{"id":4746,"date":"2025-01-09T13:40:44","date_gmt":"2025-01-09T13:40:44","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4746"},"modified":"2025-01-09T13:40:44","modified_gmt":"2025-01-09T13:40:44","slug":"tapha-qillee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/01\/09\/tapha-qillee\/","title":{"rendered":"Tapha Qillee"},"content":{"rendered":"<p>Ayyaanni yaadannoo Dhaloota IyyasuusKiristoos, ayyaanota waggaa waggaadhaan kabajamaniifi ibsama aadaa garagaraa qaban keessaa isa tokkodha. Ayyaanni kun hordoftoota amantii Kiristaanaa biratti sirnoota adda addaatiiniifi taateewwan garaagaraatiin ni kabajama. Gaafa ayyaanni yaadannoo Dhaloota Iyyasuus Kiristoos ga\u2019u muka pilaastikarraa qophaa\u2019e bareechuun, abbaa ayyaanichaa jedhamee kan beekamu \u2018Saantaakiloos\u2019 huccuu diimaafi adii uwwisanii mukicha biratti suura ka\u2019uu, kanneen ayyaanicha kabajanis huccuu diimaa uffatanii kabajuun baramaa dhufeera. Biyya keenya Itoophiyaattis haalli kabajaa kun bifa aadummaa isaa isa durii dhiisuun taatee eerame kanaan liqimfamaa akka jiru ragaaleen ni agarsiisu.<\/p>\n<p>Haala kana sirreessuuf keessumaa dhaabbiileen hojii mootummaa kanneen akka aadaa fi turizmii sadarkaa sadarkaarra jiran irratti hojjechuun barbaachisaadha. Haalli kabaja ayyaana yaadannoo Dhaloota Iyyasuus Kiristoos duraan taphoota aadaatiin beekamu iddoo isaatti akka deebi\u2019uuf taphoota aadaa naannawaa biyya keenyaa adda addaatti beekaman deebifachuu ni feesisa. Taphoota aadaa kanneen akka qillee, gugsii fardaa, saddeeqaafi kkfn taphoota gaafa ayyaana yaadannoo Dhaloota Iyyasuus Kiristoos keessattuu dargaggootaan taphatamanidha. Ayyaanni kun taphoota kanneeniin waa\u2019eelfamee bifa aadummaa isaa eeggateen ni kabajama. Naannawa Shawaa Kabaattis ayyaannichi kun bifa ho\u2019aatiin kabajama.<\/p>\n<p>Ayyaanni yaadannoo Dhaloota IyyasuusKiristoos, ji`a Muddee keessa kan kabajamu yommuu ta\u2019u, yeroo ayyaanichi dhiyaachaa deemu keessattuu dargaggoonni walitti dhufanii taphoota aadaa adda addaa ni taphatu. Taphoota kanneen keessaas taphi qillee isa tokkodha. Dargaggoonni tapha kana taphatan garee lamatti qoodamuudhaan garee gamaafi gamanaa ta\u2019uun kubbaa geengoo xiqqoo muka jabaarraa hojjetamte uleedhaan rukutanii gareen inni tokko garee isa birootti kubbaa qophoofte uleedhaan rukuchaa walitti galchu. Kubbaa fi ulee ittiin tapahatan qopheessuun dursee kan eegalamu yommuu ta\u2019u, kana gochuufis yeroo kan fudhatuu ta`uun ni himama. Gareen waliin taphatan akka walitti dhiheenyaafi wal beekumsa isaaniitti gurmaa\u2019u.<\/p>\n<p>Haala taphichaatiin gareen kubbittii rukutee garee faallaarratti qabxii caalaa yoo galmeesise ni mo`ata jechuudha. Taphni aadaa dhihaachuu ayyaanichaan wal qabatee taphatamu kutaalee biyya keenyaa adda addaatti beekamaadha keessattuu guyyaa ayyaanichaa ganama irraa eegalee bakka abbootiin seeraa taphichaa ta\u2019an argamanitti gareewwan lama qophaa`an taphasaanii akka adeemsifatan taaisfama. Tapha kana keessatti yeroo baay\u2019ee wal rukutuun uumamuu waan danda\u2019uuf ofeeggannoon akka taphataniifi keessumaa beekaa akka wal hin rukunneef abbootiin seeraa taphichaa gidduu dhaabatanii ilaaluun walitti araarasanii sirreessu. Tapha kanarratti haala dargaggoonni garee uumanii mo\u2019achuuf taphataniifi haala deeggartoonni haamilee itti kennan daran nama hawwata. Erga taphichi dhumee booda gareen injifate badhaasawwan kan akka hoolaafi dhugaatiiwwan aadaa badhaafamuun injifannoosaanii waliin sirbanii kabajatu. Gareen injifates garee injifatameef cimina isaa agarsiisuuf aarsuuf sirboota aadaa naannawichatti beekaman sirbaa marsu. Taphni qillee kan adeemsifamu dhiirota qofaan yoo ta\u2019u taphattoonnis huccuu aadaa naannawa isaaniitti beekamu uffachuuni kan taphatamu. Tapha qilleerratti yeroo wal miidhan walgaafachuun hin jiru. Kunis ayyaana dhiifamaafi kan xiqiin itti qabatamu akka hin taane kan agarsiisudha.<br \/>\nTapha aadaa kanaan wal maddiittis, gugsiin fardaa guyyichatti kan adeemsifamu yoo ta\u2019u, taphni kun garuu addatti kan tapha qilleeti jechuun nama hindandeesisu. Sababni isaaa ayyaanoota biroo fi sagantaawwan garagaraarraa irrttis gugsiin fardaa waan adeemsifamuufi. Taphni aadaa kun keessumaa naannawaa magaalaatti dagatamaa waan jiruuf keessumaa qaamni mootummaa dhimmichi ilaallatuufi dhimmicha irratti hojjetu miidhaginasaa eeggatee dhalootatti akka dabarfamuuf hojii bal\u2019aa hojjechuu qaba. Maanguddoonnii fi ga\u2019eessoonni aadaa kana dhaloota barsiisuudhaan, daa`immanii fi dargaggoonni immoo barachuuf qophii ta\u2019uudhaan tapha kana dhalootatti ceesisuun ni barbaachisa. Walumaagalatti taphoonni aadaa Dhaloota Iyyasuus KIristoos wal qabachuun taphatamanis haa ta`u kanneen biroon dhimmoota garagaraa irratti taphataman dhalootatti akka darbaniif hojiin hojjetamu cimee itti fufu qaba. Barreeffamicha gabbisuuf odeeffannoo press.et irraa arganne fayyadamneerra.<br \/>\nMilkeessaa Dheeressaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Ayyaanni yaadannoo Dhaloota IyyasuusKiristoos, ayyaanota waggaa waggaadhaan kabajamaniifi ibsama aadaa garagaraa qaban keessaa isa tokkodha. Ayyaanni kun hordoftoota amantii Kiristaanaa biratti sirnoota adda addaatiiniifi taateewwan garaagaraatiin ni kabajama. Gaafa ayyaanni yaadannoo Dhaloota Iyyasuus Kiristoos ga\u2019u muka pilaastikarraa qophaa\u2019e bareechuun, abbaa ayyaanichaa jedhamee kan beekamu \u2018Saantaakiloos\u2019 huccuu diimaafi adii uwwisanii mukicha biratti suura ka\u2019uu, kanneen ayyaanicha [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4747,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[41],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4746"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4746"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4746\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4748,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4746\/revisions\/4748"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4747"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4746"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4746"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4746"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}