{"id":4660,"date":"2024-11-09T08:34:32","date_gmt":"2024-11-09T08:34:32","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4660"},"modified":"2024-11-09T08:34:32","modified_gmt":"2024-11-09T08:34:32","slug":"dhiibbaa-tiraamp-yukreen-baha-giddu-galeessaa-chaayinaafi-afrikaarratti-fiduu-dandaan","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/11\/09\/dhiibbaa-tiraamp-yukreen-baha-giddu-galeessaa-chaayinaafi-afrikaarratti-fiduu-dandaan\/","title":{"rendered":"Dhiibbaa Tiraamp Yukreen, Baha Giddu-Galeessaa, Chaayinaafi Afrikaarratti Fiduu Danda\u2019an"},"content":{"rendered":"<p>Filannoo pirezdaantummaa Ameerikaa Onkololeessa 27\/2017 taasifameen\u00a0 Doonaald Tiraamp qabxii pirezdaantii biyyattii isaan taasisuu danda\u2019u argachuu danda\u2019aniiru. \u00a0Doonaald Tiraamp gara Waayit Hawsitti deebi\u2019uun imaammata alaa Ameerikaa irra deebi\u2019anii jijjiruuf kan qophaa&#8217;an yoo ta&#8217;u, waraanaafi rakkolee kutaalee addunyaa adda addaa keessatti mul&#8217;atu jijiiruuf waadaa galaniiru.<\/p>\n<p>Duula filannoo taasisanirratti Tiraamp waraana Raashiyaa fi Yukireen gidduu jiru \u201cguyyaa tokkotti\u201d xumuruu akka danda\u2019an irra deddeebi\u2019anii dubbataniiru. Akkamitti akka ta&#8217;e yeroo gaafataman waliigaltee taasisuun to&#8217;achuuf yaada dhiyeessuurraan kan hafe addatti hin ibsine. Barreeffamni qorannoo hoggantoota nageenya biyyaalessaa duraanii Tiraamp lama, Caamsaa keessa barreessan akka jedhutti, Ameerikaan dhiyeessii meeshaa waraanaa Yukireeniif qabdu itti fufuu qabdi, garuu deeggarsa kana Kiiyev Raashiyaa waliin marii nagaa akka seentu haal-duree akka ta\u2019u ibseera.<\/p>\n<p>Raashiyaa sossobuuf, biyyoonni Dhihaa Yukireen \u2018NATO\u2019 keessa akka hin seenne tursiisuuf waadaa galu. Tiraamp waraana xumuruufi miidhaa qabeenya Ameerikaa irra gahu hambisuun hojii isaanii dursaa akka ta\u2019e yeroo hedduu ibsaniiru. Waraqaaleen gorsitoota duraanii yaada Tiraamp hangam akka bakka bu&#8217;an ifa miti. Tiraampi akkuma kan Yukireen, Baha Giddu Galeessaattillee \u201cnagaa\u201d buusuf waadaa galaniiru. Lola Israa\u2019el fi Hamaas Gaazaa fi waraana Israa\u2019el fi Hizboolaah Libaanos keessatti akka xumuran akeekuu malee akkamitti akka ta\u2019e hin dubbanne. Iraan wayita Tiraamp waliigaltee seena qabeessa hariiroo dippilomaasii Israa\u2019elii fi biyyoota Arabaa fi Musliimaa hedduu gidduu jiru idileessuuf \u201cWaliigaltee Abrahaam\u201d jechuun hojjataa turetti caalaatti adda baafamtee turte.<\/p>\n<p>Ameerikaan imaammata alaa ishee keessatti hariiroo tarsiimowaa akkasumas nageenyaafi daldala addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qabu Chaayinaa waliin qabdi.Tiraamp yeroo aangoo irra turan Chaayinaan \u201cdorgomtuu tarsiimoo\u201d jechuun waamuun Chaayinaan gara Ameerikaatti galchitu tokko tokko irra taaksii kaa&#8217;aniiru. Kunis Beejiing galtee gara Ameerikaa galchitu irrati qaraxa dabalataa akka kanfaltu taasisa.<\/p>\n<p>Pirezidaantichi Chaayinaa to\u2019achuuf jecha mala bulchiinsi BaayidIn biyyoota naannoo biroo waliin tumsa nageenyaa cimaa Ameerikaa ijaaruu irraa fagaachuu waan malu fakkaata. Ameerikaan Taayiwaan ofiin of bulchaa jirtuuf waraanaan gargaaruf jette jirti, Chaayinaan akka bulchiinsa addaan baatee yeroo booda to\u2019annoo Beejiing jala jirtutti ilaalti.Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi\u2019uu hordofee, Pirezidaanti Shiin maraataa fi balaafamaa ta\u2019uu isaanii waan beekaniif, humna waraanaa fayyadamuun uggura Chaayinaan Taayiwaan irratti hin raawwanne ittisuu akka hin qabne dubbataniiru, akkasumas meeshaalee Chaayinaan galfaman irratti taarifa dabalataa akka kaa\u2019an dubbataniiru.<\/p>\n<p>Eejjannoo Tiraamp gama Afriikaaf qaban muraasa isaa yeroo ilaallu, Tiraamp yeroo pireezdaantummaarraa fagaatanii turan, Raashiyaan qooda Afriikaarratti qabdu dabaltee turte. Hirmaannaa Raashiyaan taasisaa turte kun Ameerikaan akka dammaqtu taasiseera. Tiraamp yeroo duraan aangorra turan biyyoota Afriikaa kanneen akka Naayjeriyaa, shoorarkessitoota akka qabsa\u2019aniif gargaarsa taasisaa turaniiru. Eejjannoon Tiraamp keessumaayyuu godaantoota seeraan alaarratti qaban Afriikaanoota baay\u2019ee ta\u2019an yaaddoo keessa galcheera. Fakkeenyaaf \u2018Newsite Taifo\u2019 Keeniyaa akka gabaaseetti, godaantonni kuma 160 biyya Afriikaa Bahaa kanarraa godaanan Ameerikaatti qoqqoodinsi nurratti dhaqqabuu ni danda\u2019a jedhuun sodaa asumaan qaban ibsaa jiru.<\/p>\n<p>Madda: BBC<\/p>\n<p>Buruuk Tashoomaatiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Filannoo pirezdaantummaa Ameerikaa Onkololeessa 27\/2017 taasifameen\u00a0 Doonaald Tiraamp qabxii pirezdaantii biyyattii isaan taasisuu danda\u2019u argachuu danda\u2019aniiru. \u00a0Doonaald Tiraamp gara Waayit Hawsitti deebi\u2019uun imaammata alaa Ameerikaa irra deebi\u2019anii jijjiruuf kan qophaa&#8217;an yoo ta&#8217;u, waraanaafi rakkolee kutaalee addunyaa adda addaa keessatti mul&#8217;atu jijiiruuf waadaa galaniiru. Duula filannoo taasisanirratti Tiraamp waraana Raashiyaa fi Yukireen gidduu jiru \u201cguyyaa tokkotti\u201d [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":9,"featured_media":4661,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4660"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/9"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4660"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4660\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4662,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4660\/revisions\/4662"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4661"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4660"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4660"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4660"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}