{"id":4687,"date":"2024-11-23T09:30:58","date_gmt":"2024-11-23T09:30:58","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4687"},"modified":"2024-11-23T09:30:58","modified_gmt":"2024-11-23T09:30:58","slug":"tokkummaa-sabdaneessaa-cimsuuf-seenessa-waloo-irratti-xiyyeeffatanii-hojjechuu-gaafata","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/11\/23\/tokkummaa-sabdaneessaa-cimsuuf-seenessa-waloo-irratti-xiyyeeffatanii-hojjechuu-gaafata\/","title":{"rendered":"Tokkummaa Sabdaneessaa Cimsuuf Seenessa Waloo Irratti Xiyyeeffatanii Hojjechuu Gaafata"},"content":{"rendered":"<p>Seenessi bu\u2019aa ida\u2019ama dhugaawwan, afoolaawwan, seenaawwan, taateewwaniifi\u00a0 odeeffannoowwan dhala namaatti himamaniidha. Seenessa kana yoo karaa hin taaneen fayyadamne miidhaa inni biyya irratti dhaqqabsisu olaanaadha.\u00a0 Keessumaa, seenessi sobaa diigumsa biyyaaf sababa guddaadha.\u00a0 Seeneffamni sobaa biyya keenya waggoottan\u00a0 kurnan sadii ol darbaniif,\u00a0 gatii\u00a0 guddaa kaffalchiseera, kaffalchiisaa jiras.\u00a0 Lammiileen eenyummaa isaaniin ajjeefaman akkasumas qe&#8217;ee dhalatanii guddatan irraa akka buqqaa&#8217;an taasifaman manni ha-lakkaa\u2019u.<\/p>\n<p>Sababa seenessa sobaatiin, lammiileen qabeenya barootaaf horatan hedduun jalaa barbadaa&#8217;ee rakkoo hamaaf saxilamanis lakkoofsaan xiqqaa miti.\u00a0 Seeneffamni sobaa waggoota dheeraaf hojjetamaa ture kun,\u00a0 nageenyaafi tasgabbii biyyaa irrattis dhiibbaa guddaa dhaqqabsisaa tureera, dhaqqabsisaa jiras. Gorsaan hawaasummaa minsteera muummee Mu\u2019aaza Xibabaat Diyaaqoon Daani&#8217;eel Kibrat, kitaaba dhiyeenya kana &#8220;yetirrikt idaannaa barakat&#8221;jedhu maxansisaniin, seenessi ta&#8217;ee jedhamee qophaa&#8217;uun kan himamu ta&#8217;uu ibsaniiru. Seenessi yeroo baay&#8217;ee, seenaa, amantaa, aadaafi ilaalcha kan of keessaa hammatu yoo ta&#8217;uu, sababni seeneffamuufis qabaachuu kaasaniiru. \u2018\u2019Seenessotni gaarummaafi miidhaan isaan qaban, namoota seenessa uuman yookiin bocan irratti hunda&#8217;a\u2019\u2019 kan jedhan barreessaan kun, seenessotni yoo kaayyoo gaariif qopha&#8217;an, uummattoota biyya tokko gidduutti waliigalteefi tokkummaa uumuuf\u00a0 faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Tokkumaafi obbolummaa cimsuun misoomaafi guddina biyyaa mirkaneessuuf gaheen isaan qaban guddaa ta&#8217;uu hubachisaniiru.\u00a0 Kaayyoo badaaf yoo qopha&#8217;aan garuu jibbinsaafi walitti bu&#8217;insaaf kan saaxilaniidha jedhaniiru.Kufaatiifi diigumsa biyyaafis sababa ta&#8217;uu akka malan eeraniiru.\u00a0 Kaayyoo garee tokkoof kan bocame, garaagarummaafi sabdaneessummaatti kan hin amanne, waliitti dhiyeessuufi walii galchuun kaayyoo isaa kan hin taane, seenessa tokkummaa sabdaneessa hin uumne, baroottan darban biyyattii qoraa turuufi gatii guddaa kaffalchisuus kaasaniiru.<\/p>\n<p>Itti aanaan bulchaafi itti gaafatamaan qajeelcha dhimma nageenyaafi callisaa bulchiinsa sablammii Oromoo obbo Abduu Jamaal, seenessi sobaa tokkummaafi milkaa\u2019ina ijaarsa biyyaaf gufuu guddaa ta&#8217;uu dubbataniiru. Kanaafuu biyyoota akka keenya seenaa bulchiinsa mootummaa yeroo dheeraa qaban, waliin jireenya sabaaf sablammootaafi uummattoota itti fufsisuuf\u00a0 tokkon tokko seenessa\u00a0 of eegganoon qorachuun, faayidaa birmadummaa biyyaafi waliin jireenya uummattootaaf qabu sirnaan qorachuun barbaachisa jedhaniiru. Kanaafis seenessootni, sirrii ta&#8217;uu isaanii qorachuu, dhugaa haala ammaa jiru waliin wal qabsisuufi hundaa ol seenessa waloo irratti xiyyeeffachuun murteessaa ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Seenessa waloo irratti xiyyeeffachuun akka biyyaatti, tokkummaa sabdaneessaa cimsuuf, sirna dimookiraasi fudhatamummaa qabu ijaaruuf, uummattoota gidduutti obbolummaafi hariiroo cimaa uumuuf, kabajaafi nageenya lammiilee eegsisuuf, haqummaafi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf, misomaafi guddina biyyaa saffisisuuf gahee olaanaa qabaachuu obbo Abduun ibsaniiru.\u00a0 &#8220;Mootummoota darban keessatti seenessota tokko nu taasisan hedduu ni qabna\u2019\u2019 kan jedhan itti gaafatamaan kun, gaarummaa kaleessa fudhanne, kaleessa irratti kan tokko nu taasisuu, har&#8217;af humna kan nu ta&#8217;u,\u00a0 boru immoo tarkaanfachuudhaaf hamilee kan nuuf ta&#8217;uu qabanne hojjechuu qabna jedhaniiru.\u00a0 Seenessa sobaa fedhii dhunfaarraa madduun biyyattiin arsaa hedduu kaffalus himaniiru.\u00a0 &#8220;Seenessa sobaa sirreessuun seenessa waloo kan tokko nu taasisu ijaaruun barbaachisaadha&#8221; jedhaniiru.\u00a0 Seenessa sobaa balleessuun kan danda&#8217;amu, seenessa waloo qabnu yoo lafa qabsisuun danda&#8217;amedha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kun akka milkaa&#8217;uuf immoo\u00a0 mootummaan, hayyoonniifi lammiileen tokkon tokko isaanii gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru. Seenessoota uummata gargar baasan dhiisuun, seenessa waloo\u00a0 tokkummaa sabdaneessaa irratti bu&#8217;uureeffate ijaaruun nageenya waareessuufi itti fayyadama waloo mirkaneessuun barbaachisaa ta&#8217;uu ibsaniiru. Itti gaafatamtuun paartii Badhaadhina damee bulchiinsa magaalaa Kamisee aadde Zamam Mohaammad gama isaaniin, seeneffama kaleessa hojjetameen lammiileen akka buqqa&#8217;aaniifi rakkoo hamaaf akka saaxilaman ta&#8217;uu kaasaniiru.\u00a0 Kana malees mirga heeraan kennameef fayyadamanii bakka tokko irraa gara bakka biraatti deemanii akka hojjetanii of hin jijjirreef gufuu guddaa ta&#8217;uu dubbataniiru. \u2018\u2019Seeneffama isa kaleessaa badaa ture dhiisne, isa gaarii immoo fudhannee hundi keenya seenaa hojjechuuf qophii ta&#8217;uu qabna\u2019\u2019 jedhaniiru.<\/p>\n<p>Hoggantootni mootummaas seenessa sobaa dhabamsisuun tokkummaa uummataa cimsuufi seenessa waloo lafa qabsisuu keessatti gaheen isaan qaban olaanaa ta&#8217;u eeraniiru. Seenessa sobaa dhabamsisuuf \u2018\u2019hoggantootni saba ofii gammachisuuf jecha jechoota hin mallee dubbachuun saba biroo mufachiisan,\u00a0 dubbii isaan dubbatan irratti of eeggannoo taasisuu qabu\u2019\u2019 jedhaniiru. Madaa kaleessa ture tuttuquu dhiisanii seeneffama waloo biyya ceesisuu danda&#8217;u irratti xiyyeeffachuun\u00a0 hojjechuu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Rakkoo nageenyaa biyyattii muudate furuun, tokkummaa biyyaleessaa cimsanii itti fufsisuuf, rakkoolee jiran mariin furuu, garaagarummaa siyaasa jiru dhiphisuufi yaadole walitti bu&#8217;insaaf sababa ta&#8217;an dhabamsisuun, dhimmoota nageenya waaraa fidan irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta&#8217;uu hubachisaniiru. Akka biyyaatti badhaadhina barbaannuufi fayyadamummaa diinagdees ta&#8217;e sirna ijaarsa dimookiraasii mirkaneessuun kan danda&#8217;amu\u00a0 seenessa waloo ijaaruun yoo danda&#8217;ame akka ta&#8217;e amananii fudhachuun barbaachisaadha jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itoophiyaanoota tokko taasisu kan danda&#8217;uufi itti fufsisuu kan danda&#8217;u\u00a0 seenessota waloo ta&#8217;aan hedduu jiru. Kanneen keessaa, seenessa waloo\u00a0 injifannoo Adwaa gootummaa gurraachota Afrikaa dhiiga isaaniitiin galmee seenaa Addunyaa irratti barreessan akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda&#8217;ama. Kanaan alattis hidhi haaromsa guddicha Itoophiyaa uummatni ishee humnaafi maallaqa isaanii baasanii ijaarsisa jiran, godanbaa Adwaa kan magaalaa Addis Ababaatti ijaarameefi riqicha guddaa laga abbaya irratti ijaarame seenessa waloo Itoophiyaanoota tokko taasisaniidha. Kanaafuu\u00a0 seenessa waloo ijaaruun tokkummaa sabdaneessaa cimsuufi itti fayyadamaa waloo mirkaneessuun murteessaadha. Seeneffama walirraa fageessu dhabamsisuun seeneffama biyyaalessa ijaaruuf, seenaa beekuu, yaadoolee gargar baasan fudhachuu dhiisuu, hawaasa keessatti bakka akka hin qabaanne taasisuun, taatoota siyaasaa, hayyootaafi hawaasarraa kan eegamudha.\u00a0 Rakkoolee biyya keessaaaf furmaataa biyyaalessaa kaa&#8217;uun kan danda&#8217;amu seenessa biyyaalessaa ijaaruun yoo danda&#8217;amedha. Kanaaf immoo hawaasni hunduu waliin dubbachuu, wal dhaggeeffachuu, wal kabajuu, walii galuufi tokko ta&#8217;uun irra jiraata. Itoophiyaan biyya guddoo turte, ammas biyya guddoodha, gara fulduraatti biyya baay&#8217;ee guddoo taate ni taasifna yaada jedhu seenessa waloo taasisu qabna, nagaatti!<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Seenessi bu\u2019aa ida\u2019ama dhugaawwan, afoolaawwan, seenaawwan, taateewwaniifi\u00a0 odeeffannoowwan dhala namaatti himamaniidha. Seenessa kana yoo karaa hin taaneen fayyadamne miidhaa inni biyya irratti dhaqqabsisu olaanaadha.\u00a0 Keessumaa, seenessi sobaa diigumsa biyyaaf sababa guddaadha.\u00a0 Seeneffamni sobaa biyya keenya waggoottan\u00a0 kurnan sadii ol darbaniif,\u00a0 gatii\u00a0 guddaa kaffalchiseera, kaffalchiisaa jiras.\u00a0 Lammiileen eenyummaa isaaniin ajjeefaman akkasumas qe&#8217;ee dhalatanii guddatan irraa akka [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4688,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4687"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4687"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4687\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4689,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4687\/revisions\/4689"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4688"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4687"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4687"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4687"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}