{"id":4762,"date":"2025-01-11T10:14:53","date_gmt":"2025-01-11T10:14:53","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4762"},"modified":"2025-01-11T10:14:53","modified_gmt":"2025-01-11T10:14:53","slug":"yuukireen-ujummoo-bobaaa-raashiyaa-gara-awurooppaatti-geessu-addaan-kutte","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/01\/11\/yuukireen-ujummoo-bobaaa-raashiyaa-gara-awurooppaatti-geessu-addaan-kutte\/","title":{"rendered":"Yuukireen Ujummoo Boba&#8217;aa Raashiyaa Gara Awurooppaatti Geessu Addaan Kutte"},"content":{"rendered":"<p>Dhiheessiin gaazii Raashiyaa karaa Yuukireeniin darbuun biyyoota Gamtaa Awurooppaaf dhaqu, waliigalteen waggoota shaniif dhaabbata geejjibaa boba&#8217;aa Yuukireen Naaftoogaaziifi Gaazpiroom Raashiyaa gidduutti ture erga xumuramee booda, Yukireen dhaabsiisuudhaaf dhaadatteetti. Pirezidaantiin Yuukireen Volodymiir Zelenskiin kanaan dura Gamtaan Awurooppaa akka qophaa&#8217;uuf yeroo waggaa tokkoo kennanii turan.<\/p>\n<p>Erga Yukireen yaada kaaste asitti, Komishiniin Awurooppaa sirni boba&#8217;aa ardiittii kan balaa &#8221;dandamachuu danda&#8217;uufi jijjiiramaa&#8221; ta&#8217;uu ibsanii dhiheessiin karaa Yuukireen yoo dhaabbates dandamachuuf dandeettii gahaa akka qaban himeera. Raashiyaan ammayyu karaa ujummoo &#8216;Turk Stream&#8217; tiin Galaana Gurraacha qaxxaamuree gara Haangaarii akkasumas Turkiifi Sarbiyaatti boba&#8217;aa erguu dandeessi. Dhiheessiin karaa Yuukireeniin darbu dhaabbachuunsaa boba&#8217;aa Raashiyaa gatii gadaanaan Gamtaa Awurooppaaf dhaqaa ture kan dhaabsiisuudha.<\/p>\n<p>Islovaakiyaan baay\u2019ee kan miidhamte yoo ta\u2019u, Komishiniin Awurooppaa ammoo &#8221;galanni karoora of eeggannoofi dhiheessii filamaataaf haata&#8217;u maleessaa&#8221; dhiibbaansaa murtaa&#8217;aadha jedhan. Haata\u2019u malee, dhiibbaan tarsiimoofi fakkeenyummaa tarkaanfiin kun guutuummaa Awurooppaa irratti qabaatu ammoo guddaadha. Raashiyaan gabaa barbaachisaa kan dhabdu yoo ta&#8217;u, pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin garuu biyyoota Gamtaa Awurooppaatu caalaatti miidhama jedhaniiru. Gamtaan Awurooppaa erga Raashiyaan \u00a0Akka Lakkoofsa Awuroppaa bara 2022&#8217;tti Yukireen irratti weerara guutuu jalqabdee asitti boba&#8217;aa Raashiyaa irraa galchu haalaan hir\u2019isaniiru. Haata&#8217;u malee biyyoonni miseensa bahaa baay&#8217;een ammayyu baay&#8217;inaan dhiheessii kana irratti kan hirkatanidha. Raashiyaan Boba\u2019aa gara biyyoota Awurooppaatti ergiturraa waggaatti galii Yuuroo biiliyoona 5 kan argattu ta\u2019uu BBCn gabaaseera.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhiheessiin gaazii Raashiyaa karaa Yuukireeniin darbuun biyyoota Gamtaa Awurooppaaf dhaqu, waliigalteen waggoota shaniif dhaabbata geejjibaa boba&#8217;aa Yuukireen Naaftoogaaziifi Gaazpiroom Raashiyaa gidduutti ture erga xumuramee booda, Yukireen dhaabsiisuudhaaf dhaadatteetti. Pirezidaantiin Yuukireen Volodymiir Zelenskiin kanaan dura Gamtaan Awurooppaa akka qophaa&#8217;uuf yeroo waggaa tokkoo kennanii turan. Erga Yukireen yaada kaaste asitti, Komishiniin Awurooppaa sirni boba&#8217;aa ardiittii kan balaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4763,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[42],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4762"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4762"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4762\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4764,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4762\/revisions\/4764"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4763"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4762"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4762"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4762"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}