{"id":4731,"date":"2024-12-25T08:33:25","date_gmt":"2024-12-25T08:33:25","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4731"},"modified":"2024-12-25T08:33:25","modified_gmt":"2024-12-25T08:33:25","slug":"dhukkuba-kaansarii-harmaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/12\/25\/dhukkuba-kaansarii-harmaa\/","title":{"rendered":"Dhukkuba Kaansarii Harmaa"},"content":{"rendered":"<p>Kaansariin harmaa gosoota Kaansarii keessaa isa tokkodha. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bara 2020 tti dubartoonni miiliyoona 2.3 ta\u2019an kaansarichaan qabamuu kaa&#8217;eera. Kanneen keessaa dubartoonni kuma 685 lubbuun darbuu eereera. Itoophiyaatti waggaatti dubartoonni kuma 16 kaansarii harmaaf saaxilamuu maddi Ministeera Fayyaa irraa arganne ni agarsiisa. Kanneen keessaa dubartoonni kumni sagal lubbuun kan darban ta&#8217;uu mul&#8217;isa. Waldaan Kaansarii Ameerikaa akka jedhutti, yoo dafanii yaalaman carraan dhibee kanarraa baraaramuu dhibbantaa 99 ni jiraata. Osoo hin wallaanamiin yoo turan garuu carraan fayyuu dhibbantaa 22 qofa ta&#8217;uu beeksiseera.<\/p>\n<p><strong>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Waa&#8217;ee dhukkuba kaansarii hammam keenyatuu beeka laata?<\/strong><\/p>\n<p>Magaalaa Kamiseetti kan jiraatan aadde Ayishaa Sa&#8217;id waa&#8217;ee dhukkuba kaansarii harmaarratti hubannoon qabu gadaanaadha jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, dubartoonni ollaasaanii jiraatanuu waa&#8217;ee dhukkubichaa hubannoo hin qaban. Kanaan walqabatee hubannoon hawaasni qabu laafaa waan ta&#8217;eef warraaqsi hubannoo kennuu osoo taasifamee gaarummaa qabaachuu kaasaniiru. Dhimma dhukkubichaa irratti ibsa dabalataaf Hospitaala Waliigalaa Kamisee irraa ogeessa balaa tasaa baqaqsanii yaaluu ulfaafi gadameessaa Kabbadee Sa&#8217;id dubbifneerra.<\/p>\n<p>Kaansariin Harmaa, kaansarii seelii harmaa irraa ka&#8217;u ta&#8217;ee gosaaf maqaa garaagaraa qaba jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, kaansariin kun seeliin harma keessa jiru tokko haala baratamaa hin taaneen guddachaa dhufuun seelii isa fayyaarra saffisaan baay&#8217;achuun dhiitoo jabaa kan uumuudha. Seeliin Kaansarii kun gara xannacha liimfii (lymph nodes) naannoo harmaatti argamaniifi gara qaama biroottis\u00a0 tatamsa&#8217;uu kan danda&#8217;an ta&#8217;uu himaniiru. &#8220;Dhukkubni kun yeroo baay&#8217;ee seelota aannan harmaa oomishaniifi seelota biroo harma keessa jiran irraas ka&#8217;uu mala&#8221; jedhaniiru. Odeeffannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa argannes kaansariin harmaa dhibbantaa 85 seeliiwwan ujummoo xannacha burqisiisan keessatti biqiluu jalqabuu danda\u2019a jechuun yaadicha cimseera. Ogeessi fayyaa kun \u2019\u2019seeliiwwan kaansarii kunneen seelota qaama keenyaa kaaniin addatti ariitiin baay\u2019achaa sadarkaa to\u2019atamuu hin dandeenyeen qaama keessatti faca\u2019uun lubbuu dabarsuu danda\u2019u,\u2019\u2019 jedhaniiru. Dhukkubni kaansarii harmaa dubartoota waggaan isaanii 30 fi isaa ol jiran irratti baay\u2019inaan haa mul\u2019atuyyu malee darbee darbee dubartoota waggaa 20 keessa jiranillee mudachuu mala jedhaniiru.<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>Akkasaan jedhanitti, \u2018\u2019kaansariin harmaa harki 20 fira irraa kan dhaalamudha. Kunis haadhaafi obboleettii jechuudha. Kana malees haalota dhukkuba kanaa saaxilan keessaa, ulfaatinni qaamaa akka malee dabaluu, alkoolii fayyadamuu, sochii qaamaa taasisuu dhiisuufi yeroo dheeraa sochii malee taa\u2019uu, harmi tokko kaansariin qabamee yaalameera taanaan, harmi inni gara biraas carraan saaxilamuusaa guddaa ta&#8217;uu tarreessaniiru.<\/p>\n<p><strong>Kaansarii harmaarraa fayyuun ni danda&#8217;ama? <\/strong><\/p>\n<p>Ogeessichi kun akka jedhaniitti, kaansarii harmaarraa fayyuun kan danda\u2019amu osoo dhukkubichi qaama keessa hin tamsa\u2019iin yoo yeroon bira gahamedha. Yeroodhaan bira gahamuu yoo ibsan,\u2019\u2019 kaansariin harmaa sadarkaa tokko hanga afurii qaba, sadarkaan tokkoffaan kaansariin kutaa harmaa biqilerraa kan jiru jechuudha. \u2019\u2019Sadarkaan tokkoofi lama irratti yoo bira gahame kan yeroon argame jedhamuu danda\u2019udha. Sadarkaa sadaffaafi afraffaarra yoo jiraate immoo erga bobaa jalaafi gara sombaatti faca\u2019ee kan bira gahamudha,\u2019\u2019 jedhaniiru. Kanaaf dubartoonni harma isaanii irratti waan akka dhiitoo wayii yoo argan battalaan mana yaalaa deemuun kaansarii ta\u2019uufi dhiisuu adda baasuun akka isaaniirraa eegamu hubachisaniiru. Kaansariin harmaa yeroo jalqaba bahu homaa nama hin dhukkubu waan ta\u2019eef, \u2018\u2019kun xiqqoodha homaa nan godhu\u2019\u2019 jechuun ji\u2019a afur yoo turan, achumaan qaama keessa kan tamsa\u2019u waan ta\u2019eef hatattamaan qaama isaanii irratti akkuma arganiin mana yaalaa deemuutu irra jiraata jechuun gorsaniiru. Dhiitoo qaama keessatti arginaan homaa osoo hin dhukkubsatiin mallattoo kaansarii ta\u2019uu waan danda&#8217;uuf hatattamaan gara mana yaalaa deemuu qabu\u2019\u2019 jechuun hubachiisaniiru.<\/p>\n<p><strong>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 <u>Mallattoolee mul\u2019atan: <\/u><\/strong><\/p>\n<ul>\n<li>Guddinniifi bocni harmaa jijjiiramuu<\/li>\n<li>Bifni gogaa harmaa yookiin fiixeen harmaa jijjiiramuu<\/li>\n<li>Dhangala\u2019aan fiixee harmaa keessaan ba\u2019uu<\/li>\n<li>Waan jajjabaataan\/dhiitoo xiqqaan harma keessatti argamuu<\/li>\n<li>Dhiitoon naannoo harmaa\/ bobaa jalatti mul\u2019achuu<\/li>\n<\/ul>\n<p><strong>Kaansariin harmaa erga babal&#8217;atee yaaliin irraa fayyuun ni danda&#8217;ama?<\/strong><\/p>\n<p>Kaansariin erga qaama keessatti babal\u2019atee yaaliin garagaraa akka kennamuu kan ibsan ogeessichi kanaanis namoonni dhukkubicharraa fayyan ni jiraatu jedhaniiru. Garuu hammuma sadarkaan kaansarii kanaa guddachaafi qaama keessa babal\u2019achaa deeme wal\u2019aansa walxaxaa taasisa jedhaniiru. Kaansarii Harmaaf Waantota nama saaxilan:<\/p>\n<ul>\n<li>Umuriin dabalaa deemuufi umurii xiqqaatti ulfaa\u2019uu<\/li>\n<li>Furdina gar-malee<\/li>\n<li>Tamboo xuuxuufi alkoolii baay\u2019isanii dhuguu<\/li>\n<li>Maatiifi firoota keessaa namni kaansarii kanaan dhukkubsatan yoo jiraate<\/li>\n<li>Namoota yaaliin cararii (radiation therapy) taasifameef<\/li>\n<\/ul>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kaansariin harmaa gosoota Kaansarii keessaa isa tokkodha. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bara 2020 tti dubartoonni miiliyoona 2.3 ta\u2019an kaansarichaan qabamuu kaa&#8217;eera. Kanneen keessaa dubartoonni kuma 685 lubbuun darbuu eereera. Itoophiyaatti waggaatti dubartoonni kuma 16 kaansarii harmaaf saaxilamuu maddi Ministeera Fayyaa irraa arganne ni agarsiisa. Kanneen keessaa dubartoonni kumni sagal lubbuun kan darban ta&#8217;uu mul&#8217;isa. Waldaan Kaansarii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4732,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[45],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4731"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4731"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4731\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4733,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4731\/revisions\/4733"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4732"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4731"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4731"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4731"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}