{"id":4709,"date":"2024-12-25T08:15:49","date_gmt":"2024-12-25T08:15:49","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4709"},"modified":"2024-12-25T08:15:49","modified_gmt":"2024-12-25T08:15:49","slug":"naannoo-amaaraatti-lafti-heektaarri-kuma-254-qamadii-bonaan-misoomaa-jira","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/12\/25\/naannoo-amaaraatti-lafti-heektaarri-kuma-254-qamadii-bonaan-misoomaa-jira\/","title":{"rendered":"Naannoo Amaaraatti lafti heektaarri kuma 254 qamadii bonaan misoomaa jira"},"content":{"rendered":"<p>Jiraattoonni aanaa Arxumma Fursii Ganda Bishee Ededaa kutannoo misooma qamadii bonaaf qaban qabatamaan mul&#8217;isaa jiru. Eeggatummaa jalaa bahuuf\u00a0 hawaasni ganda Bishee Eededaa misooma qamadii boneen lafa heektara 300 karoorfachuun hojiitti galuun lafa heekrara 150 oomishaa qopheessuu ragaan waajjira qonnaa aanicharraa argame ni ibsa. Qophii facaasaaf bishaan jallisii tokkummaan irree gamtoomeen jallifachuurratti argamu.<\/p>\n<p>Bara oomishaa 2016 &#8216;tti jallisii bonaan lafa heektaara kuma 151 fi 625 misoomsuun qamadii kuntaala miiliyoona 1.5 oomishuu danda&#8217;uu itti gaafatamaan sabqunnamtii uummataa biiroo qonnaa naannoo Amaaraa\u00a0 obbo Amsaaluu Gobbaawu himaniiru. Bara baajataa 2017 &#8216;tti ammoo lafa hektaara kuma 254 misoomsuun qamadii kuntaala miiliyoona 9.4 oomishuuf karoorfamee hojjetama jira. Bara oomishaa 2017 naannichatti abbootii warraa kuma 245 fi 538 misooma jallisii qamadii bonaarratti kan hirmaatan ta&#8217;uu itti gaafatamichii eeraniiru. Hanga ammaatti lafti hektaara kuma 78 fi 266 sanyii qamadiin haguugamuu himaniiru. Akkasaan jedhanitti, karoorri isaanii dhibbantaa 42 irra gaheera. Kan hafe ammoo hanga Mudde 20\/2017 &#8216;tti facaa&#8217;ee kan goolabamu ta&#8217;uusaati obbo Amsaaluun\u00a0 kan himan. Gaggeessitoonni godinaa, aanaafi ogeesonni bifa duulaan ooyiruu qonnaan bultootaa keessatti argamuun hojii misoomaa kana gargaaraa jiru jedhaniiru.<\/p>\n<p>Adeemsa oomishaa hanga ammaatti lafti heektaara kuma 78 fi 266 sanyii qamadiin kan uwwifame ta\u2019uu kaasanii,\u00a0 karooricha keessaa dhibbantaa 42 milkaa&#8217;uu ibsaniiru. Misoomni qamadii baballisuun kadhaafi hiyyummaa jalaa waan nama baraaruuf lakkoofsi qonnaan bultoota hojii oomishaa irratti hirmaatan yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiru ibsaniiru. Akkasaan jedhanitti, misoomni kun faayidaa diinagdee guddaa waan argamsiisuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa itti kenneera. Obbo Amsaaluun yeroo darbe qonnaan bultoonni teeknooloojiifi hoj-maata fooyya\u2019aa fudhatanii gara hojiitti galuu irratti muuxannoon qaban gadaanaa turuu himaniiru.<\/p>\n<p>Oomishtummaa qamadii jallisii guddisuuf hoj-maata fooyya\u2019aa ta\u2019etti fayyadamuun barbaachisaa ta\u2019uusaati kan dubbatan. Motor-paampiiwwan bishaaniifi tiraaktaroota qonnaa baay\u2019inaan misooma qamadii jallisii bonaa misoomsuuf oolan fayyadamuu gaarii ta&#8217;uu kaasaniiru. Misoomni qamadii jallisii bu\u2019a qabeessa akka ta\u2019uuf mootummaan galteewwan qonnaan bultootaaf yeroon qaqqabsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Haata&#8217;u malee daldaltoonni seeraan alaa tokko tokko gidduu seenuun raabsaa irratti dhiibbaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Hawaasni daldaltoota karaa seeraan alaan socho&#8217;an kanarratti\u00a0 miira abbummaan qabsaa&#8217;uu qabu jedhaniiru. Misoomni kun dhaabbilee qonnaa qofaan hojiirra kan oolu waan hin taaneef, dhaabbileen mootummaas ta\u2019e miti mootummaa tumsuu akka qaban hubachiisaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Jiraattoonni aanaa Arxumma Fursii Ganda Bishee Ededaa kutannoo misooma qamadii bonaaf qaban qabatamaan mul&#8217;isaa jiru. Eeggatummaa jalaa bahuuf\u00a0 hawaasni ganda Bishee Eededaa misooma qamadii boneen lafa heektara 300 karoorfachuun hojiitti galuun lafa heekrara 150 oomishaa qopheessuu ragaan waajjira qonnaa aanicharraa argame ni ibsa. Qophii facaasaaf bishaan jallisii tokkummaan irree gamtoomeen jallifachuurratti argamu. Bara oomishaa 2016 [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4711,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[49],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4709"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4709"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4709\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4712,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4709\/revisions\/4712"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4711"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4709"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4709"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4709"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}