{"id":4737,"date":"2024-12-25T08:38:27","date_gmt":"2024-12-25T08:38:27","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4737"},"modified":"2024-12-25T08:38:27","modified_gmt":"2024-12-25T08:38:27","slug":"oomisha-yuraaniyeemii-yaaddoo-uume","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2024\/12\/25\/oomisha-yuraaniyeemii-yaaddoo-uume\/","title":{"rendered":"Oomisha Yuraaniyeemii Yaaddoo Uume"},"content":{"rendered":"<p>Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti hogganaan qaama dhimma niwukilaaraa hordofu Iraan yuraaniyeemii fooyya&#8217;aa tahe oomishuuf murteesssuun &#8221;akkaan yaaddessaadha,&#8221; jedhaniiru. Raafaa&#8217;el Giroosiin Ejansii Aannisaa Atoomikii Addunyaatti hogganaa olaanaadha.\u00a0 Iraan oomisha yuraaniyeemii fooyya&#8217;aa ishee gara harka 60 tti akka guddiste himaniiru. Tahus qulqullinni oomishichaa kan meeshaa waraanaa niwukilaara oomishuuf isa barbaachisuun gadi ta&#8217;uu dubbataniiru. Biyyoonni biroon tarkaanfichi\u00a0 rakkoo waraanaafi dippiloomaasii Sooriyaa, Libaanosiifi Gaazaaf deebii kennuuf kan taasifame akka tahetti ilaalu kan ilaalan ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Akkasaan jedhanitti namoonni siyaasaa Iraan tokko tokko meeshaan waraanaa niwukilarri akka tolfamu waamicha dhiyeessuun &#8221;icciitii miti&#8221;. Teehraan keessatti haasaa taasisuun booda hoggansi Iraan ammaa kun karaa irra deemuuf filatu hin fakkaatu jedhaniiru. Giroosiin marii dhaabbanni qorannoo Landan Baahireenitti taasise irratti haasaa taasisaniiru. Israa&#8217;el bu&#8217;uuraalee misoomaa niwukilaaraa akka hin haleelle akeekkachiisuun, raawwannaan garuu bu&#8217;aansaa &#8221;akkaan balaafamaa&#8221; taha, sababiinsaas Iraan humna haaloo bahuufi carallaa gadhiisuu qabdi jedhaniiru.<\/p>\n<p>Biyyoonni kaanis meeshaa waraanaa niwukilaaraa qabaachuuf barbaaduun &#8221;akka malee yaaddeessaadha,&#8221; jedhaniiru. Biyyoonni akkaataa fayyadaman irratti ifatti haasa&#8217;uun baramaa dhufeera jedhaniiru. Gabaasa Ejansiin Annisaa Atoomikii Addunyaaf dhihaateen Giroosiin qorattoonni isaaniin Iraan iddoo oomisha niwukilaaraa kibba Teeraanitti argamutti gosa yuraaniyeemii akkaan badhaadhe dabalaa jiraachuu himaniiru. &#8221;Iraan tarkaanfii kana fudhachuun oomisha yuraaniyeemii \u2018UF6\u2019 jedhamu dhibbantaa 60&#8217;n akka dabalu taasisa&#8221; jedhaniiru. Iraan sagantaa niwukilaaraa meeshaa waraanaaf fayyadamuu akka qabdu haalaa turte. Giroosiin garuu bu&#8217;uuraaleen misoomaa niwukilaaraa biyyattii waggoota darban keessatti akkaan dabalaniiru.<\/p>\n<p>&#8221;Sagantaa niwukilaaraa akkaan guddate kallattiin barbaadamuun hunda dabalaa jiru qabu&#8221; jedhaniiru. Akka Giroosiin jedhanitti ejjennoon Iraan bara 2015 fi kan bara 2025 tokko miti. Giroosiin, yuraaniyeemii dhibbantaa 60 qabaachuu jechuun yoo barbaadan meeshaa waraanaa niwukilaara oomishuu danda&#8217;u. Haala kanaan dubbiin hammaachuu argaa jirra, kun immoo yaaddessaadha,&#8221; jedhaniiru. Yeroo Iraan daawwatanitti Giroosiin hoggannoonni Iraan oomisha yuraaniyeemii dhibbantaa 60 akka daangessan isaan amansiisuu himaniiru.<\/p>\n<p>Israa&#8217;el bu&#8217;uuraalee misoomaa niwukilaaraa Iraan irratti haleellaa ifa tahe banuu baattus ministiroonni biyyattii garuu dhimmicha ifatti mari&#8217;achaa turuu kaasaniiru. &#8221;Irraanfachuu kan hinqabne oomishni sagantaa niwukilaaraa Iraan lafa jala kan adeemuufi akkaan eegamaadha. Tarkaanfiin sagantaa kanarratti taasifamu hundi humna guddaa bobbaasuu gaafata&#8221; jedhaniiru. &#8216;Achi hin geenya jedheen abdii qaba. Bu&#8217;uuraalee misoomaa niwukilaaraa yoo haleelte miidhaa carallaa ykn raadiyoolojii fidee dhufa,&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Guddinaa Asaffaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti hogganaan qaama dhimma niwukilaaraa hordofu Iraan yuraaniyeemii fooyya&#8217;aa tahe oomishuuf murteesssuun &#8221;akkaan yaaddessaadha,&#8221; jedhaniiru. Raafaa&#8217;el Giroosiin Ejansii Aannisaa Atoomikii Addunyaatti hogganaa olaanaadha.\u00a0 Iraan oomisha yuraaniyeemii fooyya&#8217;aa ishee gara harka 60 tti akka guddiste himaniiru. Tahus qulqullinni oomishichaa kan meeshaa waraanaa niwukilaara oomishuuf isa barbaachisuun gadi ta&#8217;uu dubbataniiru. Biyyoonni biroon tarkaanfichi\u00a0 rakkoo waraanaafi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4738,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4737"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4737"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4737\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4739,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4737\/revisions\/4739"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4738"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4737"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4737"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4737"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}