{"id":4770,"date":"2025-01-11T10:23:57","date_gmt":"2025-01-11T10:23:57","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4770"},"modified":"2025-01-11T10:23:57","modified_gmt":"2025-01-11T10:23:57","slug":"4770","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/01\/11\/4770\/","title":{"rendered":""},"content":{"rendered":"<p>Leenjiin Atileetiksii Daa&#8217;immanii Guyyoota Sadiif Magaalaa Daseetti Gaggeeffamaa Ture Xumurame<\/p>\n<p>Leenjiin atileetiksii daa\u2019immanii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaan qophaa&#8217;e Bulchiinsa\u00a0 Magaalaa Daseetti Muddee 23\/25 bara 2017tti kennamaa ture milkaa\u2019inaan xumurameera. Xumura Atileetiksii Daa\u2019immanii irratti leenjiin qabatamaa leenjistootaan kan kenname yoo ta\u2019u, barattoonni umurii waggaa 8-12 ta\u2019an gareedhaan walitti qabamanii meeshaa atileetiksii kennameen leenjiicha barattootaaf kennaniiru.<\/p>\n<p>Barsiisoota leenjicha irratti hirmaatan Federeeshinii kana galateeffachuun leenjii kanarraa beekumsaafi muuxannoo gaarii argachuu isaanii ibsanii &#8221;waan baranne hojiitti jijjiiruun ni hojjanna&#8221; jedhaniiru. Itti aansuudhaan Inispeektar Admaasuu Saajii, atileetiksii daa\u2019immanii irratti qooda fudhattoonni hundi yoo waliin hojjetan faayidaan biyyattiif argamu guddaa ta&#8217;uusaa ibsaniiru. Leenjistoonni daa\u2019imman leenjisuu irratti xiyyeeffachuu akka qaban himaniiru. Dabaluun Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaas bara 2017tti leenjii magaalotaafi naannolee biroof dhaqqabamaa taasisuuf to\u2019annoo irrattis ni gargaara, ni hojjetas jedhaniiru.<\/p>\n<p>Haaluma walfakkaatuun sochiin gahumsa qaamaa 12ffaan magaalaa Daseetti mata duree &#8221;Ispoortiin nageenyaaf&#8221; jedhuun gaggeeffameera. Hirmaattota sochii gahumsa qaamaa taasisan AMECO\u2019n dubbise keessaa hirmaataan Umar Yusuuf ulfaatinni qaamasaa kilogiraama 91 kan ture torbanitti guyyaa jaha sochii qaamaa taasisuun ulfaatinni qaamasaa gadi buhuu\u00a0 danda&#8217;uu dubbateera. Hirmaattonni biroos\u00a0 sochii &#8221;qaamaa taasisuun faayidaa hedduu arganneerra&#8221; jedhaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggootaafi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Dasee obbo Sa&#8217;id Arraagaaw akka jedhanitti, kaayyoon guddaan Shaakala Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Desee 12 ffaan barbaachisummaa ispoortiin nagaaf qabu ibsuu, humna ispoortiin tokkummaafi nagaaf qabu ta&#8217;uu kaasaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamichi sochiin ispoortii jiraattonni sochii qaamaa amala taasifachuun dhukkuboota irraa of eeguuf kan qophaa\u2019e ta\u2019uu ibsaniiru. Akkasumas amalli sochii qaamaa raawwachuu jiraattota magaalaa Dasee yeroo yerootti fooyya\u2019aa dhufuu himaniiru.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Leenjiin Atileetiksii Daa&#8217;immanii Guyyoota Sadiif Magaalaa Daseetti Gaggeeffamaa Ture Xumurame Leenjiin atileetiksii daa\u2019immanii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaan qophaa&#8217;e Bulchiinsa\u00a0 Magaalaa Daseetti Muddee 23\/25 bara 2017tti kennamaa ture milkaa\u2019inaan xumurameera. Xumura Atileetiksii Daa\u2019immanii irratti leenjiin qabatamaa leenjistootaan kan kenname yoo ta\u2019u, barattoonni umurii waggaa 8-12 ta\u2019an gareedhaan walitti qabamanii meeshaa atileetiksii kennameen leenjiicha barattootaaf kennaniiru. Barsiisoota leenjicha [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4771,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[47],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4770"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4770"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4770\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4772,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4770\/revisions\/4772"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4771"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4770"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4770"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4770"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}