{"id":4783,"date":"2025-01-23T08:36:37","date_gmt":"2025-01-23T08:36:37","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4783"},"modified":"2025-01-23T14:44:11","modified_gmt":"2025-01-23T14:44:11","slug":"imimmaan-abbootii-haadhooliifi-uummata-keenyaa-haquuf-waamicha-mootummaan-taasise-fudhachuun-nagaan-senneerra-miseensoota-shanee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/01\/23\/imimmaan-abbootii-haadhooliifi-uummata-keenyaa-haquuf-waamicha-mootummaan-taasise-fudhachuun-nagaan-senneerra-miseensoota-shanee\/","title":{"rendered":"&#8220;Imimmaan Abbootii, Haadholiifi Uummata Keenyaa Haquuf Waamicha Mootummaan Taasise Fudhachuun Nagaan Senneerra&#8221;\u00a0 Miseensota Shanee"},"content":{"rendered":"<p>Nageenyi wabii waan hundaati. Hojjetanii jijjiiramuuf, bahanii galuuf dhalchanii guddisuufi sochii guyyuu dhala namaa keessatti nageenyi gatii guddaa qaba. Waa&#8217;ee hojii keenya boru karoorsuu kan dandeenyu yoo nagaan jiraatedha. Bakka nageenyi hin jirreetti garuu misoomuufi guddachuu miti bahanii galuun rakkisa ta&#8217;u akka danda&#8217;u kan nama shakkiisisuu miti.<\/p>\n<p>Naannoo Amaaraatti rakkoon nageenya waggaa tokkofi ji&#8217;a\u00a0 ja&#8217;aan duraan godinoota garaagaraa keessatti muudate miidhaa namoomaafi qabeenya guddaa dhaqqabsiserera. Sadarkaa naannichatti qaamoleen hidhatanii socho\u2019aa turan yeroo ammaa karaa nageenyaa filatanii gara hawaasaatti makamaa jiru. Naannichatti hidhattonni seeraan alaa godinaalee garaagaraa keessatti socho\u2019a turan waamicha mootummaan dhihesseef fudhachuun nagaan gara hawaasaatti makamaa jiru.\u00a0 Naannoo Amaaraa bulchiisa sablammii Oromoottis qaamolee hidhatanii socho&#8217;aa turan uummata bulchiinsa sablammichaa irratti gidiraa hamaa geessisaniiru.<\/p>\n<p>Rakkoolee uummata irraan gahaa turan hambisuuf mootummaan yeroo adda addaattii qaamoolee hidhatanii bosona jiraniif, waamicha taasisaa tureera, taasisaas jira. Waamicha nageenyaa Kallattii mootummaa naannichaa kaa&#8217;ee bu&#8217;uura taasisuun bulchiinsi sablammichaas koree nageenyaa hundeessee qaamolee bosona jiraniif waamicha taasisa jira. Waamichi mootummaan taasise fudhachunis gareen shanee \u00a0hidhatanii socho&#8217;aa turan, hedduun harka kennachuun karaa nagaan gara uummataatti makamaa jiraachuu ragaan qajeelcha nageenyaafi tika uummataa bulchinsa sablammichaa irraa arganne ni mul&#8217;isa.<\/p>\n<p>Miseensootni garichaas\u00a0 bilbilaan Gaazexaa Hirkoo waliin turtii taasisaniin, miseensotni hedduun karaa nagaan galaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Miseensa shanee kan tureefi yeroo ammaa karaa nagaan gara hawaasaatti makame, Mohaammad Ahmad, \u00a0&#8220;qaamolee hidhatanii bosona jiraniin sobamee gara qabsoo hidhannoon deeggarame seenuu dubbateera. \u2018\u2019Oromoof qabsoofna jenne Oromoo gidirsaa turre, harka isaaniirrraa nyaannee deebisnee isaanuma dararaa turre&#8221; jedheera. Hojjetaa mootummaafi namoota beekamoo ugguruun birrii kuma 600 \u00a0hanga miliyoona tokko fudhachaa turanis, maallaqni sun garuu eenyu biratti akka hafuufi eessa akka gahu waan beekan akka hin beekne hubachiseera.<\/p>\n<p>Garichi\u00a0 gandaan wal qoodee faayidaa dhunfaa argachuufidha kan ummata dararu&#8221;\u00a0 jechuun dubbateera. Mohaammad, boodarratti yeroo dubbiin galuuf waamicha mootummaafi abbootiin gadaa taasisan fudhachuun karaa nageenyaa filatee galuu isaa himeera. \u2018\u2019Nageenya uummata keenyaaf jennee karaa nagaan senneerra&#8221; jedheera.\u00a0 Hojiilee misoomaa garaagaraa irratti bobba&#8217;uun, uummata isaaniitti mufate ture gammachisuuf kan hojjetan ta&#8217;uus himeera. Mohaammad, qaamoleen hidhatanii bosona jiran biroofis karaa nagaa filachuun gara maatiifi hawaasa isaanitti akka makaman waamicha dabarseera.<\/p>\n<p>Itti aanaan ajajaa garichaa, Girmaa Garbii, &#8220;osoo hin hubatiin uummata keenyaaf qabsoofna jennee, uummatni gidiraa hedduuf akka saaxilamu taasisuu keenyatti gaabbinee gara nagaatti deebine&#8221; jechuun himaniiru. Gareen kun saamichaafi badii uummata irratti dhaqqabsisaa turuufi faayidaa dhuunfaaf kan hojjechaa jiru ta&#8217;u hubatanii nageenya filachuus eeraniiru. &#8220;Imimmaan abbootii, haadhooliifi uummata keenyaa haquuf waamicha mootummaan taasise fudhachuun nagaan senneerra&#8221; jedhaniiru.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan qajeelcha nageenyaafi tika uummataa bulchinsa sablammii Oromoo obbo Abduu Jamaal,\u00a0 waamichi nageenya mootummaafi uummatni taasise hordofuun,\u00a0 \u00a0hidhattootni Shanee bosona turan 200 ol nagaan seenuu himaniiru. Hoggantootni garichaa jahas karaa nagaa kana filachuu ibsaniiru. Kun immoo, uummataaf boqqonnaa guddaa kan kenneefi uummatni gara hojii idilee isaatti akka garagalu ni taasisa jedhaniiru.<\/p>\n<p>Miseensota Shanee seenan kanaaf nageenyi isaanii akka eegamuuf mootummaan\u00a0 hubannoo hawaasaaf kennu dabalatee deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta&#8217;uu hubachisaniiru. Leenjii haaroomsa fudhatanii yeroo gara maatii isaanitti deebi&#8217;anis , waan hojjechuu qabaniifi carraan hojii uumamuu qabu irratti mariin taasifamaa jiras jedhaniiru.<\/p>\n<p>Kallattii mootummaan gubbaa hanga gaditti buusu bu&#8217;uura taasisuun,\u00a0 qabeenya nuti qabnuufi hojii isaaniif ta&#8217;u haala uumuun danda&#8217;amu irratti kaabineen bulchiinsa sablammichaa qaamolee gahee qabeessoota waliin mari&#8217;achaa jiraachuu himaniiru. Haala dinagdeedhaan dhaabuun danda&#8217;amu irratti xiyyeeffannaan kan hojjetamaa jiru ta&#8217;uusaati kan kaasan.<\/p>\n<p>Gareen Shanee nagaan seenan kun tasgabba&#8217;aanii jireenya idilee isaanii hawaasa waliin akka jiraatan hojiin hubannoo uumuu kennamaa jiraachuus himaniiru. \u2018\u2019Gaaffileen jiran mariifi walgalteedhaani deebii argachuu kan qaban malee hidhannooni miti, kana immoo qaamni hundu hubachuu qaba\u2019\u2019 jedhaniiru. Gaaffiin qawweedhaan hiikamu akka hin jirrees\u00a0 obbo Abduun jala muranii ibsaniiru. Hidhattootni Shanee kun gara gidduugala haaromsa galuun guyyaa 10f leenjii haaromsaa kan fudhatan\u00a0 ta&#8217;us eeraniiru.<\/p>\n<p>Gareen hidhattoota shanee hafanis akka obbolaa isaaniitti,\u00a0 karaa nagaan akka galan obbo Abduun waamicha dabarsaniiru. Warreen waamicha nageenyaa hin fudhanne irratti garuu mootummaan olaantummaa seeraa kabachisuuf kan dirqamu ta&#8217;u hubachisaniiru. Obbo Abduun, haalli nageenyaa bulchinsi sablammichaa yeroo ammaa amansisaa ta&#8217;us dubbataniiru. Nageenyi kun akka dhufuuf qaamolee hirmaatan hundaaf obbo Abduun galateffataniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Nageenyi wabii waan hundaati. Hojjetanii jijjiiramuuf, bahanii galuuf dhalchanii guddisuufi sochii guyyuu dhala namaa keessatti nageenyi gatii guddaa qaba. Waa&#8217;ee hojii keenya boru karoorsuu kan dandeenyu yoo nagaan jiraatedha. Bakka nageenyi hin jirreetti garuu misoomuufi guddachuu miti bahanii galuun rakkisa ta&#8217;u akka danda&#8217;u kan nama shakkiisisuu miti. Naannoo Amaaraatti rakkoon nageenya waggaa tokkofi ji&#8217;a\u00a0 ja&#8217;aan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4784,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[44],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4783"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4783"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4783\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4825,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4783\/revisions\/4825"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4784"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4783"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4783"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4783"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}