{"id":4790,"date":"2025-01-23T08:42:41","date_gmt":"2025-01-23T08:42:41","guid":{"rendered":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/?p=4790"},"modified":"2025-01-23T13:47:14","modified_gmt":"2025-01-23T13:47:14","slug":"gahee-miidiyaan-faayidaa-biyyaa-kabachisuuf-qabu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/2025\/01\/23\/gahee-miidiyaan-faayidaa-biyyaa-kabachisuuf-qabu\/","title":{"rendered":"Gahee Miidiyaan Faayidaa Biyyaalessaa Kabachisuuf Qabu"},"content":{"rendered":"<p>Addunyaa ammayyaawaa keessatti miidiyaan odeeffannoo kennuun dabalata, biyyootni hedduun\u00a0 fedhii isaanii kabachiisuuf bal&#8217;inaan itti fayyadamu. Fuullee biyya isaanii ijaaruufis biyyootni addunyaa miidiyaadha kan isaan itti fayyadaman. Miidiyaaleen yeroo ammaa faayidaa biyyaalessaa biyyootaa kabachisuuf meeshaa guddaa ta&#8217;ani tajaajila jiru. Miidiyaaleen gurguddoo idil addunyaa kanneen akka CNN, BBC, Al Jeeziraafi midiyaaleen biroon, kayyoon hundeeffama isaanii inni ijoon faayidaa biyyaalessaafi mootummaa isaanii kabachisuufidha.<\/p>\n<p>Miidiyaaleen gurguddoo kunneen faayidaa isaanii kabachisuuf jecha odeeffannoofi holola hin taane tamsaasuun, biyyoota biroo diiguuf illee kan duubatti hin deebinedha. Akka bara faranjootaa 1954-1975 yeroo Ameerikaan waraanaa Veetnaam waliin taasiste, injifatamte turte, olaantummaa ishee deebisuuf, gama \u2018\u2019Hollywood\u2019\u2019n hojjechiste, miidiyaa ishee fayyadamuunis fuullee\u00a0 biyya ishee jijjiiru dandeessetti. Ameerikaan waraanichaan mo&#8217;amtus, miidiyaadhaan holola isheen tamsaasteen,\u00a0 biyyootni hedduun waraanichaan Veetnaam akka injifatamte hubannoo akka qabaatan taasisteetti. Kunis miidiyaan ijaarsaafi kufaatii biyyaaf gahee olaanaa qabaachuu agarsiisa.<\/p>\n<p>Itti gaafatamaan qajeelcha komunikeeshinii bulchiinsa sablammii Oromoo, obbo Habtaamuu Isheetuu,\u00a0 Miidiyaan faayidaa biyyaalessaa kabachisuuf humna guddaa qabaachuu dubbataniiru. Midiyaan misooma, nageenya, ijaarsa biyyaafi waliin jireenya uummattootaa cimsuu keessattis faayidaan inni qabu olaanaa ta&#8217;uu himaniiru.\u00a0 Ijaarsa fuullee biyyaa keessatti miidiyaan gahee guddaa qabaachuu kan himan\u00a0 obbo Habtaamuun, odeeffannoo sirrii, waqtaawaafi qabatamaa ta&#8217;e hawaasaaf dhaqabsisuun rakkoolee gama iftoominaafi ilaalcha waliin walqabatan furuuf faayidaa olaanaa qabas jedhaniiru.<\/p>\n<p>Seenessa biyyaalessaafi tokkummaa uummataa ijaaruun, lammiileen biyyattii gara tokkummaatti akka dhufan taasisuu keessatti miidiyaan humna guddaa kan ta&#8217;udha jedhaniiru.\u00a0 Tokkummaan kun immoo humnootni alaa aggaammi biyya irratti taasisan qolachuufi fedhii biyyattiin qabdu mirkaneessuuf murteessaa ta&#8217;uu eeraniiru.\u00a0 Miidiyaaleen biyyoota guddatan, biyyoota meeshaa waraanaa\u00a0 niwukilara hidhatan olitti haala idil addunyaa saffisaan kan jijjiiruufi biyyoonni kun akka kabajaman kan taasisaa jiru ta&#8217;uu kaasaniiru.\u00a0 Miidiyaan biyyi tokko gara sadarkaa olaanaatti akka geessuu kan taasisu, dhagahamummaan isheetis akka dabaluufi sodaatamtee akka jiraattu taasisuu keessatti miidiyaan shoora guddaa qaba jedhaniiru.<\/p>\n<p>Biyyoota guddachaa jiran kan akka Itoophiyaa keessatti miidiyaan sadarka idil addunyaatti hanga barbaadame dhiibbaa uumaa jiraachuu baatus, taatewwaan biyyattii keessatti raawwataman,\u00a0 biyyoonni biroo bifa hin malleefi dogogoraan akka hin gabaasne taasisuun odeeffannoo sirrii kennuus keessatti hojiin isaan hojjetan gaarii ta&#8217;u kaasaniiru. Ajandaa biyyootni biroo faayidaa isaanii kabachisuuf bifa isaan barbaadanin odeeffanoo birmadummaa biyya sarbu tamsaasan fashaleessuu keessatti gaheen isaanii akka salphaatti kan ilaalamu miti jedhaniiru. Haata&#8217;u malee,\u00a0 tokkummaafi walii galteen biyyaalessaa akka uumamuufi faayidaa biyyaalessaa kabachisuu keessatti midiyaalee biyya keenya irraa hojii guddaan kan eegamudha jedhaniiru. Miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa kabachisuu, dhimma tokkummaafi hariiroo uummataa caalaatti cimsan irratti\u00a0 hojjechuu akka qabanis itti gaafatamaan kun dhaamaniiru.<\/p>\n<p>Yuunivarsiitii Gondaritti barsiisaa gaazexeessummaafi komunikeeshinii kan ta&#8217;an Daawit walda Iyyasuus,\u00a0 miidiyaan bashannansisuu, barsiisuufi odeeffannoo waqtaawaafi sirrii ta&#8217;an hawaasaaf dhaqqabsisuuf gahee guddaa qaba jedhaniiru. Nageenyaafi tasgabbii biyyaa fiduu keessattis miidiyaan meeshaa murteessaa ta&#8217;u himaniiru. Yoo itti gaafatamummaan fayyadamuu baanne garuu biyya kan diiguudha jedhaniiru. \u2018\u2019Biyyootni wal deeggaranis ta&#8217;e, kan gareedhaan\u00a0 walitti bu&#8217;an, faayidaa biyya isaanii bu&#8217;uura godhachuudhaani\u2019\u2019 kan jedhan barsiisaan kun, miidiyaaleen biyya keessatti argamanis giddu galli hojii isaanii birmadummaafi faayidaa biyyaalessaa kabachisuu ta&#8217;u irra jiraata jedhaniiru.<\/p>\n<p>Miidiyaaleen keenya muuxannoo miidiyaalee biyyoota addunyaa garaagaraa irraa fudhachuu qabu jedhaniiru. Guddinniifi misoomni biyya tokko kan dhufuu danda&#8217;u, yoo addunyaa waliin dorgomaniidha, dorgomuudhaaf immoo miidiyaan murteessaa ta&#8217;uu eeraniiru. Barsiisaa Daawit, miidiyaaleen haala qabatamaa addunyawaa hubachuuniifi kaayyoo dhaabbatanii bu&#8217;uura taasisuun hojjechuun isaan irra akka\u00a0 eegamu hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Miidiyaaleen diinagdeefi galii isaan argataniin madaaluun biyyattii irratti rakkoo guddaa akka fidus himaaniiru. Sababni isaas galii argachuuf jecha dhimoota walitti bu&#8217;insa fiduu danda&#8217;aniifi hordoftoota isaanii baay&#8217;isuu danda&#8217;an irratti akka xiyyeeffatan ni taasisa jedhaniiru. Kun immoo tokkummaafi waliin jireenya uummattootaaf gufuu guddaa kan ta&#8217;udhaa jechuun himaniiru.<\/p>\n<p>Miidiyaaleen odeeffannoo waliin jireenyaafi tokkummaa hawaasa diiguu tamsaasan irrattis itti gaafatamuummaan jiraachuu akka qabu hubachisaniiru. Odeeffannoo sirrifi waqtaawaa ta&#8217;an hawaasaaf dhaqqabsisuun gahee isaanii sirnaan yoo bahatan, ijaarsa sirna dimookiraasiifi\u00a0 nageenyaaf faayidaa olaanaa qabu, faayidaan biyyaalessaas ni mirkanaa&#8217;a jedhaniiru. Miidiyaaleen birmadummaafi faayidaa biyyaalessaa kabachisuun sirni dimookiraasii akka dagaaguufi biyya nageenya tasgabba&#8217;aa qabdu uumuu keessatti gahee guddaa qabaatuus,\u00a0 kanneen kana hubatan garuu muraasa ta&#8217;u eeraniiru. Kunis kan ta&#8217;e tokkoffaan hubachisuu dhabuu, faayidaa tarsimoo Itoophiyaa miidiyaaleef hubachisuu dhabuu, miidiyaalee bobbaasuufi sirritti gurmeessuu dhabuun hanqinoota gurguddoo ta&#8217;uu himaniiru.<\/p>\n<p>Fayyadamummaa itti fufinsa biyya keenyaa sadarkaa Afrikaafi addunyaatti kabachisuu danda&#8217;uufi miidiyaa kana madaaluu ijaaruun kan yerichi\u00a0 gaafatu ta&#8217;uu kaasaniiru. Miidiyaaleen bifa qinda&#8217;aa ta&#8217;een\u00a0 tokkummaa cimaa uumanii hojiilee faayidaa biyyaalessaa kabachiisan irratti bal&#8217;inaan hojjechuu qabu jedhaniiru. Keessattuu odeeffannoowwan sobaa biyyatti irratti aggaamaman, saaxiluuniifi qolachuuf hojjechuu akka qaban ibsaniiru.<\/p>\n<p>Miidiyaaleen kamiyyuu yeroo hundeeffaman feedhii mataasaanii qabu kan jedhan barsiisaan kun,\u00a0 keessattuu miidiyaaleen biyya keessaa maqaa naannootiin hundeeffaman, naannummaa irraa bahaanii akka biyyaatti hojjechuun faayidaa biyyattiin barbaaddu kabachisuu qabu jedhaniiru. Kanaafuu midiyaaleen biyya keessaa waliin qinda&#8217;aanii, tokko ta&#8217;ani ajandaa biyyaaf ta&#8217;u bocuun, marii paanaalii qopheessuunifi hayyoota hirmaachisuun fedhii biyyattii kabachisuuf yeroo kamiyyuu caalaa hojjetamuun akka barbaachisu ibsaniiru.<\/p>\n<p>Hordoffii miidiyaa\u00a0 taasisuunis faayidaa biyyaalessaa kabachisuuf murteessaa ta&#8217;us himaniiru. Biyyootni biroo waa&#8217;ee biyya keenyaa maal jedhu? kan jedhu hordofuun deebii barbaachisuu kennuufi dhiibbaa biyyaa irratti taasisan qolachuuf barbaachisaa akka ta&#8217;e hubachisaniiru.<\/p>\n<p>Alamuu Balaayiin<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Addunyaa ammayyaawaa keessatti miidiyaan odeeffannoo kennuun dabalata, biyyootni hedduun\u00a0 fedhii isaanii kabachiisuuf bal&#8217;inaan itti fayyadamu. Fuullee biyya isaanii ijaaruufis biyyootni addunyaa miidiyaadha kan isaan itti fayyadaman. Miidiyaaleen yeroo ammaa faayidaa biyyaalessaa biyyootaa kabachisuuf meeshaa guddaa ta&#8217;ani tajaajila jiru. Miidiyaaleen gurguddoo idil addunyaa kanneen akka CNN, BBC, Al Jeeziraafi midiyaaleen biroon, kayyoon hundeeffama isaanii inni ijoon [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":8,"featured_media":4806,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[43],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4790"}],"collection":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/users\/8"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4790"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4790\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4805,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4790\/revisions\/4805"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media\/4806"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4790"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4790"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/ameco.et\/hirkoo\/index.php\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4790"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}