{"id":4719,"date":"2024-12-25T08:23:45","date_gmt":"2024-12-25T08:23:45","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4719"},"modified":"2024-12-25T08:23:45","modified_gmt":"2024-12-25T08:23:45","slug":"mirgi-sosochoanii-hojjechuu-lammiilee-eegamuu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/12\/25\/mirgi-sosochoanii-hojjechuu-lammiilee-eegamuu-qaba\/","title":{"rendered":"Mirgi Sosocho\u2019anii Hojjechuu Lammiilee Eegamuu Qaba"},"content":{"rendered":"<p>Biyya tokko keessatti bakkarraa bakkatti socho&#8217;anii hojjechuun mirga qofa osoo hin taane jireenya biyya sanaatifis murtessaadha. Ilmi namaa kan jiraatu yoo socho&#8217;uun hojjetedha. Nageenyi biyyattiin ittiin madaalamtu keessaa inni tokkoos yeroo lammiileen bilisaan socho&#8217;uu danda&#8217;anidha. Iddoo tokkoorraa gara iddoo birootti socho&#8217;uu dhabuun dhimma mirga dhabuu qofa osoo hin taane dhimma lubbuun jiraachuu dhabuuti.<\/p>\n<p>Biyyi tokko yoo diinagdee foyya&#8217;aa galmeessisuu barbaadde lammiileen ishee haala barbaadamuun akka hojjetan gochuu qabdi. Kun ta&#8217;uuf immoo mirgi iddoo tokkorraa iddoo birootti socho&#8217;uu lammiilee yeroo eegsisuun dandaamudha. Jireenyaafi humni mootummaan qabu keessaa tokko kan madaalamu sosochii lammiilee biyyattii taasisaniinidha.<\/p>\n<p>Biyyattii keessatti socho&#8217;anii hojjetanii jiraachuufi qabeenya horachuun mirgoota bu&#8217;uuraa lammiileen qaban keessaa, isa jalqabaati. Namni tokko nama ta&#8217;uu isaatiin qofa mirga lubbuun jiraachuu qabaachuun cinaatti, mirgoota bu&#8217;uuraa kan biroolee qabaachuu heera mootummaa biyyattii keessatti ka&#8217;aamee jira.\u00a0 Mirgootni heeraa akkasii lammiilee biyyattiif kennamanis,\u00a0 bakka jiranitti mirga lubbuun jiraachuu, socha&#8217;anii hojjechuufi qabeenya horatanii jiraachuuf haalli nageenya amma jiru qormaata ta&#8217;a dhufeera.<\/p>\n<p>Waan kana ta\u2019eef qaamoleen hidhatanii socho\u2019an mirga sosocho\u2019uu lammiilee kabajuun irraa eegama, mootummaan biyya bulchaa jiruus mirgi lammillee kun akka eegamu tumsa taasisuun irraa eegama; dirqama isaatisidha.\u00a0 Kanaaf mirgi sosocho\u2019anii hojjechuu lammiilee eegamuu qaba qaba kan jedhu ibsa eejjannoo keenyaati.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Biyya tokko keessatti bakkarraa bakkatti socho&#8217;anii hojjechuun mirga qofa osoo hin taane jireenya biyya sanaatifis murtessaadha. Ilmi namaa kan jiraatu yoo socho&#8217;uun hojjetedha. Nageenyi biyyattiin ittiin madaalamtu keessaa inni tokkoos yeroo lammiileen bilisaan socho&#8217;uu danda&#8217;anidha. Iddoo tokkoorraa gara iddoo birootti socho&#8217;uu dhabuun dhimma mirga dhabuu qofa osoo hin taane dhimma lubbuun jiraachuu dhabuuti. Biyyi tokko [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[46],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4719"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4719"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4719\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4720,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4719\/revisions\/4720"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4719"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4719"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4719"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}