{"id":4759,"date":"2025-01-10T06:17:47","date_gmt":"2025-01-10T06:17:47","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4759"},"modified":"2025-01-10T06:17:47","modified_gmt":"2025-01-10T06:17:47","slug":"hayyuleen-faayidaa-biyyaalessaa-kabachisuuf-gahee-olaana-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/01\/10\/hayyuleen-faayidaa-biyyaalessaa-kabachisuuf-gahee-olaana-qabu\/","title":{"rendered":"Hayyuleen Faayidaa Biyyaalessaa Kabachisuuf Gahee Olaana Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Hayyuleen guddinaafi ijaarsa biyyaa keessatti\u00a0 gahee bakka bu&#8217;uummaa hin qabne taphatu.\u00a0 Qo&#8217;annoofi qorannoo, rakkoo\u00a0 hiikuu danda&#8217;an hojjechuuniifi dhaloota qaruun hayyootni gaheen isaan qaban guddaadha.\u00a0 Keessattuu rakkoolee biyyaalessaa adda baasuun, furmaata akka argatan taasisuuf,\u00a0 itti gaafatamummaa guddaa hayyoota irraa\u00a0 kan eegamudha.\u00a0 Rakkoolee guddinaafi misooma biyyaaf gufuu ta&#8217;an waaraan furuun, waliigaltee biyyaalessaa uumuufi guddina hunda galeessa fiduuf tattaaffii taasifamuu keessatti gahee adda durummaa akka qabanis ni ibsama.<\/p>\n<p>Faayidaa biyyaalessaa kabachisuufi tokkummaa biyyaa uummuufis gaheen hayyoota akka salphaatti kan ilaalamu miti. Rakkoolee biyya miidhuu danda&#8217;an hundeerraan hiikuuf hayyootni humna guddaadha kan qaba. Haata&#8217;umalee hayyootni beekumsaafi dandeettii qaban fayyadamuun biyyaafi uummata isaanii tajaajilu irratti hanqina akka qaban komiin ni ka&#8217;a.<\/p>\n<p>Jiraata Magaalaa Addis Ababaa kan ta&#8217;an obbo Tamsgan Tasfaahuun, biyyattiin hayyoota hedduu qabdus kanneen qorannoofi qo&#8217;annoo rakkoo hiikuu danda&#8217;an hojjechuun kan biyyaaf tattaafatan garuu lakkoofsaan xiqqaa ta&#8217;uu akka danda&#8217;u tilmaama isaanii kaa&#8217;aniiru.\u00a0 Haayyootni waan isaan irraa eegamu yoo sirnaan bahatan,\u00a0 biyyattiin rakkoolee ishee muudatan keessaa baatee, gara guddinaafi misoomaatti imaluu akka dandeessu yaada isaanii kennaniiru. Fedhiifi itti fayyadamuummaa biyyattii mirkaneessuufis hirmaannaan hayyulee olaanaa ta&#8217;us kaasaniiru. Keessumaa, hayyuleen faayidaa biyyaalessaa kabachisuuf hariiroofi dippiloomaasii irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qabu jechuun himaniiru. Guddina biyya tokkof humni namaa barate murteessaa ta&#8217;uu kan himan jiraataan kun, namni barate, hawaasa keessatti dhagahamummaa waan qabuuf,\u00a0 dhalotni daandii qajeelaafi hojii biyya fayyadu akka hordofu taasisuu keessatti bakka olaanaa qabu jedhaniiru.<\/p>\n<p>Yuunvarsiitii Dabaarqiitti barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta&#8217;an Birihaanuu Taaddasa, faayidaan biyyaalessaa, biyyi birmadummaa qabdu tokko hariiroo biyyoota alaa waliin qabdu bu&#8217;uura gochuun faayidaa ishee kabachisuuf tattaaffii taasiftu \u00a0akka ta&#8217;e kaasaniiru. Fedhiifi faayidaa biyyaalessaa kabachisuuf immoo\u00a0 humni namaa barate qooda oolaanaa qabaachuu hubachisaniiru.\u00a0 Biyyi ijaaramuu kan dandeessu namoota barataniin yookiin hayyootaan\u00a0 ta&#8217;uu kan kaasaan barsiisaan kun, qorannoofi qo&#8217;annoo biyyattif faayidaa busuu danda&#8217;an hojjechuun, hariiroo\u00a0 biyyoota alaa waliin qabdu akka cimuu ogummaa isaaniin deeggaruun,\u00a0 hojii dippilomaasii hojjechuun,\u00a0 seeminarootaafi waltajiiwwan marii faayidaa biyyaalessaa kabachisuu danda&#8217;an qopheessuuniifi uummatni isaanii hubannoo walfakkataa akka qabaatan taasisuun hojii isaanii kan jalqabaa ta&#8217;u addeessaniiru.<\/p>\n<p>Hundaa ol hayyuleen qorannoo hojjechuu, kan hojjetame hubachisuu, barnoota faayidaa biyyaalessaa irratti xiyyeeffatan barsiisuu, dhaloota faayidaan biyyaalessa maal akka ta&#8217;e\u00a0 hubachuu danda&#8217;u uumuun dirqama isaan irraa eegamu ta&#8217;uu ibsaniiru.\u00a0 Dhaabbileen qo&#8217;annoofi qorannoo, dhaabbiileen barnootaa,\u00a0 lammii faayidaa biyyaalessaa irratti mariif hin teenye horachuuf hojjechuu akka qabanis gorsaniiru. Haala qabatamaa amma jiruun hayyuleen faayidaa biyya isaanii kabachisuuf akka dippiloomaatii ta&#8217;anii kan hojjetan, miidiyaadhaan dhimma biyya isaaniif dursa kennuun kan\u00a0 falmaa oolan hedduun akka jiranis eeraniiru. Kanaanis, dhimma hidha haaromsa guddichaafi fedhii hulaa galaanaa biyyattiin qabdu waliin wal qabatee, hayyuleen hedduu hojjechaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.<\/p>\n<p>Dhiibbaa biyyootni alaa Itoophiyaa irratt dhaqqabsisan qolachuufis hayyuleen jaalala biyyaa qaban, arsaa guddaa kaffalan jiraachuu kaasaniiru. Hayyuleen biroos muuxannoo hayyulee biraa irraa fudhachuun faayidaafi kabaja biyya isaaniif\u00a0 kutannoon hojjechuu akka qaban hubachisaniiru.\u00a0 &#8220;Biyya abbootiin keenya osoo hin baratiin, faayidaafi birmadummaa ishee kabachisanii nu dhaalchisan itti fufsisuuf, nuti hayyuleen itti gaafatamummaa seenaa ni qabna&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Faallaa kanaan immoo hayyuleen faayidaa biyyaan oolitti faayidaa dhunfaaf dursa kennuun hojjetanis jiraachuu eeraniiru.\u00a0 Hayyuleen seenaa dogogoraan seeneffame mari&#8217;achuun sirreessuufis carraa guddaa harka isaaniirra jiraachuu kaasaniiru. Waliin mari&#8217;achuun seeneffama dogoggoraa uumama turee sirreessuun, dhalota sababaan amanu uumuun barbaachisaadha jedhaniiru.\u00a0 Cabiinsa seenaa ture sirreesuun, dhaloota kallattii dogoggoraan deemu gorsuuniifi kallattii sirrii agarsisuun hayyuleen fakkeenya ta&#8217;uun cimanii hojjechuu qabus jedhaniiru.<\/p>\n<p>&#8221;Dhaloota birmadummaafi faayidaa biyyaalessaa kabachisuu danda&#8217;uu horachuufis imaammatni barnoota keenya sakatta&#8217;amuu qaba\u2019\u2019 kan jedhan hayyuun kun, imaamtni barnootaa biyya fayyisuufis ajjeesuufis gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaafuu dhaloota faayidaa biyyaalessaa kabachisu uumuuf barnoota irratti xiyyeeffatanii hojjechuun fala guddaa ta&#8217;u himaniiru. Fulduraafis biyya birmadummaan ishee kabajame ijaaruuf hayyuleen yeroo kamiyyuu caalaa cimanii hojjechuu akka qabanis barsiisaan kun gorsaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Hayyuleen guddinaafi ijaarsa biyyaa keessatti\u00a0 gahee bakka bu&#8217;uummaa hin qabne taphatu.\u00a0 Qo&#8217;annoofi qorannoo, rakkoo\u00a0 hiikuu danda&#8217;an hojjechuuniifi dhaloota qaruun hayyootni gaheen isaan qaban guddaadha.\u00a0 Keessattuu rakkoolee biyyaalessaa adda baasuun, furmaata akka argatan taasisuuf,\u00a0 itti gaafatamummaa guddaa hayyoota irraa\u00a0 kan eegamudha.\u00a0 Rakkoolee guddinaafi misooma biyyaaf gufuu ta&#8217;an waaraan furuun, waliigaltee biyyaalessaa uumuufi guddina hunda galeessa fiduuf [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4760,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4759"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4759"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4759\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4761,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4759\/revisions\/4761"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4760"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4759"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4759"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4759"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}