\/u><\/em><\/strong><\/p>\n<ul>\n<li>Yeroo hunda sa\u2019aatii hirribaaf gara ciisichaatti deemnuufi sa\u2019aatii itti hirriba irraa kaanu walfakkaataa taasisuu.<\/li>\n<li>Sochii qaamaa taasisuu.<\/li>\n<li>Hirriiba guyyaa irraa of qusachuu, yoo dirqama rafuun kan nu barbaachisu ta\u2019e turtii hirriba guyyaa guyyaa rafnuu xiqqeessuu.<\/li>\n<li>Gara ciisichaa deemuun duratti wantoota qaama si\u2019eessan irraa of qusachuu.<\/li>\n<li>Nyaataafi dhugaatii baay&#8217;inaan\u00a0 fudhachuu dhiisuu<\/li>\n<li>Yeroo rafuuf gara siree deemnu, kitaabilee adda addaa dubbisuu, muuziqaalee (kilaasikaalii) garaagaraa dhaggeeffachuun carraa rafuu ni dabala.<\/li>\n<\/ul>\n<p>Akka barreeffama armaan olii kanarraa hubatamuun danda\u2019amuutti, hirriiba dhabuun rakkoolee fayyaa adda addaatiif nu saaxiluu ni danda\u2019a. waan kana ta\u2019eef hirriiba gahaa ta\u2019e yeroon argachuun murteessaadha.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Fayyaa bultii dhabuun akkuma hirriba keenya jeequ, hirriba gahaa dhabuunis fayyaarratti dhiibbaa qaba. Hirribni jireenya namaaf murteessaadha. Qaamaafi sammuu boqochiisuufi dandamachiisuu bira darbee sammuu ni haaromsa jedhu ogeessonni fayyaa. Akka addunyaatti yoo ilaalamu namoota hedduurratti hirribba dhabuun kan mul\u2019atudha. Innis hirribni nama fudhachuu diduu, hirriba itti fufaa qabaachuu dadhabuufi halkan osoo lafti hinbariine hirriba keessaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":4655,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4654"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4654"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4654\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4656,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4654\/revisions\/4656"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4655"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4654"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4654"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4654"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}