{"id":4716,"date":"2024-12-25T08:22:31","date_gmt":"2024-12-25T08:22:31","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4716"},"modified":"2024-12-25T08:22:31","modified_gmt":"2024-12-25T08:22:31","slug":"dhimmoota-buuuraalee-marii-milkaaaa-taasisuuf-hordofamuu-qaban","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/12\/25\/dhimmoota-buuuraalee-marii-milkaaaa-taasisuuf-hordofamuu-qaban\/","title":{"rendered":"Dhimmoota Bu\u2019uuraalee Marii Milkaa\u2019aa Taasisuuf\u00a0 Hordofamuu Qaban"},"content":{"rendered":"<p>Mariin rakkoolee akka biyyaatti mudatan karaa nagaan hiikuuf bakka olaanaa qaba.\u00a0 Mariin faayidaa dhunfaa yookiin faayidaa walootiif akkasumsas fedhiiwwan garaagaraa milkeessuuf karoorfame, bakka qaamoleen mari&#8217;atan yookiin bakka bu&#8217;ootni isaanii argamanitti kan adeemsifamudha. Kaayyoon marii nageenyaa,\u00a0 yaadolee faallaa ta&#8217;an\u00a0 gara waltajjiitti fiduudhaan irratti mari&#8217;achuufi dubbachuu yoo ta&#8217;u,\u00a0 gareen mari&#8217;attootaa akka barbaachisummaa isaatti qaamolee mariisisan, affeeruu\u00a0 ni danda&#8217;u. Haata&#8217;uu malee qaamoleen mariisisuuf afferaman yaada dirqisiisaa kamiyyuu kennuu hin danda&#8217;an.\u00a0 Qaamoleen mari&#8217;atan yaada marii isaan maddisiiisan bu&#8217;uura godhachuun kan adeemsifamuudha. Rakkooleen Itoophiyaa keessatti uumaman mariidhaan akka hiikaman\u00a0\u00a0 yaaliiwwan garaagaraa tasifamaa turanis hangas mara milkaa&#8217;uu hin dandeenye.\u00a0 Kun immoo jireenya guyyuu lammiilee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira.<\/p>\n<p>Jiraataa magaalaa Baahir Daar kan ta&#8217;an obbo simmanyaw Zawuduu,\u00a0 saamunaa dhangala&#8217;aa\u00a0 oomishuun jireenya isaanii gaggeeffatu. Yeroo ammaa hojiin isaan hojjetan sababa rakkoo nageenyaan dhaabbate jiraachuu himaniiru. Mootummaan rakkoolee nageenyaa muudatan mariin osoo nuuf hiikee gara hojii keenya idile deebi&#8217;uu dandeenya jechuunis hawwii isaanii ibsaniiru.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaa saayinsii siyaasaa, Darajjee Damissaw,\u00a0 mariin namoota lamaafi isaa ol gidduutti dhimma murtaa&#8217;e tokko irratti haasaa taasisuu, odeeffannoo waliif qooduufi yaada wal jijjiirudha, jechuun hiika itti kennaniiru.\u00a0 Qajeeltoowwan yookiin bu&#8217;uurawwan marii hedduun akka jiranis hayyuun kun himaniiru. Isaan keessaa inni tokko wal kabajudha. Yeroo mariin taasifamuutti\u00a0 ilaalcha wal kabajuufi qaama mari&#8217;atu sanaaf xiyyeeffannaa guutuu\u00a0 kennuun barbaachisaa ta&#8217;u himaniiru.\u00a0\u00a0 Bu&#8217;aa wal fayyaduu hordofuunis\u00a0 ulaagaa kan biraa ta&#8217;u himaniiru.\u00a0\u00a0 Yeroo mariin\u00a0 taasifamu, karaa faayidaa\u00a0 waloo\u00a0 mirkaneessuufi fedhii waloo kabajamu hordofuun milkaa&#8217;ina marichaaf murteessaa ta&#8217;uu kaasaniiru. \u00a0Walii galtee wal fayyaduu irra gahuuf wal hubachuun, araaraaf fedhii qabaachuun barbaachisaa ta&#8217;us himaniiru.\u00a0 Yaadotaafi ilaalchota garaagaraa,\u00a0 hirmaattoota biraa ka&#8217;aaniif\u00a0 qalbeeffachuufi fedhii qabaachuunis barbaachisaa ta&#8217;uu caqasaniiru.<\/p>\n<p>Qeeqa ijaarsaa (constructive criticism) hordofuunis milka&#8217;ina marichaaf tooftaa biraa ta&#8217;uu himaniiru. \u2018\u2019Yeroo qooda fudhattoonni gaaffiifi yaada kaasan,\u00a0 namoota dhuunfaa irratti osoo hin taane yaada isaanii irratti xiyyeeffachuun gaariidha\u2019\u2019 kan jedhan hayyuun kun, yaada ijaarsa\u00a0 filannoowwan\u00a0 milkaa&#8217;ina marichaaf fayyadan irratti xiyyeeffachuudha malee nama dhuunfaa irratti xiyyeeffachuun sirrii miti jedhaniiru. Inni kan biraan immoo qabxilee ijoo yookiin mata duree marichaaf ta&#8217;an irratti xiyyeeffachuun, qaamoleen mariif ta&#8217;an dhimmoota murteessoo mariichaaf barbaachisan akka kaasan jajjabeesuun milkaa&#8217;ina marichaaf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Ragaa qubsaa ta&#8217;e qabaachuunis qajeeltoowwaan marii keessaa tokko ta&#8217;uu himaniiru. Namootni yeroo mariif dhiyaatan ragaa qubsaa yookiin qabatamaa ta&#8217;e maricha cimsuu danda&#8217;uu qabatanii argamuun barbaachisaa ta&#8217;uus kaasaniiru. Rakkoolee jiran furuudhaaf qaamootni dhimmichi ilaallatu hundi fedhii dhugaafi kutannoo cimaa ta&#8217;e qabaachuu, wal-dhaggeeffachuufi eejjannoo sirrii ta&#8217;e qabachuutu isaaniirra jiraata jedhaniiru. Akka barsiisaan kun jedhaniitti, hirmaachisummaanis rakkoolee jiran furuuf faayidaan isaa olanaadha. \u2018\u2019Mariiwwan kanaan duraa eegalaman tokko tokko haala barbaadamuun milkaa&#8217;uu dhabuu isaaniif inni ijoon qaama dhimmicha ilaalatu hirmaachisuu dhabuudha\u2019\u2019 jedhaniiru.<\/p>\n<p>Marii Piritooriyaatti taasifame irratti osoo qaamoleen waraanicha keessatti hirmaatan, naannoon Amaaraafi Ertiraan qaama walii galtichaa\u00a0 taasifamaniiru ta&#8217;e, yeroo gabaabaa keessatti rakkinicha furuun walii glatichi gutuumaan guutuutti hojiirra ni oola ture, yaada jedhuus akka fakkeenyaatti kaasaniiru.\u00a0\u00a0\u00a0 Mariifi walii galtee milka&#8217;aa taasisuuf fedhiin hoggantoota siyaasaa, qabatamaan rakkoo furuuf murtoo qaban irratti hundaa&#8217;a, kan jedhan hayyuun saayinsii siyaasaa kun, hoggantootni siyaasaafi qaamoleen hidhatan, rakkoolee biyyattii furuudhaaf yaada dhugaa hin taaneefi ejjannoo sirrii hin taane qabatanii dhihaachuun milkaa&#8217;ina mariichaaf gufuu ta&#8217;a turuus eeraniiru. Wal amanuu dhabuun paartii biyya bulchuufi paartiilee morkattoota gidduu jirus marii bu&#8217;a qabeessa taasisuuf\u00a0 rakkoo guddaa ta&#8217;u himaniiru. Fedhii sirrii hin taaneefi eejjannoon gaarii hin taane, mariin eegalame akka galma hin geenye gufuu guddaa ta&#8217;u hubachiisaniiru. Rakkoolee nageenyaa yeroo dheeraaf turan hiikuuf fedhii qabaachuu qofa osoo hin taane, bu&#8217;uurarraa nageenya waaraa diriirsuu,\u00a0 nageenyaafi tasgabbii lammiilee mirkaneessuuf dirqama mootummaa waan ta&#8217;eef, mootummaan yaada uummataa dhaggeeffatee, fedhiifi faayidaa uummataa dursee, gaaffii uummataaf xiyyeeffannoo kennee deebiiwwan madaalawaa ta&#8217;an kennuun\u00a0 gahee\u00a0 irraa eegamu ta&#8217;uu hayyuun kun dubbataniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Yeroo mariidhaaf teenyu\u00a0 eenyuutu sirridha, osoo hin taane, maaltu sirriidha kan jedhu irratti xiyyeeffachuu qabna\u2019\u2019 kan jedhan hayyuun kun nagaafi tasgabbii fiduudhaaf, uummata dheebuu nageenyaa qabu, haara galfachiisuudhaaf hojjechuudha malee wal himachuun furmaata hin ta&#8217;uu jedhaniiru. Kanaafuu mootummaafi qaamoleen hidhatanii socho&#8217;an walitti dhiyaatanii, ifaafi ifatti mari&#8217;achuun rakkoo isaanii hiikuu qabu jedhaniiru. Biyya keenya keessatti iftoominnifi mariin haqa qabeessa akka hin jirre kan himan hayyuun saayinsii siyaasa kun, bakka\u00a0 iftoomnni,\u00a0 mariin haqa qabeessaafi wal amantaan hin jirreetti\u00a0 mariin gaggeeffamu milkaa&#8217;uu akka hin dandeenye hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Mariin rakkoolee akka biyyaatti mudatan karaa nagaan hiikuuf bakka olaanaa qaba.\u00a0 Mariin faayidaa dhunfaa yookiin faayidaa walootiif akkasumsas fedhiiwwan garaagaraa milkeessuuf karoorfame, bakka qaamoleen mari&#8217;atan yookiin bakka bu&#8217;ootni isaanii argamanitti kan adeemsifamudha. Kaayyoon marii nageenyaa,\u00a0 yaadolee faallaa ta&#8217;an\u00a0 gara waltajjiitti fiduudhaan irratti mari&#8217;achuufi dubbachuu yoo ta&#8217;u,\u00a0 gareen mari&#8217;attootaa akka barbaachisummaa isaatti qaamolee mariisisan, affeeruu\u00a0 ni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4717,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4716"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4716"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4716\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4718,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4716\/revisions\/4718"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4717"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4716"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4716"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4716"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}