{"id":4678,"date":"2024-11-23T09:22:58","date_gmt":"2024-11-23T09:22:58","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4678"},"modified":"2024-11-23T09:22:58","modified_gmt":"2024-11-23T09:22:58","slug":"hariiroon-mootummoota-naannolee-walitti-dhufeenya-uummataa-cimsuuf-murteessaa-tauu-ibsame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/11\/23\/hariiroon-mootummoota-naannolee-walitti-dhufeenya-uummataa-cimsuuf-murteessaa-tauu-ibsame\/","title":{"rendered":"Hariiroon Mootummoota Naannolee Walitti Dhufeenya Uummataa Cimsuuf Murteessaa Ta\u2019uu Ibsame"},"content":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootaa hedduuti. Biyya afaan\u00a0 aadaafi eenyummaa hedduu qabduufi biyya tokkummaa uummataan ijaaramtedha.\u00a0 Uummatni biyyattii afaan,\u00a0 aadaafi eenyummaa waliif kabajee inni tokko isa biraaf dahoo ta&#8217;uun,\u00a0\u00a0 uummata waliin jiraatuufi hariiroo cimaa qabudha.\u00a0 Uummatni Itoophiyaa garaagarummaan osoo isaa hin daangeessin,\u00a0 yeroo rakkoo kan waliin dhaabbatte, gammachuus\u00a0 kan waliin qooddatte uummata hariiroo guddaa qabudha.\u00a0 Hariiroon uummattota gidduu jiru kun immoo guddinaafi ijaarsa biyyaa cimsuu keessatti gaheen inni qabu daran olaanaadha.<\/p>\n<p>Hariiroo uummattootaa cimsuun, uummatni biyyattii\u00a0 tokkummaafi obbolummaadhaan akka waliin jiraatan kan\u00a0 taasisudha. Tasgabbiifi nageenya biyyaafis bakka olaanaa qaba.\u00a0 Bakka rakkooleen garaagaraa mudatanittis walii birmatanii, waltumsanii bifa obbolummaadhaan akka hiikan taasisuuf\u00a0 faayidaan tokkummaa guddaadha.\u00a0 Bakka hariiroon cimaa uummattoota gidduu jiruutti, aadaa, afaan, amantaafi eenyummaan saba tokko, saba kaan biratti akka kabajamu taasisaa.\u00a0 Garaagarummaa jiru gara tokkummaatti fiduun,\u00a0 uummatni akka waliin jiraatu ni taasisa.<\/p>\n<p>Hariiroo uummattoota\u00a0 cimsuudhaaf garuu hariiroon mootummootni naannoolee qaban murteessaadha. Hariiroon mootummoota naannoolee gidduu jiru, tokkummaa uummataa cimsuu keessatti faayidaa guddaa qabaachuu afa yaa&#8217;iin mana maree bulchiinsa sablammii Oromoo aadde Faaxumaa Mollaa dubbataniiru. \u2018\u2019Uummatni hogganaa isaa fakkaata waan ta&#8217;eef hariiroon mootummoonni naannoolee qaban, hariiroo, obbolummaafi waliin jireenya uummattootaa cimsuuf gahee olaanaa qaba\u2019\u2019 jedhaniiru. Dabalataan tokkummaa mootummaawaa uumuudhaafis hariiroon naannoolee barbaachisaa ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Yaadaafi ilaalcha adda addaa mootummoota naannoolee gidduu jiru gara tokkotti fiduun, uummataafi uummata walitti fiduufi fayyadamummaa ummattootaa mirkaneessuuf hariiroo irratti ciminaan hojjetamuu akka qabu himaniiru.\u00a0 &#8220;Biyya tokkitti qabnu ijaaruudhaaf hoggantootni mootummoota naannoolee walitti dhiyaatanii tokkummaafi obbolummaa uummataa irratti hojjechuu qabu&#8221; jechuun gorsaniiru. Tokkummaafi nageenya biyyaa eegsisuufis hariiroon naannoolee murteessaa ta&#8217;uu himaniiru.\u00a0 Hojiileen gama\u00a0 misoomaafi bulchiinsa gaariitiin hojjetaman akka biyyaatti ilaalanii hojjechuun lammiilee hunda sabaan, amantaan, aadaafi eenyummaan osoo wal hin qoodin akka fayyadaman taasisuun irra jiraataas jedhaniiru.<\/p>\n<p>Akka afa yaa\u2019iin kun jedhaniitti, hojiiwwan misoomaa naannoo Oromiyaatti hojjetamu kan naannoon Amaaraafi kanneen hafan itti fayyadaman, kan naannoo Amaaraatti hojjetaman immoo naannoon Oromiyaa, naannoon Affaar, naannoon Tigraayifi naannooleen biroo kan itti fayyadaman ta&#8217;uu qaba. Hojmaanni kun ijaarsa biyyaa keessatti gahee guddaa qabaachuu kaasaniiru.\u00a0 Garaagarummaan hedduu jiraatuus, uummatni akka uummataatti tokko ta&#8217;uu amananii,\u00a0 mootummootni naannoolee hojii uummata biyya kanaa,\u00a0 walitti fiduu danda&#8217;uu hojjechuu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itti aantuun afa yaa&#8217;ii bulchiinsa sablammii Oromoo, aadde Hawwaa Mohaammad gama isaaniin, hariiroon mootummoota naannoolee cimsuun,\u00a0 guddina waloof murteessaa ta&#8217;uu dubbataniiru.\u00a0 Naannooleen hundi garaagaruummaa qaban gara tokkotti fiduun, yoo hariiroo isaanii cimsan,\u00a0 rakkooleen nageenya yeroo ammaa iddoolee adda addaatti mul&#8217;atan furmaata akka argatan amantaa qaban ibsaniiru.\u00a0 Uummatni nagaan bahee akka\u00a0 galu, bakka barbaade hojjetee akka jiraatu taasisuufis hariiroon mootummoota naannoolee wabii ta&#8217;uu akka danda&#8217;uu himaniiru.\u00a0 &#8220;Nageenya waloofi \u00a0misooma waloo akka qabaannus nu taasisa&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Guddina biyyaa jalqabameef gumaachi naannooleen taasisan murteessaa waan ta&#8217;eef,\u00a0 wal tumsanii, hariiroo uummata isaanii cimsanii, uummatni bobba&#8217;ee akka galu taasisuun, waliin misoomuufi biyya ceesisuu irratti hojjetamuu akka qabu hubachisaniiru. Gama kanaan hariiroon mootummota naannoolee Amaaraafi Oromiyaa uummata fayyadamaa taasisuu keessatti gahee olaanaa waan qabaniif, mootummotni naannoole lamaan hariiroo isaanii cimsuun nageenyaafi waliin jireenya uummataa mirkaneessuuf walitti dhiyaatani hojjechuu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Uummatni Amaaraa,\u00a0 naannoo Oromiyaa keessattis ni jiraataa,\u00a0 uummanni Oromoos naannoo Amaaraa keessa kan jiraatu waan ta&#8217;eef, naannooleen Amaaraafi Oromiyaa tokko ta&#8217;anii waliin jireenyaafi fayyadamummaa uummataaf hojjechuu qabu jedhan aadde Faaxumaan turtii AMECO waliin taasisaniin. Uummattoota lamaan gidduutti rakkoon akka hin jirre kan himan aadde Faaxumaan, mootummaan of ilaaluufi rakkoolee uummata waliirraa fageessan qorachuun furmaata kennuutu irra jiraata jedhaniiru. Rakkoon naannoo Oromiyaa keessa jiru, rakkoo naannoo Amaaraa ta&#8217;uu, rakkoon naannoo Amaaraa keessa jirus kan naannoo Oromiyaa ta&#8217;uu hubachuun, rakkoolee gama lamaan jiran waloon furuuf, hoggantootni yeroo kamiyyuu caalaa tokko ta&#8217;anii\u00a0 hojjechuu qabu jedhaniiru. Misoomaafi bulchiinsa gaariitinis, waltumsanii hojjechuu akka qaban himaniiru.<\/p>\n<p>Gammaachuun naannoo Amaaraa jiru, kan naannoo Oromiyaa ta&#8217;uu qaba, gammachuun naannoo Oromiyaarra jirus kan naannoo Amaaraa ta&#8217;uu qaba jedhaniiru. \u2018\u2019Hojiin naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamu kan uummata naannoo Amaaraa fayyadu ta&#8217;uu qaba\u2019\u2019 kan jedhan aadde Faaxumaan, kan naannoo Amaaraa keessatti hojjetamus uummata Oromoo kan fayyaduu ta&#8217;uu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, waliin jireenyaafi tokkummaa uummataa mirkaneessuuf mootummonni naannoolee Amaaraafi Oromiyaa haala mijeessummaa mootummaa federaalaatiin irra deddeebiin marii taasisuu isaanii himaniiru. Rakkoolee muudatan ka&#8217;umsa isaanii adda baafachuun furmaata akka argatan tattaaffii hedduun taasifamuu himaniiru. Hayyoonii gama naannoolee lamaaniin jiran nageenyaafi tokkummaa uummataa haala cimsuun danda&#8217;amurratti yeroo garaagaraa marii taasisuus ibsaniiru.<\/p>\n<p>Itti aantuun afa yaa&#8217;ii bulchiinsa sablammiichaa aadde Hawwaa Mohaammad , uummatni akka uummataatti baroota dheeraaf\u00a0 tokkummaafi jaalalaan kan waliin jiraateefi uummata biratti rakkoon kan hin jirre ta&#8217;uu\u00a0 himanii, rakkoon jiru\u00a0 finxaaleessuummaa gama lamaan jiran waan ta&#8217;eef\u00a0 gaggeessitootni rakkoo kana hiikuuf waloon hojjechuun qabu jedhaniiru. Naannoolee lamaan kunneen qulqullina gaggeessaa irrattis xiyyeeffannoon hojjechuun rakkoolee uumaman mariin akka furaman taasisuun itti fayyadamummaa uummataaf hojjechuun barbaachisaa ta&#8217;uu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootaa hedduuti. Biyya afaan\u00a0 aadaafi eenyummaa hedduu qabduufi biyya tokkummaa uummataan ijaaramtedha.\u00a0 Uummatni biyyattii afaan,\u00a0 aadaafi eenyummaa waliif kabajee inni tokko isa biraaf dahoo ta&#8217;uun,\u00a0\u00a0 uummata waliin jiraatuufi hariiroo cimaa qabudha.\u00a0 Uummatni Itoophiyaa garaagarummaan osoo isaa hin daangeessin,\u00a0 yeroo rakkoo kan waliin dhaabbatte, gammachuus\u00a0 kan waliin qooddatte uummata hariiroo guddaa qabudha.\u00a0 Hariiroon [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4679,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4678"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4678"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4678\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4680,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4678\/revisions\/4680"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4679"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4678"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4678"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4678"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}