{"id":4728,"date":"2024-12-25T08:31:10","date_gmt":"2024-12-25T08:31:10","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4728"},"modified":"2024-12-25T08:31:10","modified_gmt":"2024-12-25T08:31:10","slug":"mirgi-lammiilee-bilisaan-sochou-kabajamuu-qaba","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/12\/25\/mirgi-lammiilee-bilisaan-sochou-kabajamuu-qaba\/","title":{"rendered":"Mirgi Lammiilee Bilisaan Socho&#8217;u Kabajamuu Qaba"},"content":{"rendered":"<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Guddinaafi misooma biyya tokkootiif nageenyi waan hunda caalaa gatii qaba. Nageenyi bu\u2019uura waan hundaati.\u00a0 Abdiifi mul\u2019anni kamuu nageenya malee gonkuma milkaa\u2019uu hindanda\u2019u. Namni fedhii isaa daangaa hin qabne jireenya isaa keessatti guuttachuuf nageenyi isaa mirkanaa\u2019uu qaba.\u00a0 Waggoottan jahan darban keessatti, rakkooleen nageenyaa Itoophiyaa keessatti yeroo adda addaatti mudatan, lubbuu lammiilee hedduu\u00a0 galaafataniiru. Hedduun isaaniis qe\u2019eefi qabeenya isaanii irraa buqqa&#8217;aniiru. Lammiileen nagaa hirmaannaa siyaasaa hin qabne irrattis miidhaa guddaan dhaqqabeera, dhaqqabaas jira.<\/p>\n<p>Biyyattii keessatti socho&#8217;anii hojjetanii jiraachuufi qabeenya horachuun mirgoota bu&#8217;uuraa lammiileen qaban keessaa, isa jalqabaati. Namni tokko nama ta&#8217;uu isaatiin qofa mirga lubbuun jiraachuu qabaachuun cinaatti, mirgoota bu&#8217;uuraa kan biroolee qabaachuu heera mootummaa biyyattii keessatti ka&#8217;aamee jira.\u00a0 Mirgootni heeraa akkasii lammiilee biyyattiif kennamanis,\u00a0 bakka jiranitti mirga lubbuun jiraachuu, socha&#8217;anii hojjechuufi qabeenya horatanii jiraachuuf haalli nageenya amma jiru qormaata ta&#8217;a dhufeera.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti, jiraataa aanaa Dawwee Harawaa kan ta&#8217;an,\u00a0 obbo Suwaahilii Sheekichaa,\u00a0 lammiileen afaan, aadaa, eenyummaafi saba adda addaa qaban biyyattii keessatti bakka barbaadan socho&#8217;anii waan barbaadan hojjetanii jiraachuuf mirga qabanis,\u00a0 yeroo ammaa balballi isaa cufameera jechuun dubbataniiru. Kanaaf immoo sababni guddaan seerri bahe haalaan raawwatamuu dhabuu ta&#8217;uu himaniiru. \u2018\u2019Lammiileen eenyummaa isaaniin qe&#8217;eefi qabeenya isaaniirraa buqqa&#8217;uun, jireenya\u00a0 hammaataa keessa akka jiraatan ta&#8217;eera\u2019\u2019 kan jedhan jiraataan aanichaa kun, bakkeewwan garaagaraatti, namni eenyummaa isaatiin ugguramuu,\u00a0 maallaqa humnaa ol ta&#8217;e gaafatamuu, daandiin itti cufamuufi rakkooleen biroo hedduu jiraachuu kaasaniiru. Qonnaan bulaan dhukkubsate, yaalamuuf illee daandiin cufamuu isaatiin, baasii guddaa baase xiyyaaraan balali\u2019ee\u00a0 yaalamuuf dirqisiifamuu dubbataniiru. \u2018\u2019Namni eenyummaa isaatiin, sabummaa isaatiin dhiibbaan irra gahaa jira\u2019\u2019 kan jedhan jiraataan kun, mootummaan rakkoo kana hiikuun nageenya uummataa mirkaneessuu qaba jechuun gaafataniiru.<\/p>\n<p>Ogeessa seeraa kan ta&#8217;an obbo Qalbeessaa Wiirtuu, lammiileen bakkarraa bakkatti socha&#8217;anii hojjechuuf kan isaan dandeessisu, mirga heeraan kennameef jiraachuu ibsaniiru. Heeraa mootummaa, keewwata 32\u00a0 lammiileen Itoophiyaa kamiyyuu yookiin karaa seera qabeessaan,\u00a0 lammiileen alaa biyyattii keessa socho&#8217;an, naannawa biyyattii isaan filatan keessa jiraachuu, akkasumas yeroo barbaadanitti gara biyya alaa bahuuf mirga qabu jedha. Lammiileen biyyattii rakkoo tokko malee mirga bilisummaadhaan socho&#8217;uu, hojiilee misoomaa naannoo tokkorraa gara naannoo biraatti deemuun bilisummaan\u00a0 hojjetanii jiraachuu, qabeenya horachuu akka danda&#8217;an\u00a0 mirga kan gonfachiisu ta&#8217;u dubbataniiru. Haala qabatamaa amma jiruun garuu lammiileen bakka tokko irraa gara bakka biraatti socho&#8217;uuf rakkoo guddaa ta&#8217;uu kaasaniiru. Kanaafis sababa kan ta&#8217;e rakkoolee gurguddoo baroota hedduuf harkifataa dhufan, rakkoo bulchiinsa gaarii,\u00a0 seeneffama sobaa biyyattiitti hojjetamaa turan, gaaffilee uummatni kaasaa ture deebii dhabuu, sanyummaanfi eenyummaan wal qooduufi shira siyaasaa hojjetamaa jiruun ta&#8217;u himaniiru.<\/p>\n<p>Lammiileen bakka fedhan hojjetanii jiraachuu, qabeenya horachuufi mirga lubbuun jiraachuu irratti rakkoon inni dhaqqabsiisaa jiru olaanaa ta&#8217;uu eeraniiru. Mootummaan mirgoota namoomaa kanneen kabachiisuufi kabajuun itti gaafatamummaafi dirqama akka qabu heera mootummaa keewwata 13 irratti\u00a0 daangeffamee jiraachuu kan kaasan ogeessi seeraa kun, qaamoleen gahee qabeessotaas mirgoota kanneen kabachiisuuf dirqama qabaachuu himaniiru. Mirga lammiilee kabachiisuun itti gaafatamummaa mootummaa isaa jalqabaafi dirqamni inni guddaan kan mootummaa ta&#8217;uus himaniiru. Namootni mirga isaanii, eenyummaadhaan, amantaan, afaaniin, gosaaniifi wal qoodinsa kamiyyuu ulaagaa taasisuun mirgi isaanii kun sarbamu hin qabu jedhaniiru. Mirgootni kunneen akka kabajaman gama mootummaatiin yaaliin garaagaraa taasifamus gahaadha kan jechisiisu akka hin taane ibsaniiru. Mootummaan sarbamni mirga namoomaa akka dhaabbatuuf hojii olaantumaa seeraa kabachiisuu qaamolee hawaasa waliin qindoomuun cime hojjechuu qaba jedhaniiru. Rakkoolee sarbama mirgaaf sababa ta&#8217;an illee mariifi waliigalteen hiikuun murteessaa ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Yeroo tokko tokko rakkoon nageenyaa naannoo akkasitti uumameera gaafa jedhamu akka hiikaman taasisuu\u00a0 irratti gama mootummaatiin harkifannaan jiraachuu kan kaasan ogeessi seeraa kun, rakkoolee uumamaniif furmaata hatattamaa yeroodhaan yoo kennamuufii baate gara sadarkaa olaanaatti guddachuun lammiileefi biyya irratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisuu akka danda&#8217;an hubachisaniiru. Kanaafuu rakkooleen osoo hin uumamiin dursanii ittisuu irrattis mootummaan kutannoon\u00a0 hojjechuudhaan, yeroo rakkooleen uumamanis saffisaan furmaata kennuudhaan mirga lammiilee bakka irra bakkatti socho&#8217;uu kabachiisuun irraa eegama.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>&nbsp; Guddinaafi misooma biyya tokkootiif nageenyi waan hunda caalaa gatii qaba. Nageenyi bu\u2019uura waan hundaati.\u00a0 Abdiifi mul\u2019anni kamuu nageenya malee gonkuma milkaa\u2019uu hindanda\u2019u. Namni fedhii isaa daangaa hin qabne jireenya isaa keessatti guuttachuuf nageenyi isaa mirkanaa\u2019uu qaba.\u00a0 Waggoottan jahan darban keessatti, rakkooleen nageenyaa Itoophiyaa keessatti yeroo adda addaatti mudatan, lubbuu lammiilee hedduu\u00a0 galaafataniiru. Hedduun isaaniis [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4729,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4728"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4728"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4728\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4730,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4728\/revisions\/4730"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4729"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4728"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4728"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4728"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}