{"id":4756,"date":"2025-01-10T06:08:00","date_gmt":"2025-01-10T06:08:00","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4756"},"modified":"2025-01-10T06:08:00","modified_gmt":"2025-01-10T06:08:00","slug":"malaanmaltummaan-gufuu-guddina-biyyaa-tauu-itti-fufeera","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/01\/10\/malaanmaltummaan-gufuu-guddina-biyyaa-tauu-itti-fufeera\/","title":{"rendered":"Malaanmaltummaan Gufuu Guddina Biyyaa Ta&#8217;uu Itti Fufeera"},"content":{"rendered":"<p>Malaammaltummaan irra caalmaan yakka aangoo dahoo gochuun, imaanaa uummataa dagachuu, safuufi duudhaa uummataas cabsuun faayidaa ittiin hin dadhabiniifi qaxxaamuraan duromuuf gocha raawwatamudha.\u00a0 Malaanmaltummaan faayidaa garee yookiin dhunfaatiif jecha sirnoota,\u00a0 seeroota,\u00a0 hojmaataafi qajeelfamoota caabsuudha. Gochi kun ijaarsa sirna dimokiraasii, guddina dinagdeefi hawaasummaa jeequun birmadummaa biyyaa irratti dhiibbaa kan geessisu barmaata aadmaleedha. Malaanmaltummaan iddoon osoo hin daangeessin bakka kamittuu raawwatamuu kan danda&#8217;u gocha seeraan alaati.\u00a0 Malaammaltummaan maallaqa saamuu yookaan matta\u2019a fudhachuu qofaa miti, qaamnii itti gaafatamaan ramadame tokko itti gaafatamummaa isaa fedhii mataa isaaf yoo taasiisee yookaan itti gaafatamummaa isaa fayyadame hojii hin mallee yoo hojjete, malaanmaltummaadha jedhame ni fudhatama.<\/p>\n<p>Keessumaa waraannifi tasgabbii dhabuun, malaanmaltummaaf haala mijataa kan uumu ta&#8217;u ragaaleen garaagaraa ni agarsisu. Naannoo Amaaraattis rakkoon nageenyaa uumame hojimaatni badaafi malaanmaltummaan akka babal&#8217;atu daandii saaqeera.\u00a0 Malaanmaltummaan haala barbaadamuun akka hin hojjetamne gufuu guddaa ta&#8217;uus jiraattootni dubbisne himaniiru.\u00a0 Shamarree Yaalamwarq\u00a0 Habtaamuu carraa hojii biyya alaa argattee, waan ishee barbaachisu guutachuuf biiroo Immigreeshiniifi tajaajila lammummaatti argamtee dabaree eegaa akka jirtu nutti himteetti.\u00a0 Paaspoortii baafachuuf bellamni kennameef gara guyyoota torbaa ol deddeebitus hanga ammaatti xumuruu akka hin dandeenye dubbatteetti. Namootni ishee booda galma&#8217;aan garuu sababa hin beekamneen yeroo isaan saffisaan xumuranii fudhatan ijaan arguu ishee eerteetti. Kennaan tajaajila naannawa sanatti hawaasaaf kennamu rakkoo guddaa kan qabu ta&#8217;us waan taajjabdeerraa ka\u2019uun dubbatteeti.<\/p>\n<p>Komishinii farra malaanmaltummaa naannoo Amaaraatti daayireektara ijaarsa naamusaa, qorannoofi qo&#8217;annoo ittisa malaanmaltummaa, obbo Gabayyahu Xiruusaw, malaanmaltummaan namootni, qabeenya hojiifi dafqa isaaniin argachuu hin dandeenye, yookiin faayidaa hojii idilee isaaniitiin argachuu hin dandeenye argachuuf itti gaafatamummaa isaanii gara duubatti dhiisuun, karaa qaxxaamuraan raawwatniidha jedhaniiru.\u00a0 Malaanmaltummaan naannichatti sadarkaa inni irra jiru beekuuf qorannoo akka gaafatu kan himan daayireektarichi,\u00a0 haata&#8217;u malee kennaa tajaajilaa irratti akka naannootti rakkoon guddaa akka jiru agarsistuun jiraachuu eeraniiru.<\/p>\n<p>\u2018\u2019Lammiileen tajaajila argachuu qaban bakka hundaatti bilisaan argachaa jiru jenne yoo ilaalle, dhugaarraa kan fagaatedha\u2019\u2019 jechuun haala jiru kaasaniiru. Keessumaa naannichatti rakkoon nageenyaa muudate, lammiileen kennaa tajaajila haqa qabeessa ta&#8217;e akka hin argannee taasisaa jiraachuufi malaanmaltummaafis haala mijataa kan uumuu ta&#8217;u himaniiru.\u00a0 \u2018\u2019Muxannoon addunyaa akka agarsisuutti waaraanni saaxilamummaa malaanmaltummaa daran akka dabalu taasisa\u2019\u2019 kan jedhan daayireektarichi, haala qabatamaa naannicha keessa amma jiruun, yakki malaanmaltummaa daran akka hidda godhatu, weerarri lafaa akka baba&#8217;latu, gibira mootummaaf kaffalamuu maluu dhooksuu, waraana bu&#8217;uura gochuun bu&#8217;aa hin malle argachuuf tattaaffachuu, waraana waliin walqabatee olola hin taane tamsaasuun hawaasni jireenya tasgaba&#8217;aa akka hin jiraanne taasisuufi saamichi jiraachuu himaniiru. Rakkoon nageenyaa naannichatti uumame,\u00a0 rakkoo\u00a0 kennaa tajaajila sirreessuufi malaanmaltummaa ittisuuf tattaaffii taasifamurratti gufuu guddaa ta&#8217;uu obbo Gabayyahu hubachisaniiru.\u00a0\u00a0 Malaanmaltummaafi hojmaatni badaan,\u00a0 guddina dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa kan miidhu waan ta&#8217;eef malaammaltummaafi hojmaata badaa bu\u2019uura irraa dhabamsisuuf, dhaabbilee ijaarsa safuuf naamusa gaarii dagaagsan jabeessuufi dhaloota egeree hojmaata badaa balaaleeffatu uumuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Malaanmaltummaan qabeenyi harka namoota muraasatti akka galuu, namootni hedduun immoo qabeenya isaanii akka dhaban taasisuun dinagdee irratti miidhaa guddaa dhaqqabsisuu akka danda\u2019u kan himan, obbo Gabayyahu, garaagarummaan jireenya lammiilee gidduu jiruus akka daran bal&#8217;atu taasisaa jechuun himaniiru. Dhiibbaan dinagdee yeroo dabalaa dhufu immoo dhiibbaan siyaasaa akka dabaluu taasisuuniifi hariiroon hawaasummaas akka garaagarummaa qabaatu taasisuun, kufaatii biyya tokkoof sababa ta&#8217;uu akka malu akeekkachisaniiru.<\/p>\n<p>Soonaan waliin jireenya uummataa akka laafuu kan taasisuu ta&#8217;us hubachisaniiru. Walumaagalatti dhabamuun nageenyaa, uummata nagaa barbaaduuf qormaata guddaa ta&#8217;aa dhufuufi namoota osoo hin hojjetiin duroomuuf qabeenya uummataa saamaniif immoo carraa guddaa kan uumuuf ta&#8217;uu himaniiru. Dhiibbaa hamaa malaammaltummaan biyyaafi lammiileerraan ga\u2019u qolachuufis qabsoo farra malaammaltummaa bu\u2019uura uummataa qabu milkeessuun barbaachisaa ta&#8217;uu himaniiru. Malaanmaltummaa ittisuuf komishiniin farra malaanmaltummaa, dhaabbilee haqaafi dhaabbiileen naannacha keessa jiran biroo waliin qindomuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Uummatni naannichaas qaamolee osoo hin hojjetiin dafqa namaatiin qabeenya kuusachuu barbaadan, sodaa tokko malee saaxiluun gahee isaaniirraa eegamu bahachuu akka qaban gaafataniiru.<\/p>\n<p>Dhaabbileen barnootaas cabinsa naamusa nu muudate suphuun, lammii faayidaa biyyaafi itti fayyadama uummata isaaf yaadu uumuun barbaachisaa ta&#8217;uu himaniiru. Dhaabbileen amantaas malaanmaltummaa hojjechuun waaqa biratti cubbuu akka ta&#8217;eefi safuu hawaasichaa kan cabsu akka ta&#8217;e barsiisuu qabu jedhaniiru. \u2018\u2019Hawaasni malaanmaltummaa irratti darbee darbee eeruu kennus, gahaadha jechuu hin danda&#8217;amu\u2019\u2019 kan jedhan obbo Gabayyahu,\u00a0 qaamni malaanmaltummaan yeroo raawwatamu argu kamiyyuu eeruu sodaa malee\u00a0 kennuun,\u00a0 miidhaa qabeenya uummataafi mootummaa irraan gahu hambisuu qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Malaanmaltummaan guddina biyyaa kan qucarsuufi misooma biyyaas kan gufachisuu waan ta&#8217;eef qaamni hundu balaaleffatu qaba jechuun ergaa isaanii dhaamaniiru. Naannichatti hojii malaanmaltummaa irratti hojjetameen qabeenya hedduu qisaasa&#8217;ummaarra baraanuun danda&#8217;amus daayrektarichi himaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Malaammaltummaan irra caalmaan yakka aangoo dahoo gochuun, imaanaa uummataa dagachuu, safuufi duudhaa uummataas cabsuun faayidaa ittiin hin dadhabiniifi qaxxaamuraan duromuuf gocha raawwatamudha.\u00a0 Malaanmaltummaan faayidaa garee yookiin dhunfaatiif jecha sirnoota,\u00a0 seeroota,\u00a0 hojmaataafi qajeelfamoota caabsuudha. Gochi kun ijaarsa sirna dimokiraasii, guddina dinagdeefi hawaasummaa jeequun birmadummaa biyyaa irratti dhiibbaa kan geessisu barmaata aadmaleedha. Malaanmaltummaan iddoon osoo hin daangeessin [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4757,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4756"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4756"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4756\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4758,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4756\/revisions\/4758"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4757"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4756"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4756"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4756"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}